Karoora wmmbbumagaala sanateeb 2018.pptx

mahammadhasan470 9 views 123 slides Oct 31, 2025
Slide 1
Slide 1 of 123
Slide 1
1
Slide 2
2
Slide 3
3
Slide 4
4
Slide 5
5
Slide 6
6
Slide 7
7
Slide 8
8
Slide 9
9
Slide 10
10
Slide 11
11
Slide 12
12
Slide 13
13
Slide 14
14
Slide 15
15
Slide 16
16
Slide 17
17
Slide 18
18
Slide 19
19
Slide 20
20
Slide 21
21
Slide 22
22
Slide 23
23
Slide 24
24
Slide 25
25
Slide 26
26
Slide 27
27
Slide 28
28
Slide 29
29
Slide 30
30
Slide 31
31
Slide 32
32
Slide 33
33
Slide 34
34
Slide 35
35
Slide 36
36
Slide 37
37
Slide 38
38
Slide 39
39
Slide 40
40
Slide 41
41
Slide 42
42
Slide 43
43
Slide 44
44
Slide 45
45
Slide 46
46
Slide 47
47
Slide 48
48
Slide 49
49
Slide 50
50
Slide 51
51
Slide 52
52
Slide 53
53
Slide 54
54
Slide 55
55
Slide 56
56
Slide 57
57
Slide 58
58
Slide 59
59
Slide 60
60
Slide 61
61
Slide 62
62
Slide 63
63
Slide 64
64
Slide 65
65
Slide 66
66
Slide 67
67
Slide 68
68
Slide 69
69
Slide 70
70
Slide 71
71
Slide 72
72
Slide 73
73
Slide 74
74
Slide 75
75
Slide 76
76
Slide 77
77
Slide 78
78
Slide 79
79
Slide 80
80
Slide 81
81
Slide 82
82
Slide 83
83
Slide 84
84
Slide 85
85
Slide 86
86
Slide 87
87
Slide 88
88
Slide 89
89
Slide 90
90
Slide 91
91
Slide 92
92
Slide 93
93
Slide 94
94
Slide 95
95
Slide 96
96
Slide 97
97
Slide 98
98
Slide 99
99
Slide 100
100
Slide 101
101
Slide 102
102
Slide 103
103
Slide 104
104
Slide 105
105
Slide 106
106
Slide 107
107
Slide 108
108
Slide 109
109
Slide 110
110
Slide 111
111
Slide 112
112
Slide 113
113
Slide 114
114
Slide 115
115
Slide 116
116
Slide 117
117
Slide 118
118
Slide 119
119
Slide 120
120
Slide 121
121
Slide 122
122
Slide 123
123

About This Presentation

Ghjiiooollppllllllllllllkkkkkkjj


Slide Content

Baga milkoofne

MBNA BULCHIINSA MAGAALAA SANBATEE Bulchiinsa Saba Oromootti Karoora Guddina , Ce'umsaa fi Misooma Waaraa Bara Baajataa 2018

Haala raawwii karoora misooma fufaa , ceessisaa fi guddina Bara bajata 2017

seensa Wagoota darbaan keessatti Akka bulchiinsa magaalaa keenyatti imala badhaadhina eegalle milkeessuun gaafii ummata fe dh ii misoomuu fi rakkoolee bulchiinsa gaarii sadarkaan jiraan deebisuuf Nageenya tasgabbeessuu fi hiyyummaa hir’isuun Jijjiirama dinagdee ariifachiisaa fiduun hawaasa mara fayyadamoo gochuuf Hojiiwwan hawaas -dingdee heedduun bal’aan hojjetamaa turanii jiru .

itti fufa --- Bu’aawwan jajjabeessoo galmeessuunis danda’ameera . Bu’aan kun gaggeessummaa caasaalee sadarkaan jiranii fi hirmaannaa ummataatiin kan argamee dha . Bu’aawwan argamaan caalatti cimsuun , hanqinoota mula’atan furuun KAROORA GUDDINA, CE'UMSAA FI MISOOMA WAARAA BARA BAAJATAA 2018tii galmaan ga’uuf milkaa’ina karooraa bara baajata 2017 irratti walii galuun barbaachisaa wan ta’eef akka armaan gadiitti dhiyyatee jira .

