Falmii HH Qajeelchuu 2ffaa, 3ffaa fi 4ffaa.pptx

HenokAsrat3 0 views 51 slides Sep 30, 2025
Slide 1
Slide 1 of 51
Slide 1
1
Slide 2
2
Slide 3
3
Slide 4
4
Slide 5
5
Slide 6
6
Slide 7
7
Slide 8
8
Slide 9
9
Slide 10
10
Slide 11
11
Slide 12
12
Slide 13
13
Slide 14
14
Slide 15
15
Slide 16
16
Slide 17
17
Slide 18
18
Slide 19
19
Slide 20
20
Slide 21
21
Slide 22
22
Slide 23
23
Slide 24
24
Slide 25
25
Slide 26
26
Slide 27
27
Slide 28
28
Slide 29
29
Slide 30
30
Slide 31
31
Slide 32
32
Slide 33
33
Slide 34
34
Slide 35
35
Slide 36
36
Slide 37
37
Slide 38
38
Slide 39
39
Slide 40
40
Slide 41
41
Slide 42
42
Slide 43
43
Slide 44
44
Slide 45
45
Slide 46
46
Slide 47
47
Slide 48
48
Slide 49
49
Slide 50
50
Slide 51
51

About This Presentation

falmii hariiroo hawwaasaa qajeelchuu


Slide Content

Dhimmaa Hariiroo Hawaasaa Qajeelchuu 1ffaa

Dhimmoota Qajeelchuu : Waliigala A/ Seeraa hojii firii dubbii dhimma dhiyaateefii seeraan walqabsiisun murteessuu dabalatee dirqama dhimmicha qajeelchuus ni qaba (case management) Case Management includes all the ways that the court will control the progress and disposal of actions. Identifying disputed issues at an early stage, how they are presented and proved, Fixing timetables and controlling costs, Disposing cases summarily where they disclose no case or defense, expecting the parties to cooperate with each other, Dealing with matters with out the parties having to attend, Giving directions to ensure the progress of the case is sufficient, dealing with as aspect of the case at same time, Ordering a stay to encourage the parties to settle…etc

Qajeeltoowwan bu’uuraa Qajeelcha dhimma Hariiroo Hawaasaa Galmi Qajeeltoowwan kanaa haqa Mirkaneessuu dha . Dhimmoota si’oominaan keessummeessuu Qabeenya M/M haala faaydaa ol’aanaa argamsiisuu danda’uun itti fayyadamuu Dhimmoota yeroo gabaaba keessatti baasii xiqqaan keessumeessuun furmaata haqaqabeessa kennuu . Falmitti otoo hin ce’in ijoon / wwan dubbii dhimmoota sirnaan addaan bahuu mirkaneefachuu , Ragaan haala bu’a qabeessaa fi si’oomaa ta’een dhiyaachuu mirkaneessuu . A/ Seeraa wantoonni murtiif barbaachisan qiindaa’uu fi guutuu ta’uu mirkaneessuu .

Qajeelcha Dhimmaa bu’a qabeessaaf wantoota Barbaachisan M/M hojii bu’a qabeessa hojjachuuf gargaarsi falmitootaa barbachisaa dha . M/M hirmaattota falmii irraa bu’uura seeraatiin akka hojjatanii fi qophii akka godhan eega . Qajeelchi dhimmaa bu’a qabeessi fedhii maamiltootaa kan guutu ta’uu qaba . Fedhiin isaanii dhimmoonni si’oominaan fi qulqullinaan akka murtii argatan ta’uu ni danda’a . Gara kuteenyaa fi kaka’uumsa hoggantootaa , A/ Seeraa fi hojjattoota deeggarsaa M/ murtichaa Odeefannoo qindaa’e

Brain storming Qajeelchi dhimma HH maal akka ta’ee fi hirmaattonni falmii qajeelcha dhimmaa irraa maal akka eegan tarreessaa . Qajeelchi dhimmaa qulqulina qabu qulqulina murtii irratti bu’aa maal akka fidu tarreessaa .

Qajeelcha dhimmaa fi shoora M/M Ijoo falmii bitaa fi mirgaa dursanii addaan baasuu ; Fedhii ragootaa namaa dursanii beekuu ; karaa ifa ta’een yeroo gabaabaa keessatti dhiyaachuu mirkaneefachuu . Adeemsa dhimmaatiif daangaa yeroo kaayyuu;hojii kamitu , yoom , eenyuunii fi haala kamiin akka hojjatamu addaan baasuu ; Dhimmoonni kallattii kaayameefiin deemaa jiraachuu hordofuu ; Turmaata isaanii jajjabeessuu dhabuu;fi Hanga danda’ameen hojiiwwan cinaa cinaatti raawwachuu . Hirmaattonni qajeelcha dhimmaa ilaalchisee m/m tiif deeggarsa akka godhan taasisuu .

