leenjii Himalayan mountains me know paartii.pptx

MagarsaaAliyyii1 9 views 84 slides Sep 11, 2025
Slide 1
Slide 1 of 84
Slide 1
1
Slide 2
2
Slide 3
3
Slide 4
4
Slide 5
5
Slide 6
6
Slide 7
7
Slide 8
8
Slide 9
9
Slide 10
10
Slide 11
11
Slide 12
12
Slide 13
13
Slide 14
14
Slide 15
15
Slide 16
16
Slide 17
17
Slide 18
18
Slide 19
19
Slide 20
20
Slide 21
21
Slide 22
22
Slide 23
23
Slide 24
24
Slide 25
25
Slide 26
26
Slide 27
27
Slide 28
28
Slide 29
29
Slide 30
30
Slide 31
31
Slide 32
32
Slide 33
33
Slide 34
34
Slide 35
35
Slide 36
36
Slide 37
37
Slide 38
38
Slide 39
39
Slide 40
40
Slide 41
41
Slide 42
42
Slide 43
43
Slide 44
44
Slide 45
45
Slide 46
46
Slide 47
47
Slide 48
48
Slide 49
49
Slide 50
50
Slide 51
51
Slide 52
52
Slide 53
53
Slide 54
54
Slide 55
55
Slide 56
56
Slide 57
57
Slide 58
58
Slide 59
59
Slide 60
60
Slide 61
61
Slide 62
62
Slide 63
63
Slide 64
64
Slide 65
65
Slide 66
66
Slide 67
67
Slide 68
68
Slide 69
69
Slide 70
70
Slide 71
71
Slide 72
72
Slide 73
73
Slide 74
74
Slide 75
75
Slide 76
76
Slide 77
77
Slide 78
78
Slide 79
79
Slide 80
80
Slide 81
81
Slide 82
82
Slide 83
83
Slide 84
84

About This Presentation

Welcome to Gboard clipboard, any text you copy will be saved here.Welcome to Gboard clipboard, any text you copy will be saved here.Welcome to Gboard clipboard, any text you copy will be saved here.Welcome to Gboard clipboard, any text you copy will be saved here.Welcome to Gboard clipboard, any tex...


Slide Content

Paartii Badhaadhina Paartii Wabii ummataati !!!!! Waajjira Paartii Badhaadhina Bul / Magaalaa Hirnaatti Leenjii hooggansa Hundee fi seelii partiif kan qophaa’e

Seensa Akka biyyatti rakkoo akka biyyaatti nu qunnamaa ture qabsoo ummata bal’aatiin maqsuudhaan biyyattiin karaa nagaa fi tasgabbii qabuun hojiitti galuudhaan rakkoowwan gama siyaasa , dinagdee fi hawaasummaatiin jiru hojii qabatamaa fi fakkeenyumma qabu hojiitti galuun jijjiramni akka addunyatti fakkeenya tahe mul’achuu danda’eera . Haala kana keessaatti abbaa jijjirama kanaa kan tahe paartiin badhaadhinaa paartii cimaa fi mul’ata gaarii qabuu tahee hundaa’uun mootummaa biyya bulchaa jiru kan qaama fedhii fi waliigaltee biyyaalessummaa cimaa qabu ijaaruun hojii qabatamaa keessa galuun isaa ni beekkama .

… itti fufa … Jijjiiramni dhufees jijjiirama qabsoo ummataan dhufee fi jijjiirama biyya itiyoophiyaa gadadoo fi duubatti hafummaa keessa turte keessaa yeroo gabaabaa keessatti gara biyyoota badhaateetti ceesisuu danda’u akka tahees ragaan adda addaa fi jijjiramni yeroo gabaabaa keessatti mul’ate raga tahuu ni danda’a

… itti fufa … Paartiin keenya paartii biyya Itiyoophiyaa bulchuu irra darbee akka gaanfa afrikaatti paartii cimaa mul’ata cimaa qabu tahuu bira darbee akka afriikaatti hojiiwwan gurguddaa fakkeenyuma qabu akka hojjachaa jiru ragaaleen adda addaa ni mul’isu . Haaluma walfakkaatuun akka biyya keenyatti biyyi hogganaa jijjiiramaa cimaa taheen hogganamuun jijjiramni gama siyaasaa , diinagdee fi hawaasummaatiin dhufe bal’aa tahuu fi kan jajjabeeffamuudha .

… itti fufa … Haatahuu malee qaamni muraasni jijjiiramni kun liqinfamuuf hin danda’inii fi numaatu biyya bulchuuf dandeetti qaba jedhee amanuun jijjiirama kana gufachiisuuf sochiin gurguddaan taasifamaa ture , ammaas taasifamaa jira . Humnaan isin bulchuu qabna … yoo kun tahuu baate biyya itiyoophiyaa jedhamtuu diigna ilaalcha jedhuun biyyatti dirree lolaa fi jeequmsaa gochuuf humnoota badii biyya keessaa fi biyyoota alaatiin walitti hidhachuun biyyatti rakkoo hammaataa fi lola addaan hin cinneef saaxiluun ni mul’ata .

… itti fufa … Humnoonni kuniis biyya keessa kanneen akka TPLF fi qaama isaaniin durfamu kanneen akka ABO shanee , fi dargaggoota baattuu ilaalcha kanaa kanneen tahan ‘’ girrisaa ’’ akka fakkeenyatti kaasuun ni danda’ama . Kuniis biyyattin jijjirama jalqabde dhiisuun akka gara adda waraanatti xiyyeeffattu gochuuf halkanii guyyaa tattaafachaa jiraachuun ni beekkama

… itti fufa … Kana irraa ka’uun miseensoonni paartii badhaadhinaa , seeliin , hundeen partii fi qaamni sadarkaan jiru hubannoo walfakkataa qabaatee qaama jijjiirama kana gufachiisuufi biyyatti diiguuf qophaa’e qabsootti gale kana dura dhaabbachuun dhimma wal nama gaafachiisuu miti . Biyyattiin akka hin diigamne akkanumaas jijjiramni amma jiru kun akka hin gufanne gochuuf hubannoon barbaachisaadha .

… itti fufa … Qabsoon gaggeefama jiru kana keessatti damaqinaan hirmaachuun , qaamaan waliin hiriiree qabsaa’u addaan baafachuun hiriiruun , akkamitti ? Eessatti ? Fi Yoomiin Qabsaawa jannee addaan baafanne hojitti galuun dhimma yeroon kannamuuf akka hin taane beekuu qabna . Kana bu’uura godhachuun nutiis akka paartii badhaadhina Bul / Magaalaa hirnatti leenjii hubannoo cimsu gabaabaa kana qopheessineera .