Raawwii Diinagdee Waliigalaa Bara baajata 2017 Fedhii misooma haaraa bara baraa

M addaa guddinaa fi carraa hojii Imala badhaadhinaa eegalame ariifachiisuun cee’umsaa gud d inaa din a gdee milkeessuuf saayinsiif Teeknooloojii

1. Raawwii Dameelee

1.1. Industiriiwwan Oomishaa Akka magaalaatti bara 2014 irraa eegelee investaroota 7 ( dubartii 1) lafa bal’ina kaaree 6524.74 misooma invastimantii irratti hirmaachisuu danda ’uu Kana keessaa gamoof kan kenname kaaree 1924.74 Misooma kuusaa boba’aaf kaaree 4600 Abbootiin qabeenyaa lafa misoomaa fudhatanii battalumatti gara hojiitti hin seennee keessa piroojektoota rakkoo qaban adda baasuun , proojektoota 2’f akeekkachiisa jalqabaa , 1 ’f akeekkachiisa dhumaa kennuun danda'ameera .

Hanqinoota mul’atan Abbootii qabeenyaaf lafa kennamu hanga barbaadamu qopheessuu dhabuu Abbootii qabeenyaa misoomaa fi dandeettii qaban fi carraa hojii bal'aa uumuun jijjiirama dinagdee fiduu danda'an adda baasuun ofitti simatuu dhabuu Abbootin qabeenyaa lafa fudhatan yeroo kaa’ameefitti hojitti galuu dhabuu

Barnoota ilalchisee Mana barumsaa KJ,hanga haayiskuuliitti Bulchiinsa magaalaa sanbatee jala jiran . 1. m/b burqaa guddina sad 1ffaa 2. m/b qorroo sad 1ffaa 3. m/b sanbatee sad 1ffaa 4. m/b irreetti sad 1ffaa 5. m/b qilee sad 1ffaa 6. Mana marumsaa sanbatee sadarkaa 2ffaa 1 . m/b oolmaa daa’immani kan mootummaa ---1 fi 2. Kan dhuunffaa 2 m/b najashii fi abdii boruu . Walumaa galattii bulchiinsi magaala sanbatee M/B 9 of jalatti qabatee argama .

Baay’ina baratootaa kutaa 1- 12 bara 2017 ilaalchise . Baayyina barattoota waligalaa barachaa turan . Kutaa 1-8 Dhi 2495 dha 2065 ida 4560 Kutaa 9-12 Dhi 332 dha 314 ida 646 Kutaa 1-12 Dhi 2827 dha 2379 ida 5206

hanqina --- Qulqullinni barnootaa laafaa ta’uu Hanqinna barsiisotaa godaansa barsiisotaa , hanqina dandeettii fi kaka’umsa dhabuu barsiisotaa fi hogganoota manneen barnootaa , Galmoota hirmaannaa barnootaa guddisuun danda’an , qulqullina barnootaa mirkaneessuu danda’anii , fi humna namaa dorgomaa ijaaruu akka danda’an horachuu akka qaban xiyyeeffannaa addaan hojjechuun barbaachisaa ta’a

1.5. fayyaa Fayyaa haadholii , daa’immanii sirna nyaataa isaani fooyyesuu Ittisaa fi too’annoo dhukkubootaa Hirmaannaa ummataa dagagsuu fi tajaajila bu’uraa Dhukkuboota tasaa fayyaa hawaasaa mudatan ittisuu,too’achuu fi dandeetti dandamachuu ijaaruu . Gahumsaa fi too’annoo sirna fayyaa fooyyessuu Bulchiinsa dhiheessa yaalii fi qorichaa fooyyessuu .

Itti fufaa --- Dhaabileen bu’uuralee misooma fayyaa babalisuu Raawwiin wabii fayyaa hawaasummaa,abbaa warraa fi haadha warraa baayyee miseensa gochuun danda’ameera Garee hogganoota fayyaa hawaasaa (village health leaders) leenjisuun fi hojiitti galchuudhaan hirmaannaa hawaasaa guddataa jira Sirna fayyaa bu’uuraa keessaa tokko bu’uuralee misooma fayyaa guutuu dhabuudha Tajaajila istandardii fayyaa guutatee kuunuu . Wal gitiinsi ogeessa fayyaa fi ummataa baay’ee gadi aanaa

1.7. daldalaa fi misomaa gabaa Haguuggii daldala seera qabeessa 61.6% ta'an adeemsa seera qabeessa hordofuun hojii daldalaa isaanii akka gaggeessan godhameera . Kenniinsa tajaajila heyyamaa fi galmee daldalaa 100% oonlaayinii gochuun danda’ameera . Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf zeeytii litira 2250 fi sukkaaraa 304 kuntaa la dhiheessuun danda’aameera .

