Feedhghh ghhjii a chjjbc fhhhhd fhgggf ddaa.pptx

aminadabneway 1 views 55 slides Oct 15, 2025
Slide 1
Slide 1 of 55
Slide 1
1
Slide 2
2
Slide 3
3
Slide 4
4
Slide 5
5
Slide 6
6
Slide 7
7
Slide 8
8
Slide 9
9
Slide 10
10
Slide 11
11
Slide 12
12
Slide 13
13
Slide 14
14
Slide 15
15
Slide 16
16
Slide 17
17
Slide 18
18
Slide 19
19
Slide 20
20
Slide 21
21
Slide 22
22
Slide 23
23
Slide 24
24
Slide 25
25
Slide 26
26
Slide 27
27
Slide 28
28
Slide 29
29
Slide 30
30
Slide 31
31
Slide 32
32
Slide 33
33
Slide 34
34
Slide 35
35
Slide 36
36
Slide 37
37
Slide 38
38
Slide 39
39
Slide 40
40
Slide 41
41
Slide 42
42
Slide 43
43
Slide 44
44
Slide 45
45
Slide 46
46
Slide 47
47
Slide 48
48
Slide 49
49
Slide 50
50
Slide 51
51
Slide 52
52
Slide 53
53
Slide 54
54
Slide 55
55

About This Presentation

The jok gjjff hjhhhgf


Slide Content

1. Seensa Barnoota qulqullina qabu lammiin gahuuf barnoota fedhii addaa yookiin hunda hammatoo hojii irra oolchuun dhimma filannoo hin qabneedha.Haaluma kanaan biyyi keenyas barnoota fedhii addaa eega hojii irra ooluuchuu eegalee oolee bulee jira . Gama biraatiin immoo barattoonni fedhii addaa qaban hedduun osoo mana barumsaatti hindhufiin hafanii jiru,kana olittis barattoonni baayyeen fedhiin isaanii adda bahuu dhabuu irraa kan ka’e harcaatiifi hafteef saaxilamaa jiru. Kanaafuu , carraafi qulqullinni barnootaa akkasumas gahumsi keessoofi walgitiinsi barnootaa gaaffii keessa galee jira . Kanaafuu , BFA haala tarsiimootiin hojii irra oolchuun nurraa kan eegamuudha . 1

1. Seensa… Kana galmaan gahuufiis Wiirtuu Kenna Deeggarsa Barnoota Fedhii Addaa haala qajeelfamaatiin hundeessuun barbaachisaadha . Haaluma kanaan , hawaasni mana barumsaafi dhimmamtoonni qajeelfama hundeeffama wiirtuu kenna deeggarsa barnoota fedhii addaa irratti hubannoo qabaacchuun barbaachisaa waan ta’eef sagantaan kuni qophaa’ee jira . 2

2. Barbaachisummaa Wiirtuulee k enna deeggarsa barnootaa fedhii addaa sosochii / hojii keessa jiran hundeessuufi bulchuun barattoota barnoota fedhii addaa qabaniif deeggarsaaa taasisuun carraa barnootaa baballisuu , walgitiinsaafi gahumsa keessoo foyyeessuu akkasumas qulqullina barnootaa mirkaneessudha . 3

3.Kaayyoolee Dhimmamtoonni barnootaa yaada-rimeefi gochaalee wiirtuu kenna deeggarsa barnoota fedhii addaa akka hubatan gochuu. Dirqamaafi ittigaafatamummaa hawaasa barnootaa sadarkaa sadarkaan jiruufi hojjatuu adda baasuun beeksisuu . Muullistoota / agarsiistota akka safartuu madaalliifi calaqqee funaanuun duubdeebii argameeuun wiirtuu kenna deeggarsa barnoota fedhii addaa fooyyeessuuf oolan qopheessuuf tajaajila . 4

4 .Barnoota Addaa (Special Education) Barnootni Addaa barnoota barattoota fedhii addaa qabaniif fedhii isaan qaban irratti hundaa’uun daree adda , yunitii addaa yookiin mana barumsaa addaa keessatti kennamuudha . Dareewwan yookiin manneen barnoota kanneen keessatti barsiisonni barsiisaan leenjii addaa kan fudhataniidha . Barattoonni asitti baratanis carraa ogeeyyii adda addaa kan akka teeraappistii,ogeessa xiinsammuu fi kkfn tajaajilammuu kan qabaniidha . Hirri barataa barsiisaas xiqqaadha . Tajaajila 5