Kaayyoo Leenjii yeroo gabaabaa kanaan miseensi paartii badhaadhinaa , gaggeessaan seelii fi Hundee paartii waa’ee hojmaata , qajeelfamaa fi dambii paartii irratti hubannoo gahaa argatee hojiiwwan paartii fi mootummaa keessatti gahee irraa eeggamu akka bahachuu danda’u taasisuudha

Galma Leenjii yeroo gabaabaa kanaan miseensi paartii badhaadhinaa , gaggeessaan seelii fi Hundee paartii waa’ee hojmaata , qajeelfamaa fi dambii paartii irratti hubannoo gahaa argatee hojiiwwan paartii fi mootummaa keessatti gahee irraa eeggamu akka bahachuu danda’u uumamee arguudha .

Paartiin Badhaadhina Hojmaata , qajeelfamootaa fi danbii ittiin bulmaataa paartii irratti hubannoo uumuu Gahee hojii qaama sadarka sadarkaan jiranii

Gahee hojii itti gaafatamaa fi koree qindeessaa gandaa Kallattiiwwan koreen qindeessituu magaalaa / aanaa irraa kennamu bu’uura godhachuudhaan hojiiwwan siyaasaa aanaa / gandichaa fi sochii hojii mootummaa guyyaa guyyaatiin raawwatamu ni hordofa ni hoggana Hojiiwwan paartii fi mootummaa qindoominaan akka raawwatan ni taasisa ni gamaagama . Muuxannoowwan gaggaarii argaman gandicha keessatti akka babal’atu ni taasisa . Leenjiiwwan ijaarsa dandeettii paartii fi mootummaaf gaggeeffan ni hordofa ni hooggana akkasumaas qaamoolee hooggansa hundee paartii fi seeliiwwanii isa jalatti argaman itti dhiheenyaan ni deeggara

… itti fufa …. Ramaddii koree qindeessituu paartii aanaa / gandaa fi kaabinee irratti yaada murte koree qindeessituu paartii fi waajjira paartii isatti aanee ( isaa olii ) jiruuf ni dhiheessa yennaa raggaasifame ni qajeelcha Haala caasaa aanaa , gandaan , ummataa fi paartiilee morkattootaa gadi fageenyaan gamaggamuun qaama dhimmi ilaallatuuf ni dabarsa . Qajeelfamaa , hojmaataa fi gurmaa’insa paartii kallattiiwwan kaayyaman sirritti hojiirra ooluu isaanii nigamaaggama itti waamamni isaa koree qindeessituu aanaa / magaalaa / kutaa magaalaa ta’a .

Hojmaata koree qinddeessituu paartii aanaa / gandaa Torbee lama lamaan walgahii idilee ni gaggeessa Walgahichi taa’amuuf miseensoonni %50+1 argamuu qaba . Murteewwan sagaleen waldeeggaruun dabarsuun barbaachisaa yoo ta’u yaadni sagalee %50+1n deeggaramee murtee qaamichaa tahee ni mirkanaa’a . sagaleen walqixa yoo tahe yaada walitti qabaan deeggaruutu ragga’a

Ijaarsa koree hooggansaa waajjira paartii badhaadhina aanaa / gandaa Koreen hooggansa waajjira paartii badhaadhina aanaa / gandaa miseensoota armaan gadii kan hammate ta’a . isaaniis :- Walitti qabaa hundee paartii aanaa / ganda ... W/ Qabaa I/ Gaafatamaa dame siyaasa hu / paartii ganda … I/A w/ qab I/ Gaafatamaa dame ijaarsa hu / paartii gandaa … miseensa Walitti qabdoota liigii dargaggoota fi dubartoota ( sagale male ) … miseensa

Itti gaafatamaa fi hojii koree hooggansaa waajjira paartii badhaadhina aanaa / gandaa Ergama damdii ittiin bulmaata waajjira paartiichaarraa kaayame bu’uura godhachuun wirtuu hojii siyaasaa , ijaarsaa fi qunnamtii ummata aanaa / gandaa ta’ee ni tajaajila . Karoorawwan waajjira paartii magaalaa / aanaa irraa bakka bu’u ka’uumsa godhachuun haala qabatamaa isaa wajjiin walsimsiisuun hojiiwwan siyaasaa fi gurmaa’insaa ni karoorsa . Qaama raawwatuuf oreenteeshina kennuun ni qajeelcha ,hojiiwwan raawwataman ni hordofa , ni hooggana Miseensoonni hooggansa paartii mag / gandichaa hojii hojjataniin adda duree akka ta’aniif hubannoo siyaasa akka horatan ni hojjata .

… itti fufa … Hojiiwwan misoomaa , bulchiinsa gaarii , siyaasaa ijaarsa aanaa / gandichatti adeemsifaman raawwachiisurratti muuxannoo gaggaariin akka babal’atan ni taasisa . Ijaarsa miseensoota guyyaa guyyaatti akkaataa kallattii kaayameen raawachuu fi haala siyaasa miseensoota gamaaggamuun hojii ijaarsa miseensoota cimsee itti fufa hojiiwwan hooggansa hundee paartii fi seeliiwwan cimaa tahe horachuuf ni ka roorsa , raawwi isaa ni hordofa , ni hooggana . Leenjiiwwanii fi konfaraansiiwwan miseensootaa fi hoggansaa aanaa / gandichaatti gaggeeffaman ni qindeessa , ni hooggana .

… itti fufa … Qajeelfamoota , hojmaataa fi gurmaa’insa paartii murteewwanii fi kallattiiwwan koree giddugaleessaa fi hojii raawwachiiftuu hojiitti hiikkamuu isaanii ni hordofa , ni raawwachiisa , ni hooggana . Doosee miseensoota paartii odeeffannoowwan sanadoota paartii maallaqaa fi qabeenya paartii gandichatti argaman olaantummaan ni bulcha , ofeeggannoon akka qabamanii fi hojiirra oolan ni taasisa . Haala ummataa , morkattootaa fi humnoota badii gandichaa yeroo yeroon hordofuun sirreeffamni malu akka godhamu kallatti kaayaa ni deema .

… itti fufa … Naamusaa fi dandetti raawwachuu / raawwachiisuu hoggansaa gabbisuun hoggansi gahuumsa qabu baay’inaaan akka uumanu xiyyeeffannodhaan ni hojjata . Bu’uura karoora waggaa aanaa / gandichaatiin karooricha kurmaana kurmaanatti caccabsee qaamoolee raawwachiiftuuf akka ifu orenteeshina ni kenna . Adeemsa raawwii karooraa irratti rakkinoota qunnamanii fi sirreeffamaafi deeggarsa ni taasisa Laaleewwanii fi biroosharoota akkasumaas marii ijaarsaa barruulee badhaadhinaarratti miseensootaan godhamuu fi waajjira paartii magaalaa / aanaa irraa gadi darbu haala qabatama aanaa / gandaa wajjiin walsimsiisuun akka hojiitti hiikkamu ni taasisa Itti waamamni isaa koree qindeessituu ganda / magaalaa / baadiyyaa fi koree hooggansa waajjira paartii magaalaa / aanaa / kutaa magaalaaf taha .

