Kaayyoo leenjichaa : Leenjifamtoonni kutaa barnootaa kana erga xumuranii booda : . Manneen murtii ergama heeraan qaban bahuu kan danda’an qajeeltoowwan bu’uuraa bilisummaa abbaa seerummaa ittigaafatamummaa abbaa seerummaa fi iftooma hundee godhachuudhaan akka ta’e hubannoo qaban ni cimsatu
Kan itti fufe … . Maalummaa bilisumma abbaa seerummaa fi ittigaafatamummaa abbaa seerummaa sirriitti ni hubatu . . Kaayyoo fi galma bilisummaa abbaa serrummaa fi ittigaafatamummaa abbaa seerummaa ni hubatu . . Walitti hidhaminsa billisummaa fi ittigaafatamummaa abbaa seerummaa siirriitti ibsuu ni danda’u .
1.1. Maalummaa Bilisummaa Abbaa seerummaa . => Waa’een qajeeltoo bilisummaa abbaa seerummaa beektota , abbootii seeraa fi abukaattotaan dhimma xiyyeeffannoo argatee fi bal’inaan irratti barreeffamee dha.Biyyoota hedduu keessattis beekamtii fi eegumsi heeraa kan godhameefii dha . => Haata’u malee bilisummaan abbaa seerummaa yaada rimee jijijiiramu waana ta’eef hiikkoo tokko hin qabu . -
Kan itti fufe … Barreessitootni karaa adda addaa hiikaniiru FKN: K.Rosin kan jedaamu : judicial independence is the degree to which Judges actually decide cases in accordance with their own determinations of the evidence, the law and justice, free from the coercion, blandishments, interference or threats from governmental authorities or private threats ’’ jechuun hiikeera .
Haaluma wal-fakaatuun “ Pini J . White” kan jedhamu ammoo : “ Judicial independence is the independence of judges in their judicial capacity from control by inappropriate external forces, pressures or threats” jedha . Hiikoowwan armaan olii irraa bilisummaa abbaa seerummaa jechuun bilisumma abbootiin seeraa gidduu galummaa fi dhiibbaa alaa irraa bilisa ta’uun dhimma isaaniif dhiyaate seeraaf ragaa irratti hundaa’un murteesuuf qaban akka ta’e hubachuun ni danda’ama . Haata’u malee hiikoon kun guutuu miti . - Bilisummaa murteesuu irratti xiyyeeffata . - Bilisummaan abbaa seeraaf kan kenname ta’uu argisiisa .
Akka yaada rimee bilisummaa a/s ammayaa’aa tti bilisummaan abbaa seerummaa manneen murtiis nii dabalata . - Christofer Larkin: kan jedhamu : “ Judicial independence refers to the existence of judges who are not manipulated for political gain, who are impartial towards the parties of a dispute and who form a political branch which has the power as an institution to regulate the legality of government behavior , enact neutral justice ’ jedha . kana irraa kan hubatamu abbaan bilisummaa abbootii seeraa fi manneen murtii ta’uu isaati .
Hiikni kun hunda kan hammatuu fi kan fudhatama argate dha . Kana malees abbaan seeraa yeroo dhimma isaaf dhiyaate murteessu bilisa ta’uu kan qabu qaamolee alaa fi namoota dhuunfa irraa qofa osoo hin tane : - Uummata irraa - Midiyaa - Dhaabbilee siyaasaa - Hoggantoota , manneen murtii olii fi abbotii seeraa ol jiran akkasumas waliin hojjetan irraa bilisa ta’uu qabu .