5.Barnoota Fedhii Addaa (Special Needs Education) Barnoota Fedhii Addaa fi Barnoonni Addaa akka waan tokko ta’aniitti yeroo baayyee namoonni ittiin fayyadamu . Barnoonni Fedhii Addaa tajaajilawwan garaagaraa barattoota fedhii addaa qabaniif taasifamuudha (for disabilities , impairments or social-emotional difficulties). Kuni tajaajilawwan manneen barnoota addaa , daree addaa , yunitii addaa keessatti kennaman akkasumas barnoota hunda hammatoo kan dabalatuudha . Tajaajila 6

6. Barattoota Fedhii Barnoota Addaa Qaban (Learners with Special Educational Needs /LSEN) Akka waliiglaatti barattoonni fedhii barnoota addaa qaban jechuun barattoota sababoota garaagaraatiin barachuu irrattii yeroo tokko tokko rakkooleen isaan muudataniidha . Kanaafuu , yeroo gabaabaaf yookiin yeroo dheeraaf barnoota isaanii irratti gargaarsa dabalataa kanneen barbaadaniidha . Barattoota ( irra-caalaa ) 7

6 .Barattoota Fedhii Barnoota … B ifa birootiin yoo ibsamu,gareen kuni , barattoota barachuu fi dagaagina barnootaa isaanii irratti rakkooleen muudataniidha . Gufuuleen barnootaa kunniin sababoota garaagaraa barnoota irratti milkii dhabuuf nama saaxilan ( a range of factors leading to disadvantage and marginalization) irraa kan ka’aniidha . 8

6 .Barattoota Fedhii Barnoota … Sababoota barachuuf gufuu ta’uun barnoota irratti dhiibbaa geessisan kanneen keessaa : Hirrina qaamaa irraa kaa’uun barachuu danda’uu dhabuu yookin rakkoo barachuuf dadhabuu , qaamaa miidhama qabaachuu , akkasumas rakkina hawaasummaa fi yaad-qalbii kan qaban , Dandeettiifi kennaa addaa kan qaban , Rakkoo hawaas-diinagdeefi kanneen hanqina nyaataa madaalawaa qaban , 9

Ittifufa … HIV/ AIDSiin qabamuu , Saboota / aadaa baayyina uummataa muraasa qabanii , Hawaasa baadiyaa iddoo hin qaqqabamne jiraatan , Kanneen miidhaan adda addaa akka waraanaa , walitti bu’iinsaa,miidhaa lolaafi kkf isaan muudate kan dabalatuudha . 10

Ittifufa … Piriinsippiloonni hedduun armaan olitti eeraman gareewwan hunda kan ilaallatan ta’us xiyyeeffannoon kan kenname barattoota miidhama qaamaa qabaniifidha .Kunis , sababoota baayyeen isaanii manneen barnootan ala jiraniifi . Wanti hubatamuu qabu garuu rakkooleen barnootaa dachaan jiraachuu isaaniiti . Fakkeenyaaf ; miidhama qaamaa qabaachuunii fi rakkoon hawaas-diinagdee baadiyyaa qaqqabamuu hin dandeenye waliin ta’uun miidhaa uumamu kan cimsuudha . 11

7 . Barnoota Hunda-Hammatoo (Inclusive Education) Akka ‘ UNESCO’n jedhutti Barnoonni Hunda-Hammatoo baarnoota qaqqabamaa gochuuf adeemsa dandeettiin siistama barnoota ittiin cimuudha . Akka piriinsippiliitti , Barnoonni Hunda-Hammatoo Imaammatoota Barnootaa fi raawwiiwwan isaa hunda ; kallattii qabsiisuu qaba jedhameet amanama . Kunis , barnoonni mirga bu’uraa namoomaa fi hawaasa walqixxummaan isaa mirkanaa’e uumuu keessaatti gahee inni qabu irraa ka’uuni . Adeemsa 12

7 . Barnoota Hunda-Hammatoo (Inclusive Education) Kanaafuu,Barnoonni Hunda-Hammatoo siistama barnootaa barattoota hiyyummaan , korniyaan , sabummaan,afaaniin,miidhama qaamaatiin osoo adda hin baasiin hundaaf banaa ta’eedha . Kana jechuun Barnoonni Hunda-Hammatoo barattoota Barnoota Fedhii Addaa , miidhama qaamaa irratti hundaa’een alatti,gufuulee barnootaa sababoota birootiin dhufan kan dabalatuudha ( includes consideration of other sources of disadvantage and marginalization). 13