Hojmaata koree hooggansaa waajjira paartii gandaa Torbeetti al tokko walgahii idilee ni gaggeessa Walgahiichi taa’amuuf miseensoonni %50+1 argamuu qabu . Murteewwan sagaleen waldeeggaruun dabarsuun barbaachisaa yoo ta’u yaadni sagalee %50+1n deeggaramee murtee qaamichaa tahee ni mirkanaa’a . sagaleen walqixa yoo tahe yaada walitti qabaan deeggaruutu ragga’a

Bakka Bu’iinsa sadarkaa sadarkaan gaggeeffamurratti jiraatu Keeyyata 56. Bu’uura dambii ittiin bulmaata paartii badhaadhina keeyyata 25(4) tiin konfaransiin paartii sadarka sadarkaadhaan kan caaseeffamu akkasumaas itti gaagatamaa fi hojii isaanii kan raawwatan yoo tahu raawwii kanaafiis bakka bu’iinsi konfaransoota paartii akkaataa armaan gadii kanaan kan hundaa’u ta ’ bu’iinsii fi facaatiin hirmaattootaa konfaransii naannoo , godinaa , aanaa , magaalaa fi gandaa baay’ina miseensoota irratti kan hundaa’u ta’a . Caasaaleen hunduu qooda ( kootaa ) baay’ina miseensootaa irraatti hundaa’ee isaanii kennamu bu’uura godhachuun filannoo miseensoota hunda hirmaachise gaggeessuun bakka buutoota konfaraansii kan murteessan ta’a .

… itti fufa … 3. Konfaraansii naannoo akkuma baay’ina miseensoota naannichaatti miseensoota 800-1500 ni hirmaatu 4. Godinaa fi magaaloonni sadarkaa godinaatti ilaalaman akkuma baay’ina miseensoota isaatiin miseensoota 500- 1000 ni hirmaachisu 5. Aanaalee fi magaaloonni sad. Aanaa akkuma baay’ina miseensoota isaaniitti miseensoota 300 - 500 ni hirmaachisu 6. Sadarkaa gandaatti akkuma baay’ina miseensootaatti miseensoota 150 - 300 kan hirmaatan taha . 7. Bakka bu’iinsi walqixxummaa koorniyaa kan eeggatee fi haqa qabeessa tahuu qaba .

Gurmaa’insa ergama fi hojmaata hundee fi seelii paartii badhaadhinaa Hundeen paartii miseensoota guutuu fi kaadhimamtoota naannoo , godina , magaalaa , aanaa , dhaabbilee barnootaa yookaan ganda keessatti argaman kan hammatuu fi seelii lamaa fi lamaa ol irraa kan caaseeffamudha Hundeen paartii hojjatoota mootummaa manneen hojii naannoo , godinaa , magaalaa,aanaa yookaan gandaa keessatti hojjataniin , jechuuniis dame diinagdee , hawaasummaa , bulchiinsaatiin kan caaseffaman yoo tahu itti waamamni isaanii waajjira paartii sadarkaa sadarkaan jiruuf yookaan koree paartiif ta’a . Miseensoonni dhaabbilee federaalaa naannoo keenya keessatti hojjatan , magaalaa keessa jiran keessatti walitti dhufanii kan ijaaraman yoo tahu , itti waamamni isaanii waajjira paartii magaalaa keessa jiraniif ta’a .

… itti fufa … 3. Hundeen paartii barsiisootaa , hojjatoota bulchiinsaa fi barattoota mana hojii yookaan aanaa fi ganda keessatti kan caaseeffamu ta’ee itti waamamni isaa waajjira paartii gandaa yookaan aanaa keessatti argamuuf ta’a . 4. Hundeen paartii hojjatoota hospitaalaa mana hojii isaanii keessatti kan caaseeffamu yoo ta’u , itti waamani isaanii waajjira paartii magaalaa yookaan kutaa magaalaatiif ta’a 5. Hojjattoonni miseensa baadiyyaa (DA), hojjatoota ekisteenshinii fayyaa fi kkf ijaarsi hundee paartii isaanii qonnaan / horsiisee bulaa wajjiin yoo tahu seeliidhaan garuu addatti ijaaramu . 6. Caaseeffamni hundee paartii jiraattoota magaalaa gandaa / aanaa keessa jiraataniin kan hundaa’u yoo ta’u , itti waamamni isaanii waajjira paartii gandaa / aanaa keessa jiraataniif taha

… itti fufa … 7. Hojjatoonni IMX dameelee hojii walfakkaataa irratti bobba’an yookaan naannoo tokkootti gurmaa’anii hojjatan baay’inni isaanii gahaa tahee yoo argame hundee paartii tokkotti ijaaramanii ni socho’u . baay’inni isaanii gahaa yoo tahuu baate ammoo waldaalee amala walfakkaataa qabuun kilaastaraan ni ijaaramu , itti waamamni isaanii waajjira paartii gandaa / aanaaf ta’a 8. Hundee paartii dafqaan bultootaa dhaabbilee hojjatoota yookaan kilaastara industriitiin kan caaseeffamu yoo ta’u , waamamni isaanii waajjira paartii gandaa / aanaaf ta’a

… itti fufa … B. Hundeen paartii sadarkaa kamiittiyyuu caaseeffaman miseensoota 22-210 ni qabaata hundeen paartii baay’inni miseensoota irraa irratan hanga miseensoonni isaa dabaluutti hundee paartii amala walfakkaatuun dhiheenyatti argamu birootti dabalamuun ni ijaaramu C. Gandoota baadiyyaa qonnaan / horsiisee bulaa keessatti baay’inni miseensaa 210 yoo caalees hundeedhuma paartii tokkoon ijaaramu D. Tokkoon tokkoo hundee paartii koree hoggansa miseensoota 10-12 qabuun hoogganama , koreen hooggansaa kuniis konfaransii hundee paartiitiin kan filatamu ta’a ,

… itti fufa … E. Hooggansi hundee paartii filatamu malu ulaagaalee gadii kanniin guutuu qabu Bu’aa hojii irratti bobba’een galmeesseen fakkeenyummaa kanneen biroof agarsiiseen Ogummaa fi naamusaan fudhatama kan qabu / qabduufi ergama itti kenname gahuumsaan kan raawwatu / raawwattu Jijjiiramicha gara fuulduraatti oofuuf miseensa mul’ata qabu Hojmaatoota paartii beekuu fi raawwachuuf sochii fooya’aa kan taasisu / taasistu

… itti fufa … Hojii idileen irratti bobba’een osoo hin daangeeffamin sochiilee misooma a fi bulchiinsa gaarii irratti gumacha kan qabu / qabdu Hawaasa naannoo fi waahiloota hojii biratti hojii isaa fi hariiroo hawaasummaan fudhatama kan qabu / qabdu . Hoggansi hundee paartii hanga danda’ametti miseensoota seelootaa adda addaa irraa akka filatamu ni taasisa

Koreen hoogansa hundee paartii Koreen hoogansa hundee paartii walitti qabaa , itti aanaa walitti qabaa , barreessaafi qabduu maallaqaa ni filata . Kanneen jalatti ammo koreeleen armaan gadii ni jiraatu . Koree hojii siyaasaa Koree hojii ijaarsaa Koree faaynaasii

Ergama Hundee Paartii Naannoolee keessatti argamutti hojiilee hawaasummaa , dinagdee , misoomaa , bulchiinsa gaariifi nageenyaa akka raawwataman gahoomsuu Hooggansaa fi miseensootaaf akka waltajjii gabbisa siyaasaa , naamuusaafi muuxannoo waljijjiiraatti tajaajila Muuxannoo gaggaarii gama misoomaa , bulchiinsa gaarii fi siyaasaan jiru haala guutuu taheen miseensoota hunda biratti akka babal’atu ni hojjata . Horannaan miseensootaa itti fufiinsaan akka gaggeeffamuuf deeggarsa hooggansaa ni kenna , miseensoonni jiru siyaasa gaarii akka qabaatan ni hojjata .

