A/S aangoo kanaan garmalee fayyadamuun mirga namootaa akka hin dhiibne kakuudhaan itti gaafatamummaa fudhataniiru . Garuu A/S akkuma nama biroo miira ni qabu waan ta’eef ni aaru , ni mufatu,haaloos qabachuu ni danda’u . Kanaaf luugama malee aangoon kun balaa gudda qabaachuu ni danda’a . Kanaaf furmaanni isaa maali jettu ?
A/S battalumatti adabbii dabarsuuf of eegannoo ol’aanaa gochuu qabu . Naamusni A/ seerummaas cimsee kan gaafatu kanuma . Aangoo kana mirgoota namootaa akka hin tuqne dhiphisuun ni danda’ama . Battalumatti adabbii kan darbu haala addaa , rakkisaa fi dirqama dhaddacha kabachiisuuf barbaachisaa yoo ta’ee fi filannoon biraa yoo hin jirree dha . A/S dura tarkaanfiiwwan biraa fudhachuu qaban : Akeekachiisa ykn of eeggannoo kennu,ykn Kutaa dhaddachaa irraa geggeessuu,ykn Akka ol hin seenne dhorkuu fi kkf