7 . Barnoota Hunda-Hammatoo … Barnoonni Hunda-Hammatoo barattoonni hunduu barachuu ni danda’an jedha . Kanaaf immoo dhimmoota gufuu barnootaa ta’an adda baafachuun manneen barnootaa , dhaabbilee leenjii ogummaa,barnoota olaanoo , kolleejjota barsiisotaa fi hooggansa barnootaa keessaa salphisuu yookiin dhabamsiisuu irratti kan xiyyeeffateedha . Barnoota qabxii gadi aanaa galmeessisaniifi irranfatamanniifis xiyyeeffannaa kan kennuudha . 14

7 . Barnoota Hunda-Hammatoo … Fedhii barattoota hundaa guutuuf naannoon barnootaa mijachuu qaba.Kana jechuun Barnoonni Hunda-Hammatoo barattoonni hundi yoo naannoon barnootaa mijateefi deeggarsi taasifameef barachuu danda’ani jedhee waan amanuufi . Barnoonni Hunda-Hammatoo waa’ee jijjiirama gochaa manneen barnootaa fi siistama isaatiin taasifamuu akkasumas jijjiirama ilaalchaa hawaasa mana barumsaa,mala barsiisuu fooyyessuu,sirna barnootaa,kenniinsa barnootaa fi naannoo barnootaa akka barattoota hundaaf mijatutti fooyyeessuu kan dabalatuudha . 15

8 .Walitti Makuu (Integration) Barnoonni Hunda-Hammatoo barattoota Fedhii Barnoota Addaa Qaban daree idilee keessatti yoo barsiisuu Walitti Makuun ( Integration) barattoota kanneen yeroo guutuu yookiin guyyaa keessaa yeroo gabaabaaf barattoota idileetti makamuun akka baratan kan taasisuudha . Yeroo hafe keessatti immoo daree addaa / yuunitii addaatti akka baratan kan taasisuudha . Biyyoonni tokko tokko Walitti Makuu ( Integration) akka mala Barnoota Hunda-Hammatootti cehumsaaf ittiin fayyadamu . Adeemsa Cehumsaa 16

9. Wiirtuu Deeggarsaa BFA/Resource Center Sakatta'iinsi barreeffamootaa keessatti wiirtuun kenna deeggarsa barnoota fedhii addaa akka caasaatti siistama barnootaatti dabalamuun isaa, keessattu biyyoota g uddachaa jiranitti , akka yaada-rimee haaraatti fudhachuun ni danda’ama .(Mana barumsichaa guutuu ilaallata ) Yaa ta’uu malee biyyoota guddatan kan akka Siwidiin keessatti hojii irra kan turee gara biyyoota guddachaa jiran garaa garaatti kan akka Indiyaa , Keeniyaa , Afrikaa Kibbaafi Hoongi Koongitti baballachuun hojii irra oolee jira . Kana keessatti hundinuu haalli yaada-rimeefi hammattoon isaa kan walfakkaatu yoo ta’u xiyyeeffannoon guddaan barattoota barnoota fedhii addaa qabaniif deeggarsa taasisuudha . 17

9.1.Gaheewwan Wiirtulee Kanneenii (WKD): Hojiilee WKD kanneen keessatti hojjetaman keessaa : Barattoota adda baasuu, tajaajilawwan deeggarsa addaa addaa , leenjiifi tajaajila gorsa ogummaa , rifaraalii barattoota barnoota fedhii addaa CRC sana keessatti argamanii . Manneen Barnoota Addaa qaama siistama barnoota walsimataa gochuu 18

9.1.Gaheewwan Wiirtulee Kanneenii (WKD): Manneen barnootaa hammattoo mirga qaama miidhamtootaa keessatti akka hojjettan gochuu, Barattoota fedhii addaa cimaa ta’e qaban(severe disabilities) tajaajila qulqullina qabu kennuuf humna dandeettii raawwachiisummaa cimsuu , Faasilitiiwwan manneen barnootaa ( duraan gadi bu’aa ta’an ) fooyyeessuuf , Barsiisota hunda barnoota hunda-hammatoo irratti leenjii addaa addaatiin hubannoo uumuu , Istaafii sadarkaa aanaatiif gahee isaan qaban irratti leenjii hubannoo uumuu kennuufii 19