Itti gaafatamaa fi hojii koree hooggansa hundee paartii Raawwii karoora konfaraansii hundee paartiitiin ragga’e tokko tokkoom qopheessee ni raawwata , ni raawwachiisa Muuxannoo gaggaarii gama misooma , bulchiinsa gaarii fi hojii miyaasaatiin argaman gama miseensoota hundaa fi caasaa isaatti akka babal’atan akkaataa kallattii kaayaameen raawwachuu isaa ni mirkaneessa . Gahuumsa siyaasaa hoogantoota seelii gabbisuuf seminaarootaa fi gamaggama adda addaa ni qopheessa . Sochiiwwan koreelee gooree hundichaa ni hordofa , ni hooggana .

… itti fufa … 5. Raawwii marii seelii ni horddofa , marichaaniis dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan addaan baasuun akka irratti hojjatan ni taasisa . Sirni duubdeebii saffisaa qabuu fi bu’aa qabeessa tahe akka jiraatu ni taasisa . 6. Seeloonni hundicha jalatti ijaaraman ciminaan akka socho’an hooggansa barbaachisu ni kenna 7. Gabaasa qaadhimamaa miseensa seelii irraa argame bu’uura godhachuudhaan miseensa guutuu warra tahuun malan ni raggaasisa . 8. Qaamooleen hunduu ergama itti kenname bahachuu isaanii ni hordofa , tarkaanfiiwwan gama kanaan fudhatamuu qabaniis ni fudhata .

… itti fufa … 9. Akkaataa dambii ittiin bulmaata paartii itti gaafatamaa fi hojiin hundee p aartiitiif kennaman ni raawwata , aangoo dambiin ittiin bulmaataa kennuufiin daangeeffamee adabbii miseensootaa ni murteessa . 10. Raawwii hojiilee siyaasaa fi ijaarsaa konfaransii hundee paartiitiif ji’a sadii sadihiin waajjira paartii gulantaa tokko isaa olitti argamuuf ammo ji’a ji’aan ni gabaasa 11. Raga yookaan doosee miseensootaa sirnaan qabamuu isaa ni mirkaneessa

… itti fufa … 12. Qophiilee konfaransii hundee paartii gaggeessuuf barbaachisan ni taasisa . 13. Buusii miseensaa nagaheedhaan sassaabuudhaan qaama dhimmi ilaallatuuf galii ni taasisa 14. Itti gaafatamni isaa konfaraansii hundee paartii fi waajjira paartii sadarkaa sadarkaan jiraniif yookaan koree ijaaramuu maluuf ta’a

Itti gaafatamaa fi gahee hojii walitti qabaa hundee paartii Hojiilee siyaasaa fi ijaarsa hundee paartii ni hooggana ni qindeessa . Hojii ijaarsa dandeetti siyaasa seelootaa ni hordofa , ni hooggana Seeloonni ciminaa fi tokkumaan akka sochoo’an ni hordofa ni mirkaneessa . Walgahiiwwan koree hooggansaa , hundee paartii fi arifachiisaa ta’an walitti qabummaan ni hooggana Gabaasoota raawwii hojii fi kan biro walgahiiwwaniif ni qopheessa , koreen dhimmichi ilaalu akka qopheessu gochuun walgahiidhaaf ni dhiheessa .

… itti fufa … 6. Koree hooggansaa bakka bu’uudhaan qaama isaa olii waliin walqunnama , qaama isaa oliitti gabaasa ni dhiheessa , qaama isaa olii irraa qajeelfama ni fudhata . 7. Itti waamamni isaa koree hoggansa hundee paartii walitti qabaa koree hoggansa waajjira paartii sadarkaa sadarkaan jiraniif ta’a .

I/ gaafatamaa fi gahee hojii I/A wal / qabaa hu / paartii Yeroo walitti qabaan hin jirre bakka bu’ee ni hojjata . Hojiiwwan koree gooree siyaasa olaantummaan ni hoggana , ni qindeessa . Hojiiwwan biroo walitti qabaan kenneef ni raawwata . Itti waamamni isaa walitti qabaa fi itti gaafatamaa koree siyaasaatiif ta’a

Itti gaafatamaa fi gahee hojii Barreessaa hundee paartii Hojiilee koree ijaarsaaf kennaman olaantummaan ni hooggana , korichaas ni qindeessa . Sanadoota hundee paartii fi koree hooggansaa ni qaba . Hojiiwwan biro itti gaafatamaan kennuuf ni hojjata . Itti waamamni isaa walitti qabaa fi itti gaafatamaa koree ijaarsaatiif ta’a .

Miseensaa fi ijaarama koree siyaasaa Koreen kun Hooggansa Miseensa sadii kan qabaatu taha . Isaaniis :- I/A walitti hundee paartii …… walitti qabaa Miseensa koree hooggansa hun / paartii tokko … I/A/W/ qabaa Miseensa koree hooggansa hundee paartii tokko …… miseensa

Gahee hojii koree siyaasaa Koreen siyaasaa gaheewwan gurguddoo armaan gadii kana ni qabaata :- Tokkoon tokkoo miseensaa hubannoo fi ejjannoo siyaasaa gahaa ergama itti kenname akka raawwatuu isa dandessisu akka qabaatu marii fi hojii walirraa hin cinne keessa akka seenu hordoffii fi deeggarsa ni taasisa . Tokkoon tokkoo miseensaa fi hoggansaa muuxannoo gaggaarii akka babal’isuuf hubannoo fi qophii isa dandeessisu akka horatu ni hojjata . 2. Ijaarsa dandeetti miseensootaa fi hooggansa seelii irratti akka hojjatamu ni taasisa . Hojiiwwan dame siyaasaa akkaataa karoorfameen raawwachuu ni hordofa . Bu’aalee argamanii fi rakkoowwan qunnaman hordofuun ni gamaagama , furmaanni akka kennamuus ni hojjata .