Kenniinsa Bellamaa Bu’a Qabeessa Bu’a qabeessa famii hariiroo hawaasaatiif bellamni cimaa fi amanamaan jiraachuu qaba . Kun immoo kan jiraatu :- Gaafa dhagahaa murteessuun dura dhimmonni araaran akka dhuman jajjabeessuu ; Tooftaa qabiinsa ajandaa rawwatiinsa qabu diriirsu ( madalawaa ) ; Kenniinsa bellamaa irratti imaammata cimaa (strict) ta’e kaayuu ; fi A/ Seeraa eeggataa ramaduu .

Xiyyeeffannoo M/M godhuu qaban Beellama hundurattuu M/M kaayyoo tokko galmaan ga’uuf kaayefatuu qaba . Bellama hin barbaachifne kennuu dhabuu . Bellamni hundinuu galma , fi galma sana bakkaan gayuuf yeeroo gahaa gabaabaa ta’e qabaachuu qaba . Dhimmichi kan bellamamu yoo ta’e kallattii ifa ta’e fi falmiin itti fufu kaayuu .

Dhimmoota HH tti Dursanii seenuu fi too’achuu 2ffaa

Dhimmoota M/M dhiyaatan falmiin dura adeemsa jiru too’achuun furmaata dhimmichaa gabaabsuf baasii qusachuu fi murtii haqa qabeessaaf murteessaa dha . Kun immoo seerotaa fi tumaalee SDFHH, fi aangoo A/ Seeraatiif kenname (discretionary powers) fayyadamu dabalata . Adeemsa Dhagahaan Dura jiru Too’achuun : Himannoo fi deebiin bu’uura seeraatiin dhiyaachuu mirkaneessuu . Fooyya’anii akka dhiyaatan godhuun rakkoo fuuldura dhufu hanbisu . A/ dhimma wajjiin bu’uura sirna seeraatiin mari’achuun dhimmicha kallattii qabsiisuu .

A. Dhimmoota Dursanii too’achuuf dura Tooftaawwan Qajeelcha dhimmaa Diriirsuu . Himannaa ofiisarota bira darbee dhiyaatu qalbiin of eegannoon dubbisuu . Rakkoo foormii , iftoomaa fi yaa’insaa sirreessisu . Qabatamaan ji’ootaa fi waggoota booda beekamee falmitoota erga baasiif saaxilee booda fooyyefadhaa jedhamee bellamni kennama .

2.Himannichi ka’umsa dubbii himannichaaf sababa ta’e qabaachuu qorachuu Qabatamaan ji’oota fi waggoota booda himataan mirga hin qabu jedhama . Kun yeroo fi maallaqa M/M fi falmitootaa qisaasa .

3. M/M aangoo Qabaachuu mirkaneefachuu 4.Iyyannoowwan( himata fi deebii ) dursanii dubbisuun dhimmichi salphaa fi walxaxaa ta’uu addaan baasuu Dhimmoonni walxaxa ta’an yeroo fi humna guddaa A/ Seeraa waan barbaadaniif , yeroo fi qabeenya M/M dursanii karoorsuun bu’aaf socho’uu dandeessisa . 5.Iyyannoowwan dubbisuun booda dafanii ragaa sassaabuu . Keessattuu ragaan falmitoota harka hin jirre akka dhiyaatu hogguu gaafatamu falmitti otoo hin seenin dhiyeessisuun falmichi akka hin harkifamne godha .

6.Dhimmoota Dursanii sakata’uu (early case screening) Himatamaan Aangoo Tooraa M/M jala jiraachuu addaan baasuu . Karaa himatamaan ittiin waamamu ykn waamichi itti isa dhaqabu beekuu . Baay’ina ragoota namaa idoo irraa dhufanii , fi ragaan ogummaa (expert) jiraachuu addaan baasuu . Dhimmicha ragaan hubachiisuun salphaa ykn ulfaataa ta’uu addaan baasuu ( fkn beenyaa miidhaa hubachiisuun ulfaataa dha . ) Ragaan sandadaa jiraachuu isaatii fi baayi’ina akkasumas gosa ragaa kan biraa yoo jiraate addaan baasuu .

