Dubbii maraata is more related to family

MunewarUsman 6 views 2 slides Jul 02, 2024
Slide 1
Slide 1 of 2
Slide 1
1
Slide 2
2

About This Presentation

Dubbiin


Slide Content

Maraataan dubbii cicciree
Jireenya fayyaaf jijjiire
Akki eeggattan hafee
Akki beekkattan dafee

Warri seetu nagaya
Jilmaa feetu dhagayaa

Fayyaan filee waldahaa
Dafee yoom waliin gahaa?
Maal naan ja'aniif nahaa
Tokko himuuf torba qaanahaa
Kanaaf turee dandaahaa

Barri maraataaf taha
Cicciree biraan gahaa
Gaafa gaafni bahaa
Dubbii maraataa taha
Diddu waliinii dhahaa
Fiddu waliini gahaa

Barri araadaa ganee

Maraataaf karra banee
Jijjiraa jala yaanee
Jijjiirama dharraanee
Hundaan if eegaa taanee
Kunoo hafne rarraanee
Silaa maraataa taanee
Qaata mara baanee
Itti laaluun haa hafuu
Itti yaaluun haa dafuu

Warri eeggatu safuu
Dharri dhaaluun saa hafuu
Barri deeffatu dafuu
Marri maratee rafuu
Jarri maraatee gafuu
Maraatanii hangafuu
Tags