… itti fufa … 3. Miseensoonni laaleewwanii fi baruulee badhaadhinaa irratti akka mari’atan ni hojjata . Laaleewwanii fi barruuwwan barruulee badhaadhinaa marii miseensoota hundee paartiitiif oolan irraatti karoora ni qabaata . Karoora kana irraatti hundaa’uun laalleewwanii fi barruuwwan barruulee badhaadhinaa akkaataa yeroo yeroon qaqqabuu irratti ni didiirsa . Qaqqabuu isaaniis ni mirkaneessa . Sagantaa marii seelii ni qopheessa , akkaataa sagantaa baheen mariin gaggeeffamuu isaa ni hordofa . Dhimmoota marii seelii irratti ka’an itti gaafatamtoota dame siyaasa seelii irraa fudhachuudhaan deebii ni kenna . Dhimmoota dandeetti koree gooree kanaa ol ta’an hoggansa hundee paartii fi dame siyaasaatiif kennuudhaan kallattiin ni fudhatama , seeliis ni beeksisa .

… itti fufa … 4. Sadarkaa hundee paartiitti konfaransiin akka gaggeeffamu gochuudhaan miseensoonni waltajjicharraatti argamanii akkaataa maluun mari’achuu fi hubannoo argachuu isaanii ni hordofa . 5. Seminaaroonni adda adddaa miseensootaaf akka kennaman ni hojjata . Mata dureewwanii fi sanadoonni marii yeroodhaan qaqqabuu isaanii akkasumaas mariisiftoonni hundi argamuu isaanii ni hordofa . Akkaataa karoora qaama olaanaa irraa kennameen miseensoonni hundi seminaaroota irratti hirmaachuu fi hubannoo siyaasa gahaa gabbifachuu isaanii ni hordofa .

… itti fufa … 6. Leenjiiwwan akka kennaman ni hojjata , Leenjiiwwan kennaman ni gurmeessa . Leenjiiwwan qaama olaanaadhaan gaggeeffaman yoo jiraatan hojiiwwan qophii foo’annaa fi human namaa ni hojjata . Bu’aa leenjiiwwan kennamanii hordofee ni gamaaggama , hanqinoota addaan baasa , gabaasa ni dhiheessa . Leenjiiwwan fuulduratti kennamuu malan irratti hooggansa magaalaa fi hundee paartiitiif yaada ni dhiheessa .

… itti fufa … 7. Koree siyaasaa waliin walqunnamuun deeggarsa ni argata , gabaasa ni dhiheessa . Hojiiwwan koree gooree ilaallatan irratti koree siyaasaa waliin walta’uun odeeffanno wal jijjiira . Deeggarsaas ni argata . 8. Itti waamamni isaa walitti qabaa hundee paartii fi koree siyaasaatiif ta’a .

Miseensaa fi hojmaata koree hojiiwwan ijaarsaa . Korichi hoggansa miseensa sadii qabuun kan caaseeffamuudha . Isaaniis :- Bareessaan hundee paartii … Walitti qabaa Miseensa koree hoggansa hun / paartii tokko … I/A w/ qabaa Miseensa koree hooggansa hundee paartii tokko ……… Miseensa

Hojiiwwan gurguddoo koree hojii ijaarsaa Koreen hojii ijaarsaa hojiiwwan gurguddoo armaan gadii ni qabaata :- Miseensoonni ijaarsa cimaa qabaatanii ergama itti kenname bahachuu isaanii karoora mirkaneessuu danda’uu karoorsuu fi raawwachuu , Miseensi hundi keessayyuu hoggansi hundee paartii fi seelii ergama irraatti ifa akka ta’u hubannoo siyaasa olaanaa fi ejjannoo cimaa akka gonfatu , qabatamaadhaan ofiisaa hojjatee , fayyadamee kaaniifis barsiisaa akka ta’u ni hojjata . Miseensoonni keenya akka humna ergamaa tokko raawwatutti cimaa fi dhiibbaa uumuun jijjiirama fiduu akka danda’u mirkaneessuu Miseensoonni ijaaramanii hojiitti galuu fi bu’aa barbaachisu fiduu irratti rakkoolee qunnaman yeroo yeroodhaan gamaaggamee yaada furmaataa ni kenna . Tarkaanfii sirreeffamaas ni fudhata

… itti fufa … 2. Naamusaa qajeelfamoonni ijaarsaa fi hojmaataa miseensootaan sirritti hubatamanii hojiirra akka oolan dandeessisu uumuu ; Naamusaa qajeelfamoonni ijaarsaa fi hojmaataa irratti hubannoo gahaa fi ifa tahe qabaachuu isaanii ni mirkaneessa , yoo hin qabaanne ammo leenjiin akka kennamuuf haala ni mijjeessa Qajeelfamoonn i ijaarsaa fi hojmaataa sirritti hojiirra ooluu isaanii ni hordofa . Rakkooleen yoo jiraataniis ni sirreessa .

… itti fufa … 3 . Ijaarsa / caasaa miseensootaa uumuufi cimsuu Miseensoonni hundi ijaarsa seelii fi hundee paartii keessatti hammatamuu isaanii ni mirkaneessa . Ijaarsoonni / caasaaleen hubannoo miseensaa guddisuu fi sochii isaanii qajeelchuu irratti gahee murteessa akka qaban sirritti akka hubatan ni hojjata . Miseensoonni gahee isaanii bahachaa jiraachuu hordofuufi mirkaneessu , rakkoolee mul’ataniif furmaata kennuu .

… itti fufa … Tokkoon tokkoo miseensaa ergama itti kenname raawwachuu isaa hordofuun sadarkaa miseensaa addaan baasuu , deeggarsa kennuu . Tokkoon tokkoo miseensaa ergama isatti kenname ifatti beekumsaan ni hordofa ; ni mirkaneessa Haaluma kanaan hojiirra oolmaasaa itti dhiheenya cimaadhaan addaan ni baasa . Bu’aalee raawwii jijjiiramaa irratti hundaa’uudhaan yeroo yeroon miseensoota hundaaf sadarkaan akka kennamu ni taasisa . ( madaalli miseensaa A,B,C ) Miseensi tokko adda duree tahuusaa miseensoota kaaniin akka madaalamu ni godha . Deeggarsa jajjabinaas ni kenna . Miseensoota adda durummaa hin agarsiifneef sirreeffama malu ni kenna .

… itti fufa … 5. Doosee / orneelli miseensootaa yeroo yeroodhaan guutamee qabamuu isaa mirkaneessuu Miseensoota hundaaf dooseen dhunfaa akka qophaa’e ni mirkaneessa Raga/ doosee miseensaa ji’a ji’aan ceephoo fi ceepha’ama irratti hundaa’ee haaroomee kaayamee qophaawuusaa ni mirkaneessa , dooseen dhunfaa miseenssichaas hojii barbaachiseef akka oolu ni taasisa .

… itti fufa … 6. Koree ijaarsaa waliin walqunnamuun deeggarsa ni argata ; Gabaasaas dhiheessa ; hojiiwwan koree gooree kana ilaallatan irratti caasaalee wajjiin walqqunnamuun odeeffannoo waljijjiiruun deeggarsa ni argata . 7 . Ijaarsa deeggartootaa gurmeessu fi cimsuu Gurma’insi liigiilee fi waldaalee akkasumaas deeggartootaa haala walitti hidhamiinsa qabuunijaaramuu fi sochii qabatamaa keessa galuu isaanii ni hordofa . Koreen gooree kun guyyoota 15tti altokko walgahee hojiisaa ni gamaaggama , 8. Itti waamamni isaa walitti qabaa hundee paartii fi koree ijaarsatiif ta’a .