B. Falmitoonni ykn Abukaattoowwan isaanii dursanii xiyyeefannoo akka godhan tasisuu . Iyyannoowwan isaanii gabaabsanii ifaan akka dhiyeefatan godhuu . Ragoota akka dhiyaatuuf gaafatan hordofanii dhiyeesifachuu isaanii hordofuu . Biyya keenyatti iyyannoowwanii fi ajajoonni M/M garee isa kaan kan gahan falmitootaa waan ta’eef yeroo gahaa keessatti dhaqabsiisuu mirkanafachuu . Garee falmii talisummaa qabu bu’uura SDFHH tiin adabbiiwwan taa’an hojiirra oolchuu ( fkn kasaaraa muruu )

Dhimmoota Addaan Baasuun Qajeelchuu 3ffaa

Sirna dhimmoota dhiyaatan gama xiyyeefannoo A/ Seeraa ykn Abukaattotaatiin , ykn yeroo fudhachuu danda’aniin addaan baasuun yeroo fi sirna hordofuu qabanin keesummeessuu dha . Dhimmota salphoo , Dhimmoota ijoo dubbii heddu kaasan , Dhimmoota ragaa heddu qaban , fi kkf

Kaayyoon dhimmoota Addaan Baasuun Qajeelchuu Dhimmoonni akkuma amala isaanitti yeroo gabaabaa keessatti karaa haqa qabeessaan furmaata akka argatan , fi Qabeenya (resource) fi yeroo m/m akkuma amala dhimmichaatti hojirra oolchuuf

Dhimmoota Addaan baasanii Qajeelchuun sirnoota adda addaa bocuu Barbaada Dhimmoonni bu’uura amala isaaniitiin daangaa yeroo fi sirna adda addaa ittii qajeelfamaa sarara Dhimmoota barbaada . (multiple tracks or paths) Sirna dhimmoonni akkuma dhiyaataniin sarara kamiin akka qajeelfaman ittiin murtaa’u barbaada . Sirna Hordoffii dhimmoonni sirnoota addaa fi daangaa yeroo keessatti keessumeessan ittin qorataman . Adeemsa keessa amalli dhimmootaa waan jijjiiramuu danda’uuf , ulaagaa madaallii yoo jijjiiramu sirna ittiin sirreefama .

Ulaagaawwan Addaan itti Baafamuu filachuu Biyya Ameerikaatti dhimmoonni walxaxaa fi salphoo jedhamanii addaan baafame Biyyoonni biroo Hanga dhimmichaa , qabxiilee falmii falmitoota a , gosa ragaa fi k.k.f Kanaaf biyyoonni tokko tokko gosoota dhimmaatiin hogguu qoodan isaan kuun immoo dabalataan qaphxiilee armaan olii yaada keessa galchu . Maaneen murtii Federaalaa keenyaa dhimmoota gosaan amalaan ), walxaxummaan fi atattamummaan ( ›e† £ Ã’†¨<) addaan qodu . Bu’uura kanaan daangaa yeroo kaayameefiira .

Faaydaa Dhimmoota Addaan Baasanii Qajeelchuu Qisaasa humna namaa hanbisa , Dhimmoonni yeroo gabaabaa keessatti furmaata ni argatu , Qulqullina murtii ni dabala , Abbootii Hirtaa waliin hariiroon gaariin akka jiraatu taasisa , Baasii falmii ni xiqqeessa , fi Adeemsa mana murtii tilmaamamaa godha .

SDFHH: Dhimmoota Addaan Baasuun Qajeelchuu

SDFHH fi dhimmoota Addaan Baasanii Qajeelchuu Dimmoonni karaa sadi’iin keessummessamu . 1. Sirna idilee (ordinary procedure ) Pre-trial stage and trial stage 2. Sirna Gabaabaa ( summary procedure) 3. Sirna Ariitii ( Accelerated procedure)

SIRNA ARIITII (Accelerated procedure)

1. Bu’uura SDFHHL 300-314 tiin raawwatama . 2.Sirni kun raawwatiinsa kan qabaatu dhimmoota SDFHHL 305 fi 307-314 jalatti tarraa’an irratti akka ta’e kwt.300(1) jalatti tuamameera . 3.Manni murtii dhimmi tokko sirna kanaan akka hin ilaalamne dhoorguu ni danda’a . dhimmoota tumaaalee armaan olii jalatti hin tarreefaminis sirna kanaan ilaallamuu ni danda’a ( kwt . 300 (1) 4.Iyyanni kan dhiyaatu akkaataa SDFHHL 301 jalatti tuamameen ta’ee kakuudhaan deeggaramu qaba .