Kan itti fufe … 1.2.1. Bilisummaa Abbootii Seeraa Bifoota lama qaba - Bilisummaa murteessuu ( decisional independence) - Bilisummaa dhuunfaa ( personal independence) => Bilisummaa murteessuu - Abbootiin seeraa dhimma murteessan keessatti falmii bitaa fi mirgaa,firii dubbi,ragaa fi seera rogummaa qabuun ala dhiibbaa kam irraa iyyuu bilisa ta’uu qabu . - Haaluma kanaan , Yeroo murtiin kennamus ta’ee adeemsa murtii kennuu keessatti abbaan seeraa giddu-seentummaa fi dhiibbaa qaama mootummaa fi abbaa taayitaa kam irraa iyyuu bilisa ta’uu qaba . - Qaama kanneen irraas ajajaa fi qajeelfama fudhachuu hinqaban .
-Al- loogessa ta’ee argamuu qofa osoo hin taanee al- loogessa ta’ee mul’achuu qaba . - Dhimmoota qaamni mootummaa falmii keessa jiru ykn faayidaa mootummaa tuqu ykn siyaasaan walqabatu irrattis bilisa ta’ee murteessuu qaba.Dhimma kana irratti barreessaan tokko akkas jedheera “ The judge should decide cases solely based on the law and the facts that are appilcable without regard to political or popular pressure,… fear of intemidation or special interests.” Bilisummaan dhuunfaa => Wabii bara hojii => Jijjiirraa => Fo’annoo => Tarkaanfii naamusaa => Muudama => Hojii irraa gaggeeffamuu fi => Guddina => Kanfaltii faana kan wal-qabatu dha .
1.2.3 . Bilisummaa dhaabbataa Kun qoodinsa aangoo qaamolee mootummaa irraa kan maddu dha . Manneen murtii yeroo hojii isaanii raawwatan akka dhaabbataa tti seera baaftuu fi seera raawwachiftuu irraa bilisa ta’uu kan qaban ta’uu isaati . Gamaa kanaan beekaan tokko akkas jedha : Inistitutional independence of the judiciary means that the judiciary is not subject to pressure from either the executive or legislative and is not subordinate to either of them particularly in the area of adiminstration of courts.
1.4.2 . Wabii seeraa Bilisummaa A/S mirkaneesuuf tarkaanfii calqabaati Qajeeltoowwan kun heeraa fi seerota biyyootaa keessatti hammatamuu qabu . Biyyootni baay’eenis bilisummaa A/S tiif wabii seeraa kennaniiru . Akka waliigalaatti bilisummaa abbaa seerummaa mirkaneessuuf bifooti bilisummaa abbaa seerummaa armaan olitti ibsaman eegumsi seeraa godhamuufii qaba.Bifootni Bilisummaa abbaa seerummaa sanadoota addunyaa armaan olitti ibsaman keessatti beekamtiin kennameeraaf . Fakkeenyaaf , bilisummaa murtii ilaalchisee Mootummoota Gamtoomtomanitti Qajeeltoowwan Bu’uuraa Bilisummaa abbaaseerummaa akka armaan gadiitti kaa’a : The judiciary shall decide matters before them impartially on the basis of facts and in accordance with the law without any restrictions , improperinfluences,inducements , pressures,threats of interfrences,direct or indirect form any quarter or for any other reason.
1.4.3.Bilisummaa Bulchiinsaa 1.4.3.1. Bilisummaa A/S fi hojjetoota deggarsaa bulchuu => Akka madaallii addunyaatti mana murtii bulchuun qaamolee m/m fi kanneen biroo irraa walitti boba’aniif kennamuu qaba . Namootni mana murtii irraa bakka bu’an caalmaa argachuu qabu . Mana murtii bulchuu ilaalchisee moodeloota olitti ilaalle keessaa “ a multi branch responsibility model” kan jedhamu biyyoota baay’eetti fudhatama kan argachaa dhufee fi sanadoota madaalliiwwan bilisummaa abbaa seerummaa addunyaa keessattis kan eeramee dha .
Kutaa Lama Itti gaafatamuma fi iftoomina A/ Seerumaa “ An accountable judiciary without any independence is weak and feeble. An independent judiciary without accountability is dangerous.” Stephen B.Burbank