Koree Faaynaansii paartii Baay’inni miseensoota koree kanaa lama yoo ta’u , gama karoora galii paartii qopheessuutiifi galii sassaabuu fi galii gochuutiin qoqqooddiin hojii ni jiraata . Karoora waggaa galii paartii qopheessuufi akkaataa karoorfaameen galii sassaabu ; Galiiwwan naagahee seera qabeensaan sassaabuun waajjira paartiif galii ni taasisa . Gurgurtaa laalleewwanii fi barruulee badhaadhinaa galii ni taasisa . Itti waamamni isaa walitti qabaa hundee paartii fi waajjira paartiif ta’a .

Hojmaata Hundee Paartii Komfaraansiin hundee paartii milkaa’inaan akka gaggeeffamu ni hojjata Komfaraansiin hundee paartii sadarkaa adeemsa jijjiiramaa keessatti akka ajandaa ijootti qabamee ni gamaaggama . Guyyaan konfaraansiin itti gaggeeffamu yoo xiqqaate ji’a tokko dursee akka beeksifamu ni taasifama . Hanga danda’ametti guyyaa ayyaanootaa konfaransichaan walirra bu’uu malanii yookaan hordofanii dhufan tilmaama keessa galchuudhaan akka qulqullaa’u gochuun ni barbaachisa Komfaraansiin hundee paartii ji’a sadii sadihiin akka gaggeefamu ni ta’a .

… itti fufa … Ajandaaleen konfaransichaa maal maal ta’uu akka malan erga irratti marihatamee booda seelii qo’annootiif beeksifamee ajandaan seeloonni barbaadan yoo jiraate akka eeran gichuutu irra jiraata . 6. Koreeleen hojii isaani ilaallatu irratti gabaasa gaggabaaboo akka qopheessaniifi karoora itti aanuufis ka’uumsa akka kaayan ni taasifama . 7. Qaama olaanaa irraa ajandaa gadi bu’u fudhachuun haala qabatama caasaa isaanii wajjiin walsimsiisuun mariidhaaf akka dhiyaatan ni taasifama . 8. Waltajjii konfaraansiichaarratti ajandaaleen erga raggaasifamanii booda walduraa duubaan kan irratti marihatamu ni taha .

… itti fufa … 9. Miseensoonni mata-duree hunda irratti bilbisa ta’anii yaada isaanii akka ibsatan , akka mormaniis tahee akka deeggaran carraa bal’aa kennuuniifi erga haala gahaa taheen irratti marihatanii booda gara yaada murteetti akka deeman gochuun ni barbaachisa . 10. Yaadi murtee bifa barreeffamaatiin qophaa’ee erga dubbifamee booda sagaleen akka murteeffamu ni ta’a 11. Xumura konfaraansichaarratti ibsa ejjannoo waloo baasuu , ibsi ejjannoos yaada murtee gaggabaabsee kan of keessatti hammatu gochuun garagalchi isaa bseelii qo’annoof akka kennamu ni ta’a

… itti fufa … 12. Xumura konfaraansichaarratti gabaasni ceephoo fi ceepha’amaa hooggansa hundee paartii , miseensootaaf kan dhiyaatuu fi wanti dabalamu yookaan sirreeffamu akka hammatamu ni ta’a 13. Filannoon hooggansaa konfaransii jalqaba waggaarratti kan gaggeeffamu tahee , haala barbaachisummaa isaatiin konfaraansii paartii gaggeeffamu irratti hanqina jiru ilaaluun sirreeffam barbaachisaa tahe gochuun ni danda’ama . 14. Miseensoonni yookaan qaamni olaanaan konfaransii arifachiisaa yoo yaame , miseensoota hundaaf walgahii seelii qo’annoorratti beeksifamee miseensoonni argaman walakkaa ol yoo tahe deeggarsa kan gaggeeffamu ni ta’a

… itti fufa … 15. Adeemsi waliigala konfaransichaa qaboo yaa’iitiin akka qabamu ni ta’a 16. Konfaraansichi taa’amuuf miseensoonni hundee paartii walakkaadhaa ol (%50+1) argamuu qaba 17. Murteewwan konfaraansich i sagalee caalmaatiin dabarsu misoonsoota konfaraansicharratti argaman keessaa walakkaadhaa oliin (%50+1) deeggaramuu qaba .

Bu’uura Murtee Konfaransiitiin Raawwii Hogganuu Erga Konfaraansiin xumuramee booda miseensoonni hundi akkaatuma caasaa isaaniitiin saffisaan gara hojiitti galaniifi hojiiwwan kaayaman raawwachuu fi galma milkaa’inaa rukutuuf waliif birmachuutu irraa eeggama . Akkaatuma waliigaltee isaaniitiin hojiiwwan waloo miira itti gaafatamummaa olaanaan ni raawwatu Hojiiwwan bulchiinsa gaarii fi kan biro karoora isaanii bu’uura godhachuun ni raawwatama

… itti fufa … 5. Sochiiwwan raawwii hojii hundarraa barnoota gahaa fudhachuu , sadarkaa hoggansaatti muuxannoo filatamaa miseensoota irraa fudhachuudhaan miseensoota hunda beeksisuun tooftaalee raawwii akkasiis qabeenya waloo akka tahu taasisuu 6. Adeemsa raawwii hojiiwwanii yeroo kenname bu’uura godhachuun haala idilaawaa taheen gamaaggamuu fi sirreeffama karooraa barbaachisu gochuun hojiichi qulqullinaan akka raawwatamu gochuutu irraa eeggama .

Sadarkaa Hooggansaatti Hojmaata Walirraa Barachuu Hojiirra Oolchuu Raawwii hojii isaa bu’uura godhachuudhaan hooggansi sagantaa walirraa barachuu ji’a ji’aan ni gaggeessa . Ji’a sadii sadihiin bu’aa waliigaltee lakk . 1 irra gahame hundee paartiitiif gaggabaabinaan dhiheessee ni gamaaggamsiisa Sagantaaleen walirraa barachuu sadarkaa hundatti gaggeeffamu gabbisuufi hanqinoota qabatama irratti kan hundaa’e , hojii malee nama kan giddugaleessa hi godhanne akka ta’u ni taasifama .

Hojmaata hooggansa hundee paartii Walgahii fi walqunnamtiin koree hooggansaa akka armaan gadii kana taha :- Koreen hooggansaa ji’atti altokko walgahii idilee ni qabaata , haaluma kanaan;Gabaasa seelootaa fi koreelee gooree irraa dhufe akkasumaas karooraa fi kallattiiwwan qaama olaanaa irraa bu’u irraatti marii ni gaggeessa , seeloota fi koreelee gooreef kallattii ni kaa’a , Murtee qaadhimamtootaa miseensootaa gara miseensummaa guutuutti ceesisuu ni murteessa , turtii ji’a tokkoo keessatti seeliif ni beeksisa . Koreen hooggansaa dhimmoota hunda irrattuu yaada qabu saffisaan seelootaaf ni beeksisa .