5.Iyyannichi fudhatama yoo argate manni murtii murtii kan kennu iyyata irratti kan caqasameenii fi ragaa barreeffamaa iyyata waliin dhiyaate bu’uurefateeti ( kwt 303 (2) fi 301 (3). Garuu M/M ragaa barbaachisaa jedhu kan biroos ajajuu ni danda’a . 6. Bu’uura kwt . 306(1) tiin seerri haala biraatin akka raawwatamu yoo tume malee ( Fkn kwt . 309-311) murtii manni murtii kennurraa ol’iyyannoon hin danda’amu . 7.Ol’iyyannoon kan eeyyamamu yoo ta’e ol’iyyannichi gaafa murtiin kennamerraa guyyaa 15 keessatti dhiyaachuu qaba . ( kwt . 306(2) )

¾T>Ÿ}K<ƒ Ñ<ÇÄ‹ u²=I SeS ` ¨< eØ ¾}ካ}~ “†¨<:- 1. eU SK¨Ø 2.Òw‰ ” ÇÃðìU ¨ÃU E”ÇÃS²Ñw ¾T> k`w ›u?~ታ 3. u›”Ç”É ¾õƒHwH@` É”ÒÑ@−‹ Sc[ƒ ¡e KTp [w pÉT >Á õnÉ ¾T>Ö¾pv†¨< Ñ<ÇÄ‹ 4. ¾¡MŸL S’dƒ 5. ›”Ç”É S³Ówƒ” ¨ÃU c’Ê ‹” KSSMŸƒ KSÖ¾p 6. uS´Ñw ¨< eØ ¾} íð ’Ñ` E”Ç=ታ[U: E”Ç= ìÉp

7. ¾u?} cw Ñ<v›?” KTeÖ^ƒ 8. ¾›Å^ ”w[ƒ Övm : H> dw ›×]: VÓ²=ƒ ¨.².} KTjU 9. ¾É`σ” g]¡: e^ › eŸ =ÁÏ ¨ÃU ¾›Å^ ”w[ƒ ›e}ÇÇ]” KTh ` 10. ¾”ÓÉ É`σ ” KTh ` 11. ¾uÔ › É^Ôƒ É`σ ” KTkLkM ¨²}

Ÿ²=I vhÑ ` ¾õ/w/Y/Y IÓ l. 300(2) uIÑ < Là uÓMî Ÿ} SKŸ~ƒ ¨<ß ÁK< Ñ<ÇÄ‹U uŸdg < ðnÉ u²=I SeS ` K= k`u < ¾T>‹K< c=J” õ`É u?~ u} óÖ ’ e’ e`¯ƒ K=ታ¿ ÃÑvM ¨ Ãe › ÃÑvU ¾T>K¨<” èe“M :: ¾} óÖ ’ e’ e`›ƒ ” M¿¾T>ÁÅ`Ѩ< › SMካ ‹ ›u?~ታ¨<” › p`x ¨Ç=Á¨<’< ¨<d’@ ¾T>Áј SJ’< ’¨<::

SIRNA GABAABAA (Summary procedure)

Bu’uura SDFHHL 284-292 tiin raawwatama Dhimmoota kwt.284 jalatti tarreefaman qofa ilaallata . Waliigaltee maddi isaanii ifa ta’e kan akka sandada hawaalaa , cheekii , sanda Abdii , Sanada dirqamaa (bond) ykn waliigaltee salphaa maallaqa hangi isaa beekamu ilaallatan . 3. Iyyannoon kakuudhaan deeggaramee dhiyaata ( kwt . 284(c). Kakuunis himataan himatamaan ittisa tokkollee akka hin qabne kan amanu ta’uu isaa ibsa .

4.Kana booda himatmaan deebii kennuu yoo barbaade akka eeyyamuuf M/M tti akka iyyatu ibsuun waraqaan waamichaa akka dhaqabu ni ajajama,kwt . 285(1). 5.Himatamaan dhiyaatee akka deebii kennu M/M yoo eeyyameef malee deebii kennuu hin danda’u ( kwt . 285 (1) 6.Himatamaan deebii kennuuf M/M akka eeyyamuuf yoo hin iyyatin murtiin ni kennama (285 (2) 7.Iyyaanoon deebii kennuuf eeyyamni ittiin gaafatamu kakuun deeggaramuu qaba ( kwt . 286).