9.2.Fooyya’iinsa Naannoo Barnootaa Irratti Taasisuu: Fooyya’iinsa Kanneen keessaa ( Sosochii hawaasaa dabalata ): Rampii gamoo manneen barnootaafi daree barnootaaf ijaaruu / tolchuu , Mana fincaanii barattootaaf (physical disability) mijataa taasisuu , Fooddaa daree barnootaa akka ballatu (akka hindhiphanne ) gochuu, Daree keessa halluu mijataa dibuun akka hin dukkanaafne taasisuu , Daree barnoota baraaxa’an suphuu Dirree mooraa mana barumsaa walqixxeessuun akka taphaaf mijataa ta’u gochuu , 20

9.3.Moodala Wiirtuu Kenna Deeggarsa BFA Beekumsaafi ogummaa Wantoota barbaachisan /materials Meeshaalee / Equipment Naannoo hunda hammatoo Istaafii ogeeyyii 21

9.3.Moodala Wiirtuu Kenna Deeggarsa BFA Akka waliigalaatti , biyya keenya dabalatee , WKD barnoota fedhii addaa hawaasa bu’ureeffate akka moodelaatti tajaajila kennaa kan jiruudha . Tajaajilaawwan sakatta’iinsaa , leenjii , deeggarsa addaafi deeggarsa manneen barnoota idileetiif kennuun barnoota hunda hammatoo mirkaneessuuf hojjachaa kan jiru . 22

9.4. Barbaachisummaa Wiirtuun Kenna Deeggarsa BFA Biyya Keenyaaf (Maaliif) Barattoota barnoota addaa barbaadan deeggaruuf dursa sakkatta’uun adda baasuun akka barbaachisu Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa hubannoo keessa galchee kan jiruudha . “ Dursanii adda baasuun,dursanii saka’tta’uufi dursanii deeggarsa taasisuun ” jechoota Wiirtuu Deeggarsa Barnoota Fedhii Addaa keessatti yaada bakka guddaa qabuudha . Kanaafuu , wiirtuu deebsanii dhaabuu hawaasa bu’ureeffateefi seektara fayyaa waliin hariiroo uumuun dursanii adda baasuun deeggarsa kennuun barnootaaf barbaachisaadha . Kanaaf immoo barattoota barnoota fedhii addaa qabaniif barsiisaa mala baruu-barsiisuun leenjiifi beekumsa qabuufi bu’a qabeessa ta’e kan barbaachisuudha . 23

9.5.WKD Barnoota Fedhii Addaa Hundeessuuf Wantoota Guutamuu qaban: Raamps Mana Ficaanii Mijatan Teessoo Mijatan Iddoo Weelcharii Bishaan Dirree taphaa’aa Mana barumsaa nagaaya qabu Agarasiistuu /Signage 24

9.6. Kaayyoolee WKD Barnoota Fedhii Addaa Kaayyoolee xumuraa (ultimately) WKD Barnoota Fedhii Addaa: Barnoota barattoota hunda, barattoota fedhii addaa qaban manneen barnotaa addaafi idilee dabaluun , deeggaruuf beekumsaafi dandeettii barsiisu akka argatan gochuuf , Deeggarsa addaa ogeeyyii addaatiin kennuufiif qajeelchaafi gorsa ogummaafi fedhii gama fayyaatiin barattoonni hundi qaban adda basuun deeggaruun dandeettiin barnootaa isaanii akka guddatu gochuudha . 25

9.6.Kaayyoolee WKD Barnoota Fedhii Addaa Meeshaalee barbaachisoofi deeggarsa teekinoolooji ( manaxirii , deeggarsa dhageettiif kanneen oolan , kiraanchii kkf ) kennuun dandeetii barachuu barattootaa barnoota fedhii addaa qabanii dabaluu , Barnoota, kanneen fedhii addaa qaban dabalatee , hunda hammatoo gochuuf manneen barnootaafi barsiisota ollaa jiraniif daree isaanii keessatti deeggarsa taasisuufii . Kuni leenjii kennuun , meeshaalee deeggarsa barnootaafii teekinoolojii ergisuufiin,deeggarsa riferaaliifi sakatta’iinsa barattootaaf taasisuun adda baasuu , kkf taasisuun. 26