Hojmaata Koreelee Koreeleen hunduu torbaan lamatti altokko walgahii idilee ni qabaatu . Walgahichaaniis raawwii hojii darbee ni gamaaggamu , karoora hojii guyyoota 15’n itti aananii ni raggaasisu ; hojiiwwan qoqqoddachuuniis ni qajeelchu . Gabaasa hundee paartiif dhiyaatu ni qopheessa , ni dhiheessa ; Koreelee seeliitiif kallattiiwwan ni buusu / ni kaayu

Walitti Dhufeenya Hooggansa Hundee Paartii Fi Koree Waajjira Paartii Walitti qabaan hundee paartii I/G waajjira paartii fi walitti qabaa koree wajjiin walqunnamtii hojii ni taasisa Hoggansi waajjira paartii yookaan koree ji’a sadihitti al tokko walitti qabaa hundee paartii fi I/A/W/ Qabaa , barreessaa fi itti gaafatamaa faaynaansiifi walitti qabdoota koreelee gooree wajjiin gara gidduugaleessaatti waamuudhaan gamaaggama ni gaggeessa , balballommiin raawwii walitti dhufeenya kanaa akkaatuma olitti ibsameen ta’a

… itti fufa … 3. Akkuma barbaachisetti itti gaafatamtoonni dame siyaasaa fi ijaarsaa waajjiraalee paartii sadarkaa sadarkaan jiraniin haala hojii idilee isaanii hin miineenii fi yeroo isaanii mijjawetti hooggansa hundee paartii wajjiin walgahii waloo ni gaggeessu . 4. Karooraa fi qajeelfamoota qaama olaanaa irraa kenname lakkaawee ni fudhata , karoora raawwiidhaaf ni qopheessa . 5. Qeeqa qaama olaanaaf dhiyaatu yoo qabaate waltajjii kanatti fayyadamuun ni dhiheessa . 6. Ji’a sadii sadihiin gabaasa raawwii hojii haala guutuu taheen waajjira paartii yookaan koreedhaaf ni erga .

Ijaarsa Seeloota Paartii Hundeen paartii ijaarsa miseensoota guyyaa guyyaatiif kan itti dhimma bahan caasaa seelii ni qabaatu . Baay’inni miseensoota seelii 11- 35 ta’a Seeloonni miseensoota guutuu fi miseensoota qaadhimamtootaa qabaachuun naannoo jiraatanii fi bakka itti hojjatanitti kan hundaa’an yoo ta’u , akkaataa armaan gadiin ta’a . Hojjatoota mootummaa ( sadarkaa naannoon , godinaan , magaalaadhaan , aanaa fi gandaan ) manneen hojii keessatti hojjataniin yookaan dame hojiitiin jachuuniis dinagdee , hawaasummaa , bulchiinsarratti hundaa’uun ni ijaaramu Miseensoonni dhaabbilee federaalaa magaalaa naannoo keenya keessa jiraniimanneenuma hojii itti hojjachaa jiranitti kan ijaaraman ta’a

… itti fufa … C. Seeliin barsiisootaa , hojjatoota bulchiinsaa fi barattootaa bakkaa fi mana hojii keessa hojjatanitti , sad/ magaalaa , kutaa magaalaa / aanaafi gaandatti ijaaramu . D. Hojjatoonni hospitaalaa / buufata fayyaa akkuma mijjaaweefitti mana hojii isaaniitti sadarkaa magaalaa / kutaa magaalaa / aanaa fi gandaatti ni ijaaramu E. Qonnaan / horsiisee bultoonni mandara , qaxanaa,haala taa’umsa lafaa bu’uura godhachuudhaan kan ijaaraman ta’a F. Seeliin hojjatoota baadiyyaatti bobba’anii , ogeessoota baadiyyaa fi hojjatoota biro haala hammateen bakka hojii yookaan ganda bu’uura godhachuunni ijaaramu .

… itti fufa … G. Seeloonni jiraattoota magaalaa bakka jireeenyaa bu’uura godhachuun sadarkaa gandaa , mandara , qaxanaa yookaan aanaatti ni ijaaramu H. Miseensoonni hojjatoota dhaabbilee IMX magaalaa damee hojii irratti bobba’an bu’uura godhachuudhaan kan ijaaraman yoo ta’u , baay’inni isaanii yoo xiqqaa ta’e seelii itti dhiyaatu keessatti ni ijaaramu . I. Dafqaan bultoonni bakkuma hojjatanitti seeliidhaan ni ijaaramu

… itti fufa … J. Miseensoonni dhaabbilee misoomaa mootummaa yookaan ummataa hojjatan haala isaaniif mijjaaween ganda jiraatanitti yookaan caasaa mana hojii itti dhiyaatu keessatti ijaaramuu ni danda’u K. Miseensoonni qooqa hojii naannoo hin dandeenye haala isaaniif mijjaaween ganda jiraatanitti yookaan caasaa mana hojii itti dhiyaatu keessatti ni ijaaramu

… itti fufa … 3. Miseensoonni mana hojii tokko hojjatan baay’inni isaanii 11 gadi yoo ta’e hojjatoota manneen hojii biro wajjiin kilaasteraan ijaaramu 4. Miseensoonni hundi seelin ijaaramanii socho’uun irra jiraata , baay’inni miseensootaa 35 ol yoo ta’e seelii biro ijaaruun ni danda’ama .

… itti fufa … 5. Seeliin hundinuu koree hooggansaa ni filatu . Isaaniis :- Walitti qabaa Itti gaafatamaa siyaasaa Itti gaafatamaa ijaarsaa Qabduu maallaqaa ti .

Ergama seelii Miseensoonni ganda / aanaa isaanitti , mana hojii isaaniti hojiiwwan badhaadhinaa fi nageenya mirkaneessan raawwachuu irratti adda duree ta’anii akka sochoo’an gahoomsuudha . Adeemsa kanaaniis miseensoonni qabatamaan akka ijaaraman ni taasisa . Karoora dhunfaa miseensoota seelii keessatti hammatanii raggaasisuu , raawwii isaanii hordofuu , deeggaruu fi madaaluu ; Miseensoni gahuu msa siyaasaa fi ijaarsaa akka horatan ni hojjatan Miseensota haaraa foo’achuu , miseensoonni jiru paartii qindaa’ee akka qabaataniifi sochii cimaa akka qabaatan ni taasisa .

Hojmaata Seelii Seeloonni hojmaata keessoo armaan gadii ni qabaatu :- Walgahii idilee ji’a ji’aan ni gaggeessu Marii siyaasaa fi miseensoonni hundi adda durummaan badhaadhina mirkaneessuuf raawwatan , ijaarsa walo miseensootaa fi deeggartoota , walumaagalatti sochiin miseensootaa kan ittiin gamaagamammu ni ta’a . Gamaaggamicharratti hundaa’ees sagantaan walirraa barachuu akka gaggeefamu ni taasifama .