8.Gaaffiin Eeyyamni deebii kennuuf dhiyaate kufaa yoo ta’e battalumatti murtiin ni kennama ( kwt . 287) 9.Iyyanni fudhatama yoo argate himatamaan deebii ni kenna . Falmichis kan qajeelfamu bu’uura ajaja M/M kennuun yka sirna idileetiin ta’uu ni danda’a ( kwt . 290 fi 291) 10.Murtiin erga kennameen booda waraqaa waamichaa himatamaa sirnaan akka hin dhaqabin yoo hubatame M/M raawwii dhoorkuun himatamaan dhiyaatee akka falmatuu fi haala raawwii dhimmichaas ilaalchisee ajaja itti fakkaate ni kenna ( kwt . 292)

DHAGAHA DHIMMA HH :SIRNA IDILEE (Ordinary procedure)

Sirna Idilee : Dhagaha Duraa (First Hearing)

Tartiiba Sirna Dhagaha Duraa 1.Iyyannoon himannoo ragaa sandaa ykn barreefamaatii fi tarree ragaa waliin dhiyaata . 2.Himatamaan deebii isaa qabatee akka dhiyaatu ajajama . 3.Iyyannoon deebii ragaa sandaa ykn barreefamaatii fi tarree ragaa waliin dhiyaata . 4.Iyyannoon deebii erga dhiyaateen booda falmiin barreeffamaa ni xumurama . 5.Kana booda himannoo dhagayuuf ( dhagaha duraatiif ) bellamama . 6.Bellamarratti Abbootiin dhimmaa ykn bakka bu’oonni isaanii ni dhiyaatu .

7.Falmitoonni ragaa barreefamaa iyyannoo isaanii waliin hin dhiyeefatin ni dhiyeefatu . 8.Ragaan barreefamaa hundinuu falmitootaan ykn ajaja mana murtiitiin guutumaa guututti ni dhiyaata . Fkn kan kwt.145 tiin gaafatame . 9.M/M falmitoota ykn bakka bu’oota isaanii ni qorata . 10.M/S/D yoo dhiyaate murtiin irratti ni kennama . 11.Qorannichaan himatamaan yoo amane murtiin ni kennama . 12.Himatamaan himannoo irratti dhiyaate yoo waakkate ijoon dubbii ni baafama .

Dhagaha Duraatiin Dura Qophii A/ Seeraa Godhuu Qabaa . Iyyannoo bitaa fi mirgaa of eegaannoon dubbisuu , Ragaa sanadaa sirnaan sakata’uu , Rogummaa kan qabanii fi hin qabne addaan baasuu , Himannoo fi deebiin hanqina akka hin qabne irra deebi’anii ilaaluu , Ragaa sanadaa guutamee dhiyaachuu ilaaluu ,

Ijoo dubbii addaan baasuu , Iyyannowwan bitaa fi mirgaa keessatti ifa kan hin taane addaan baasuun gaaffiiwwan ibsa itti gaafataman qopheessuu , Ragaa sanadaa bitaa fi mirgaa ifa hin taane fi ibsa kan barbaadan addaan baasuu , Iyyaannoo bitaa fi mirgaa gaafa dhagahaa ibsuuf yaadannoo qabacha , Himatamaan mormii sadarkaa duraa dhiyafachuu isaatii fi fudhatama qabaachuu isaanii sakatta’uu .

SDFHH: SIRNA IDILEE DHAGAHA GUUTUU (Hearing of the suit and Examination of Witnesses)

Tartiiba Sirna Dhagaha Guutuu 13.Ijoon erga qabatame booda falmii dhagahuu fi ragaa qorachuun itti fufa . 14.Ragaa namaa bitaa fi mirgaatiif yaamichi ni ergama . 15.Ragaan bitaa fi mirgaa guutamanii ni dhiyaata . 16.Himataan, haalota murtaa’aniin immoo himatamaan falmicha ni banu . 17.Gareen falmicha jalqabu ragoonni isaa / isii qabxii iratti raganiif gabaabinaan hubachiisa . 18. Ragoonni dhugaa dubbachuuf ni kakatu ykn dhugaa raguu isaanii ni mirkaneessu .

19.Gareen falmii jalqabe ragoota isaa tokko tokkoon yaamuun : gaafii duraa ni gaafta , gareen kuun immoo gaaffii qaxxamuraa ni gaafata . Gareen jalqabe immoo gaaffii qulqulleessaa ni gaafata . M/M sadarkaa hundarrattun gaaffii barbabaachisa jedhu ni gaafata . 20.Gareen falmicha bane ragoota isaa dhageesifatee yoo xumure , gareen kunis qabxii ragoonni mirkaneessaniif ibsuun haala walfakkaatuun ragoota isaa dhageessifata . 21.Adeemsi ragaa dhagayuu hogguu xumurame falmitoonni jecha cufiinsaa ni dhaggeessifatu . 22. Dhumarratti manni murtii murtii ni kenna .