9.6. Kaayyoolee WKD Barnoota Fedhii Addaa Manneen barnootaa ollaa , maatii barattootaa , hooggansa barnoota aanaa , dhaabbilee miti-mootummaafi dhaabbilee qaama miidhamtootaa , kilinikootaafi hoospitaalota waliin deeggarsaaf hariiroo taasisuun, Calallii,adda baasuu , sakkatta’uufi rifarii barattoota barnoota fedhii addaa qabaniif garee koorii (core team)fi barsiisota waliin sadarkaa manneen barnootaatti taasisuu , 27

9.7.Wantoota WKD Barnoota Fedhii Addaa Istaandaardii Guuttate Hundeessuuf Barbaachisan Wantoonnii barbaachisoon armaan gaditti caqafaman istaandaardii Wiirtuu Kenna Deeggarsa Barnoota Fedhii Addaa hundeessuuf barbaachisaniidha.Yaa ta’u malee hunda isaanii altokkotti guutuun sababa adda addaatiin rakkoo ta’uu mala . Kanaaf yeroo dheeraa keessatti wantoonni guutaman kan jiran ta’a. Kanaaf , humna namaafi meeshaalee barnootaa amma danda’amu guuttachuunfi kanneen mana barumsaa sana keessatti argaman walitti fiduun Wiirtuu Kenna Deeggarsa Barnoota Fedhii Addaa hojii isaa gahumsaan raawwatu tokko hundeessuun ni danda’ama . Humna namaafi meeshaaleen armaan gaditti caqafaman kaayyoo Wiirtuu Kenna Deeggarsa Barnoota Fedhii Addaa, gahumsaan bahachuuf kan barbaachisaniidha . 28

9.7.1.Istaafii/Staffing Hooggansa Mana Barumsaa: beekumsa barbaachisaa ta’e barnoota fedhii addaa irratti kan qabu / qabdu . Barsiisota: ogummaa barsiisummaa barattoota gosa hundaa kan goonfate Ogeeyyii deeggarsa addaa kennan Educational psychologist Speech therapist Occupational and Physiotherapists School nurse Interpreter(s) Orientation and Mobility trainer(s) Braille trainer Barsiisaa marmaaraa / Itinerant teacher(s): kan hojii leenjii , barattoota adda baasuu,hooggansaafi barsiisota leenjisuu kkf hojjatu / hojjettu 29

9.7.2.Meeshaalee Barnoota Mijataa taasisuuf fayyadaniifi Deeggarsa Teekinooloojiif oolan : Meeshaalee biiroo,fkn minjaala,teessoo,sheelfii , Gabatee gurraachaafi boronqii Meeshaalee barnootaaf leenjiif oolan ersaasa , qalama , dabtara yaadannoo , chaartiiwwan addaa addaa , sarartuu kkf . Boordii odeeffannoo qaamotaafi hawaasa mana barumsaa hundaaf dabarsuuf tajaajilu,kkf Kompiitara deeski tooppiifi laab tooppii akkasumas piriintaraafi iskaanar isaanii barsiisaa marmaaroon ittiin fayyadamaman , Maashina footoo kooppii , 30

9.7.2.Meeshaalee Barnoota Mijataa taasisuuf fayyadaniifi Deeggarsa Teekinooloojiif oolan : Chaartii Viidiyoo Comics Giloobii Afata /carpet Meeshaalee Barnootaa biroo kan akka abakus , Lakkofsiftuu,montosarii Meeshaalee ogummaa harkaaf oolan Viidiyoo kaameraa,TV adda addaa,DVD , Tape Recorder, kaasseettii,CD 31

9.7.2.Meeshaalee Barnoota Mijataa taasisuuf fayyadaniifi Deeggarsa Teekinooloojiif oolan : Projaktara,LCD,Golgaa (screen) leenjiif oolu Viidiyoo rekoordarii agarsiisaaf oolu Meeshaalaa deeggarsa yaalii duraa,meeshaa ibidda dhaamsuuf oolu , Mana ficaanii qulqullina isaanii eegamee qaama midhamtootaaf mijatoo ta’an Mana kuusaa meeshaalee eegumsa cimaa qabu , Maashina imboosara bireeyilii , Dirree Wiilcharii mijataafi qaqqabamaa ta’e Meshaalee barnootaa, taphaa kan akka kubbaa , ashaanguliitii , fakkiiwwan kkf 32