… itti fufa … 4 . Walgahiin seelii kan gaggeeffamu miseensoonni isaa walakkaadhaa ol yoo argamaniidha . 5. Miseensi kamiiyyuu walgahii seelii irratti argamuuf dirqama qaba , miseensoonni haala humna isaatii ol taheen hirmaachuu hin dandeenye dursee walitti qabaa seelii beeksisuufi eeyyamsiisuu qaba

Itti gaafatamaa fi hojii seelii , koree hooggansaa fi miseensootaa Koreen Hooggansa seelii hojiiwwan armaan gadii qaba :- Walitti qabaa seelii fi itti gaafatamtoota biro ni filata , Miseensoonni seelii raawwii fi ilaalchaan adda duree tahanii socho’uu isaanii ni hordofa Qajeelfamoota hundee paartiirraa dhufan miseensoonni seelii akka beekanii fi sirnaan hojiirra oolchan ni taasisa , raawwi isaatiis ni too’ata

… itti fufa … 4. Miseensoonni ergama isaanii bahuu ilaalchisee haala akkami irra akka jiran ni gamaaggama , karoora miseensootaa hundaa gamaggamuun ni raggaasisa , raawwiii isaas ni hordofa , deeggarsa barbaachisuus ni kenna , firii isaas ni madaala . 5. Qaadhimamtoonni / miseensoonni haaraan ulaagaa guutanii foo’amuu isaanii ni mirkaneessa , kaadhimamaan miseensaa akka ragga’u yaada murtee hundee paartiitiif ni dhiheessa . 6. Sagantaalee marii fi gamaaggama seelii ni qopheessa , raggaasisuuniis hojiirra ni oolcha .

… itti fufa … 7. Sagantaan marii seelii osoo hin gufatin akka gaggeeffamu haala mijjaawaa uumuurratti xiyyeeffannaan ni hojjata , muuxannoo seeloota kaanii fudhachuudhaan itti fayyadama . 8. Koreen hooggansaa torbaan lamatti altokko walgahii idilee gaggeessuudhaan odeeffannoo waljijjiiru 9. Hundee paartiitiif ji’a ji’aan gabaasa ni dhiheessa

… itti fufa … B. Walitti qabaan seelii itti gaafatamaa fi hojii armaan gadii ni qabaata :- Walgahii seelii walitti ni qaba , ni hooggana . Hojii siyaasaa fi ijaarsa seelii olaantummaan ni qindeessa . Seelii bakka bu’uun hooggansa hundee paartii wajjiin walqunnama Seeliin cimee akka sochoo’uuf hooggansa dandeessisu ni kenna , Ciminaa fi hanqina sochii siyaasa miseensootaa addaan baasuun deeggarsi akka kennamuuf ni taasisa

… itti fufa … C . Itti gaafatamaa damee siyaasa seelii itti gaafatamaa fi hojii armaan gadii qaba :- Tokkoon tokkoo miseensaa hubannoo fi ejjannoo siyaasaa gahaa ergama itti kenname akka raawwatu isa dandeessisu akka qabaatu marii fi hojii walirraa hin cinne keessa akka seenuhordoffii fi deeggarsa ni taasisa . Ijaarsa dandeetti miseensootaa fi hoogansa seelii irratti akka hojjatamu ni taasisa Miseensoonni laalleewwanii fi barruulee badhaadhinaa irratti akka marihatan ni hojjata

… itti fufa … 4. Sadarkaa hundee paartitti konfaransiin akka gaggeeffamu gochuudhaan miseensoonni waltajicharratti argamani akkaataa maluun mari’achu fi hubannoo argachuu isaanii ni hordofa . 5. Koree siyaasa wajjiin walqunnamuun deeggarsa ni argata , gabaasaas ni dhiheessa , hojiiwwan koree gooree ilaallatanirratti koree siyaasaa wajjiin walta’uunodeeffanno waljijjira , deeggarsaas ni argata . 6. Itti waamamni isaa walitti qabaa hundee paartii fi koree siyaasaatiif ta’a

… itti fufa … D. Itti gaafatamaan damee ijaarsaa itti gaafatamummaa fi hojii armaan gadii qaba :- Seelichi cimee akka sochoo’u hooggansa dandeessisu ni kenna Hubannoo miseensoonni qajeelfamoota ijaarsaa fi hojmaataa irratti qaban gabbisuufi hojiirra akka oolu hordofuu , Hooggansa kennuu Doosee miseensoota seelii ni qaba , yeroo barbaachisees hundee paartiif ni dabarsa Adeemsa walirraa barachuu miseensoota irratti qaboo yaa’ii ni qaba , doosee dhunfaa miseensootaatiis ni qabsiisa

… itti fufa … 5. Ijaarsa qaadhimamtoota miseensootaa ni hordofa , kan miseensa guutuu ta’uu malaniis seeliidhaan akka gamaggamaniifi gabaasni isaa hundee paartiif akka ergamu ni hojjata , deebii hundee paartiirraa kenname miseensoonni seelii akka beekan ni godha . 6. Sochii miseensoonni seelii ijaarsa waldeeggaran biro wajjiin taasisan ni hordofa 7. Itti gaafatamaa dame ijaarsaa hundee paartiif ji’a ji’aan gabaasa ni dhiheessa 8. Itti waamamni isaa walitti qabaa seelii fiitti gaafatamaa dame ijaarsa hundee paartiif ta’a

… itti fufa … E. Qabduu maallaqaa seelii aangoo fi itti gaafatama armaan gadii qaba :- Buusii miseensaa ni karoorsa , nagahee seera qabeessaan sassaabuun hundee paartiif ni galcha Maallaqa gurgurtaa laalleewwanii fi barruulee badhaadhinaa argamu walitti qabee galii ni taasisa Galiiwwan deeggarsa paartii biroo akkuma barbaachisummaa isaatti sassaabee ni galchaa Itti waamamni isaa walitti qabaa seeliitiifi itti gaafatamaa faaynaansii hundee paartiif ta’a

Paartiin Badhaadhina :- Mirga abbaa biyyummaa ummata keenyaa ni mirkaneessa Ijaarsa Biyya keenyaa keessatti gahee ummata keenyaa olaanaa tahuu isaa ni mirkaneessa … Sochii gama Siyaasa , Dinagdee fi Hawaasummaatiin Biyyatti keessatti gaggeeffamu keesatti gaheen ummata keenyaa olaanaa tahuu isaa ni mirkaneessa . Misooma arifachiisaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessa Demokraasii fakkenyumma qabu ijaara , niis mirkaneessa Ummanni hundi naannoon , sabaan , amantiin osoo walhimqoqqoonne itti fayyadamumma qixxee taheen Gara Badhaadhina dhugaatti ni ceesisa Nageenya ummataa mirkaneessa Akka waliigalatti Badhaadhina ummata bal’aa mirkaneessuun biyyatti hiyyummaa keessaa baasuun tarree biyyoota guddanitti ni ceesisa .

Barri Bara Badhaadhinaati !!!! Horaa Bulaa !!!