Itti gaafatamaa fi gahee hojii walitti qabaa hundee paartii Hojiilee siyaasaa fi ijaarsa hundee paartii ni hooggana ni qindeessa . Hojii ijaarsa dandeetti siyaasa seelootaa ni hordofa , ni hooggana Seeloonni ciminaa fi tokkumaan akka sochoo’an ni hordofa ni mirkaneessa . Walgahiiwwan koree hooggansaa , hundee paartii fi arifachiisaa ta’an walitti qabummaan ni hooggana Gabaasoota raawwii hojii fi kan biro walgahiiwwaniif ni qopheessa , koreen dhimmichi ilaalu akka qopheessu gochuun walgahiidhaaf ni dhiheessa .