Meeshaalee Barattoota Rakkoo Ijaa qabaniif ( Visual Impairment) Isleetiifi Istaayilasii Ulee adii /Cane Abaakasii /Abacus Sarartuu Bireeyiilii / Braille Ruler Kiitii Ijaarsa Jechaa /Word Building kit Kiitii Herreegaa /Mathematics kit Braille Watch Talking Watch Mechanical Brailler for the Blind 33

Meeshaalee Barattoota Rakkoo Ijaa qabaniif (Visual Impairment) Talking Calculator Teaching Braille with ink Braille paper for Slate or Braille type writer usage Computers with software for Visually Impaired learners Low vision devices such as magnifying lenses, reading stands and large print books Snellen chart Tactile maps Braille Dictionary Head Phone Sound/ Beep Ball 34

Meeshaalee Barattoota Rakkoo dhageettii qabaniif Hearing Impairment Hearing Aids (body and/or in-the-ear), dhageettii gargaaruuf Dikshinary aflattoo (Sign Language Dictionary) Gabatee aflatoo (Sign language chart) Otoscopy and otoscopy picks (optional), gurra sakatta’uuf Audiometer (optional), dhageettii safaruuf 35

Meeshaalee Barattoota Rakkoo Qaamaa qabaniif “Physical Impairment” Wheel chairs, walker, crutch and other walking devices Qabannaa ( Rails in corridors and in toilets) Dirree fayyadamtoota wiilchariif mijatu Mana ficaanii fooyya’ee qaama miidhamoo hundaaf mijatu Raampii ulaa hundaa daree barnootaa hundaaf Liiftii gamoo hundaaf 36

Meeshaalee Barattoota Rakkoo Dubbachuufi Waliigaltee qabaniif (Speech and Communication Difficulties) Speech training kits for children with speech difficulties Picture Exchange Communication System (PECS) 37

Meeshaalee Barattoota Rakkoo Sammuu qabaniif Intellectual Disability Meeshaalee montasorii (Montessori) TV & DVD Meeshaalee wabii jijjiirama amalaaf (Reference materials on Adaptive behavioral skills) Kitaabolee /Text books Meeshaalee hojii ogummaafi teekinikaaf (Vocational and technical training materials) 38

Gahee Qaama Sadarkaa Sadarkaan Jiruu WKD Barnoota Fedhii Addaa keessatti Qaban (MOE) Gahee Ministeera Barnoota Federaalawaa: Sadarkaa Ministeera Barnootaatti Wiirtuu Kenna Deeggarsa Barnoota Fedhii Addaa hundeessuun baajata gahee ramaduun hojii irra akka oolu taasisuu , Wiirtuun Kenna Deeggarsa Barnoota Fedhii Addaa akka sadarkaa naannoo / Bul.Magaalaatti haala KGT tiin (ESDP V) hundeeffamuu isaanii mirkaneeffachuu , Hundeeffamaafi bulchiinsa Wiirtuu Deeggarsa barnoota fedhii addaa cimsuu , 39

Gahee Qaama Sadarkaa Sadarkaan Jiruu ..(MOE) Baajata dabalataa qaama deeggarsa kennu irraa barbaaduun hojii irra oolmaa Wiirtuu Kenna Deeggarsa Barnoota Fedhii Addaa cimsuu , Biiroo barnootaa naannooleefi dhimmamtoota biroo waliin ta’uun meeshaaleefi teekinooloojiin deeggarsa barnoota fedhii addaafi meeshaaleen biroo barbaachisoo ta’an Wiirtuu keessa akka jiraatan hojjachuu , Hojii irra oolmaa Wiirtuu Kenna Deeggarsa BFA hordofuufi madaaluu , Biiroon barnoota naannoolee hojii irra oolmaa WKD BFAtiif karooraafi baajata qabachuu isaanii hordofa . 40

Gahee Biiroo Barnoota Naannoo Wiirtuu kenna deeggarsa Barnoota Fedhii Addaa hundeessuuf baajanni ramadamuufi isaa akkasumas hooggansi sirrii kennamaa akka jiru hordofuu , Dandeettii WKD barnoota fedhii addaa cimsuufi tajaajila walittifufaa akka kennu leenjii walitti fufaa karooraan istaafiif kennuu , Barsisaa marmaaroon Wiirtuu kenna deeggarsaa irratti ramadamuu mirkaneeffachuu , Meeshaaleen barbaachisoon WKD BFA tiif haala Waajjira Barnoota Aanaafi garee koorii (Core Team)n adda baheen ramadamuu mirkaneeffachuu , 41

