Fuullee Magaalichaa Naannoo Amaaraa Bulchiinsa godina saba Oromootti bulchiinsa magaalaa jiran keessaa bulchinsi magaalaa sanbatee ishee tokkodha . akka seenaan afaaniin dubbatamutti magaalli sanbatee bara 1915 yeroo bulchiinsa sirna lij Iyyaasuu akka Hundoofte ni dubbatama kanaafis ragaa bahuu kan danda’u mootiin Liij Iyyaasuu gabaa sanbatee keessatti baargamoon dhaabsiisan hanga ammaa baargamichi jiraachuun isaa ragaa ni ta’a . haaluma kanaan magaallatiin erga Hundooftee bara 100/ dhibba tokko ol ykn jaarraa tokko ol lakkoofsisteeti jechuudha . karaa biraatiin magaalatiin umrii dheeraa qabdi jechuudha .
Mul’ina (vision Nageenya Amansiisaa , dimookiraasii fi bulchiinsa gaarii kan itti mirkanaa’ee haqni Hawaasummaa kan itti dagaagee fi Bulchiinsa magaalaa galii gidduu galeessaa qabdu bara 2022 tti arguudha .
Ergama (Mission) Humnoota misoomaa hundumaa haala gurmaa’een hirmaachisuu fi qabeenya jiru sadarkaa ol aanaatti fayyadamuun nageenya , Dimookiraasii fi bulchiinsa gaarii misooma dinagdee fi hawaasummaa walitti fufiinsaan mirkaneessuun Afaanii fi aadaa bulchiinsa magaallichaa cimsuun uumanni sadarkaa sadarkaan itti fayyadamaa akka ta’uu fi misooma magaallichaaf haala hiika qabuun shoora isaa kan gumaachuu badhaadhina bulchiinsa magaallichaa keessaatti mirkaneessuu dha .
Galma Hawaasa fedhii misooma isaa gama hundaan guutamee fi kenniinsa tajaajilaatiin gammadee akkasumaas humna namaa itti gaafatamummaa fi iftoomina qabuu hawwaasa ilaalchaa fi dandeettiin kan bilchaate uumuu dha .
Sonaalee Bulchiinsa Magaalaa Olaantummaa seeraa ni kabjna Mul’inaa fi ergama keenya galmaan ni geenya . Hedduumina ni kabajina . Guddina wal irraa hin cinne mirkaneesuu . Tajaajilamtoota Gammachisuuf Carraaqnee ni hojjanna . Jaalala hojii kabajaa fi Amala gaarii ni dagaagsina . Kutaa hawaasaa deeggarsa addaa barbaadaniif dursa kenninee ni hojjanna . Hojimaata iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabu ni hordofna . Hirmaannaa uummataa fi itti fayyadamummaa uummataa ni mirkaneesina .
Ragaa Humna namaa lakk Maqaa dhabatichaa Karoora humna namaa humna namaa amma hojiira jiru . dhibeentaa 1 W/K/B/M/ sanbatee Dhi dha ida dhi Dha ida - - 29 7 2 9 31.03%
HOJI TOLA OOLTUMMA ILAALCHISEE Ashaara magarisaa Mana humna dhabdoota suphuu fi ijaaruu . Deeggarsa baratoota harka qaleyiif gochuu . Walumaa gala tola ooltumaan dabtaraa darzana 398 fi qalam firee 80 fi akartonii 7 baratoota 636 deeggarsan kennameera .