DHAGAHA GUUTUU QAJEELCHUU

SDFHH sirna dhagaha “ concentrated” ta’e tuma . Ragaan bakka tokkotti dhiyaachuu qaba.197 (3) Ragaan sandaas guuttamee dhiyaachuu qaba . Dura ragaa eenyutu dhaggeesifachuu akka qabu addaan baasuu . SDFHH imaammata kenniinsa bellamaa cimaa (strict) akka hordofu kwt . 192-199.

2. Haasawa Baniinsa SDFHH jalatti tumamus qabatamaan hin raawwatamu Haasofni Baniinsaa :- Akkaataa ragaan itti dhiyaatu (road map) ifaan agarsiisa Waa’ee ragaa namaa fi sandaa ilaalchisee ifaan suuraa (bigger picture) sammuu A/ Seeraa keessatti uuma . A/ seeraa ragaaf hiikkaa kan laatan haasa’a kana ilaaluun akka ta’e qorannoon ni agarsiisa .

Qabiyyee Hasa’a Baniinsaa Dhimmicha M/M fi A/ Seeraa beeksisuu : Akka beeksisa / piroovaa ( perview ) fiilmitti fudhachuun ni danda’ama . Seenaa dhimmichaa gabaabinaan agarsiisa (birds eye view) Wanta irratti xiyyeefatamuu qabu agarsiisa (theme of the case) Haasofni kun seensa , qaama (body) fi xumura qaba . A/ Seeraa yeroo gahaa ramadanii dursanii falmitoota beeksisuun , osoo jidduu hin lixin xumursiisanii , sirritti galmeessuu isaaniis mirkaneefachuu qaban .

3. Ragaa Dhagayuu Qabatamaan ragaan kan qoratamu A/ Seeraatiini . A/ Seeraa sadarkaa kanarratti akkaataa adeemsaa ragootaaf ibsuu , ragoonni akka hin sodaanne gochuu , gaaffii ragaa dallansiisan , aarsan fi irra deddeebi’aman dhaabsisuu ; gaaffii duraa irratti gaaffii qajeelchaa gaafacuu dhaabuu , Dhiyaatinsa ragootaa mirkaneefachuu , Yoo dhiyaatan kaksiisuun , Ragaa garee mirga baniinsaa qabuu dhagayuu . Ragaa jecha raguumaa kennuu didurratti tarkaanfii seeraa fudhachuu .

4. Haasawa Xumuraa Bitaa fi mirgi waa’ee firii dubbii fi seeraa falmichaa ilaalchisee ejjannoo qaban ni ibsu .

Namoota Abukaatoo malee falman ilaalchisee rakkoo jiru : Bitaa fi mirgi falmii bu’uura seeraatiin waan hin gooneef gochi A/ Seeraa seeraan walitti bu’uu ni danda’a , Sirnaan falmuu dhabuu ( Haasa’a baniinsaa , gaaffii ragaa , kkf …..), Gaaffii M/ Murtiitiif deebii sirrii ta’e kennuu dhabu , Dhimmoota teekinikaa ta’an raawwachuu dhabuun umrii falmichaa dheeressuu , Gareen tokko abukaattoon yoo ta’e falmiin walmadaaluu dhabuu .

Kanaaf A/ Seeraa :- Garee falmii dhiyaate ogeessa seeraa ta’uu dhabuu mirkaneefachuu abukaattoon falmachuu akka danda’u beeksisuu , Qophii gochuu ( seera dhimmicha hagungu irratti ) Adeemsa falmichaa ilaalchisee ibsa godhu fkn bitaa fi mirga dhagahuu akka qabu , dura himataa itti aansee himatamaa , wanti dhaddacha keessatti raawwatamu akka galmaa’u , ragaa dhageesifachaa addaan kutuun akka hin taane …

Yaadrimee seeraa bu’uura ta’anirratti ibsa kennu . Fkn dirqamani hubachiisuu kan eenyuu akka ta’e , Adeemsa falmii ogeessaa seeraa namaa hin ta’iniifis haala galuun qajeelchu , Odeefannoo barbaachisaa argachuuf gaaffii gaafachu .
Tags