Gahee Biiroo Barnoota Naannoo Ittai gaafatamummaa kan qabu Waajjira barnootaa aanaa waliin hariiroo uumuun uumuun : Sakatta’uufi adda baasuun ogeeyyii barnootaa dhimmichi ilaalu ogeessa barnoota fedhii addaafi ogeessa seektara barnootaatiin adeemsifamuu isaa mirkaneeffachuu , Meeshaalee deeggarsa dhageettii , ulee adiifi deeggarsa teeknooloojii akkasumas meeshaale biroo deeggarsa barnootaa da’immaniin barbaadaman akka guutamu taasisuu . 42

Gahee Biiroo Barnoota Naannoo Saminaara sadarkaa naannoo / warkishooppii maatii barattootafi dhimmamtoota birootiif garee koorii (Core Team) waliin ta’uun sadarkaa WKD tti qopheessuu , Walgahii haala karooraan qabameen adeemsisuu Manneen barnootaa WKD itti hundeeffaman adda baasuu , Hordoffiifi madaallii raawwii WKD irratti adeemsisuun jijjiirama / tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu , Dhaabbilee barnoota olaanoo waliin qorannoo gochaa gaggeessun hanqina , fooyya’iinsa, barnoota argameefi muuxannoo gaarii adda baasuun murteessuu.Haala kanaan qorannoo barattoota irratti xiyyeeffate (case study) akka qaama hordoffiifi madaalliitti fayyadamuun argannoo sadarkaa aanaafi mana barumusaa ifa gochuudha . 43

Gahee Waajjira Barnoota Aanaa Bajanni gahaan WKD barnoota fedhii addaatiif ramadamuu isaa mirkaneeffachuu , Clasterii manneen barnootaa (CRC) tajaajila aana keessa jiru irratti hundaa’uun murteessuu , Ramaddii barsiisaa marmaaroo ogummaa irratti hundaa’ee raawwchuu isaa mirkaneeffachuu , Barsiisonni hundiifi dura bu’oonni manneen barnoota Wiirtuufi saatalayitii keessaa hundi Tarsiimoo BFA irratti leenji’uu isaanii mirkaneeffachuu , Wiirtuun akka ittifufiinsa qabaatu gahee isaanii bahachuu , Meeshaalee wiirtuu keessaa haala sagantaatiin suphuu 44

Gahee Waajjira Barnoota Aan … Hariiroo Biiroo Barnoota Naannoo waliin uumuun : Sakatta’iinsifi adda baasuun barattootaa ogeeyyii barnootaa barnoota fedhii addaafi ogeeyyii seektara fayyaa dhimmi ilaalu taasifamuu isaa mirkaneeffachuu , Gargaartuun dhageetti (hearing aid), ulee adiifi meehaaleen deeggarsaa biroo barattoota isaan barbaachisuuf kennuu.Kuni immoo DPO( dhaabbilee Qaama miidhamtoota deeggaran ), kilinikootafi hospitaalota waliin hariiroo uumuu barbaachisa. Barsiisota marmaaroon manneen barnoota saatalaayitii deemuun akka deeggaran geejiba mijeessuu , Sadarkaa aanaatti barnotta fedhii addaa iratti hojii hubannoo uumuu hojjachuun akka galmeen guddatuufi harcaatiin isaanii xiqqaatu taasisuudha . 45

Gahee Waajjira Barnoota Aan … Garee Koorii (core team) sadarkaa Wiirtuutti cimsuu , Hojiilee sadarkaa wiirtuutti hordofuufi madaaluu Biiroo Barnoota Naannootiif gabaasuu 46

Garee Koorii (Core Team) sadarkaa WKD Koor tiimiin gahee karoora irratti mari’achuun waliigaluu , hojii irra oolmaa isaa haala qajeelfamaatiin hordoffiifi madaallii gaggeessuu qabu . Dura bu’aan mana barumsaa adeemsa kana deeggarsa barsiisaa marmaaraatiin hoogganuufi bulchuuf gahee guddaa qaba . Hojii irra oolmaan isaa bu’a qabeessa akka ta’u hirmaannaanfi waldeeggarsi miseensota hundaa barbaachisaadha . Leenjii mana barumsichaatti irratti hirmaachuufi dhimmoota adda addaa irratti garee raawwii aanaa to’atu waliin ni mari’atu , 47

Miseensonni Garee Koorii Dura bu’aa wiirtuu kenna deeggarsaa Dura bu’oota manneen barnoota saatalaayitii Supparvaayizarii CRC Barsiisaa / tuu marmaaraa / tuu Bakka bu’aa GMB Ogeessa Saayikoolojii ( bakka jirutti ) Barsiisota wiirtuu irraa bakka bu’an lama,barsiisaa BID dabaluun Bakka bu’aa barattoota barnoota fedhii addaa 48

Nageenyaafi Eegumsa Wiirtuu Kenna Deeggarsa Barnoota Fedhii Addaa Eegumsa (security) eegumsa balaa,sodaa yookiin miidhaa uummatafi qabeenya yoo ilaallatu,nageeny immoo dhimmoota qulqullinaa,yaaddoo irraa bilisa ta’uu , cinqmuufi haala dibbirtii (depression) uuman kan ilaallatanuudha . Akka dhaabbata hawaasa fayyadu tokkootti , Wiirtuun K enna D eeggarsa b arnoota fedhii addaa eegumsaafi nageenya qabaachuun uummataa , barsiisotaan,daa’immaniinfi maatiin , fudhatamuu qaba . Hawaasni mana barumsaas hubannoo kanaa qabaahuun eegumsaafi nageenyaatiin qophaa’ina gahaa gochuun sodaa (panic) yeroo mara dhabamsiisuu qabu . Eegumsaafi nageena wiirtuu kenna deeggarsa barnoota fedhii addaa mirkaneessuuf immoo wantoonni raawwatamuu qaban tarreeffamanii jiru . isaanis : Kanaaf immoo furmaata 49

Egumsa Mooraa Mana barumsaatiifi fi Wiirtuu Kenna Deegarsaa Barnoota Fedhii Addaa Eegumsa kan qabuufi qaqqabamaa (accessible) Wiirtuun kenna deeggarsa barnoota fedhii addaa meeshalee hedduu waan qabuuf dallaafi ulaa,fooddaafi furtuu cimaa qaama hayyama hin qabne hin seensisne akkasumas kan alarmii kan qabu ta’uu qaba . 50

Argama /Location WKD Dareen w iirtuun kenna deeggarsaa qabeenya addaa addaa itti kuufatu biiroolee bulchiinsa mana barumsaa sana irraa fagoo ta’uu hin qabu,itti dhiyaatee hundeeffamuu qaba . Kana gochuun hojii hordofuufi eegumsa cimaadhaaf bakka mijaa’ina qabu jedhamee waan amanamuufi . 51

WKD Ifaa /Lighting qabaachuu qaba Wiirtuun Kenna deeggarsaa sirriitti akka hojjatu Elektiriikii qabaachuu qaba Yeroo ifaan badeef immoo janareetara qabaachuun barbaachisaadha . Ampuulii humna ifaa tursiifatanis barbaachisaadha 52

Fayyadama Meeshaalee Elektirooniksii Barsiisaa marmaaraan / tuun yookiin namni meeshaalee wiirtuu kana keessatti elektiriikaa fayyadaman itti fayyadama meeshaalee kanneen irratti hubannoo qabaachuun barbaachisaadha . Yeroo itti fayyadamus akka balaan qabeenyaafi nama (barattoota, barsiisota , hojjattoota ) irra hin qaqqabne ofeeggannoo olaanaa qabaachuun barbaachisaadha . Kana gochuun,meeshaaleen kunniin akka yeroo dheeraafiis tajaajilan wantoota taasisaniidha . 53

Suphaa Meeshaalee Meeshaaleen mana barumsaa wiirtuu kenna deeggarsaa keessa jiran fayyadama keessa hojii dhaabuu waan malaniif kanneen suphaa kan barbaadan ta’u . Kanaafuu , suphaan walitti fufiinsa qabu taasifamuu qaba.Meeshaaleen akka maashina photokoppii , braille, thermoform, piriintara , awudometiriifi kkf suphaa barbaadu . Qaamni meeshaalee kanneenitti fayyadamu kan akka barsiisa / tu marmaaraa / tuu dhimma suphaa meeshaalee kanneen irratti hubannoo kennamuufii qaba. WDBFA \Needed Materials.pdf 54

Galatoomaa !! 55