Hanqina --- Sirni daldalaa adeemsa seera qabeessa akka hordofuuf Dhiheessaa fi fedhii waliin wal gituu dhabuu , Tasgabbii dhabuu gabaa fi rakkoolee qaala’iinsa jireenyaa hir'isuuf baajatni naannawaa ramadamuu dhabuu , To'annaa daldala seeraan alaa fi kontiroobaandii ittisuuf koree waloo hojii daldala seeraan alaa fi kontiroobaandii gurmeessuun hojiitti galchuu dhabuu fi kan gurmaa’es haala qindaa’aan hojiilee daldala seeraan alaaf sodaa ta'an adda baasuun tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu dhabuun

Itti fufaa --- Galmeen daldalaa , eeyyamni fi tajaajiloonni haaromsaa onlaayiniin bakka tokkotti kennaman rakkoo addaan ciccituu sirnaa intarneetii waliin wal qabatanii fayyadamtootaaf dadhabbii fi rakkina uumuun , hawaasni daldalaa yeroo gara yerootti oomishaalee irratti keessattuu oomishaalee industirii irratti jijjiirama gatii sirrii hin taane dabaluun rakkoo qaala’iinsa jireenyaa guddisuu kana hordofee furuu danda'u dandeettii , kutannoo fi gurmii ga’umsa qabuun raawwataa fi raawwachiisaa uumuu fi kanneen biroo gara fuulduraatti rakkoolee xiyyeeffannoo gaafatanii dha .

1.8 . Geejjibaa Seera tirafikaa irratti Hubannoo uumuu karoorri 75211 raawwiin 70786 Dhibbantaa 94% raawwatamee jira . Bufata konkolaata irraa qarshiin sasabame Karoorri 200,000 Raawwiin 65,000 Buufataalee geejjibaa yeroo 1 tajaajila kenna kan jiru tahuu

Carraa hojii gama waajjira geejjibaan uumame walumaagalatti Dargaggoota 34 f dabaree eegsisuu irratti carraan hojii uumamee jira . nageenya daandd’ii tiraafikaa ilaalchisee . Too’annoo fi kan dhaabbatan - karoorri bara 3,600 Raawwii 4,077 dhibbantaa 113.25 % kan seera cabsan 1838 yoo tahu warra seera cabserraa adabbii Maallaqa - 1,548,750 sassaabun danda’ameera zebiraa dibuu irra dedeebbiin karoori bara 7 raawwiin 7 dibbeentaan 100% Kan itti fufe

Hanqinoota mul’atan Miira tajaajilummaa dhabuu fi tajaajilamtoota rakkisuu , Tarifaa ol kaffaluu fi baay’inaan namaa fe’uun guutummaatti dhaabbachuu dhabuu , To’annoon tiraafikaa daandii irratti teeknooloojiin deeggaramuu dhabuu , seera tiraafikaa daandii irratti kabajuu dhabuu fi rakkoo seeraan alaa kan mul’atanii dha . Dandeettii dhabuu konkolaattotaa fi konkolaachisoota , jiraachuu

2 Raawwii Misooma Magaalaa fi Baadiyyaa

2.1. Misooma Magaalaa Misooma irratti hirmaana ummataa 3,640,000 oli sassaabun misooma ummataa f jechuunis tiraanisfoormarii dabalataa ijaarun danda’ameera . Galii ilaalchisee Gosoota galii adda addaa irraa gali waliigalaan sassaabuuf karoorri baraa 24,604,638 Raawwiin 24,239,330 Dhibeentaan 98.51%

Hojii Ijaarsaa fi Too’annoo ilaalchisee 1.Waliigaltee pilaani mirkana’e kennuu karoorri bara 150 raawwiin 39 dhibbe 26% 2. E eyama ijaarsa dhuunfaa mana fi dallaa kennuu karoorri bara 200 raawwiin 38 dhibbe 19% 3. Ijaarsa gamoo magaalaa waldaa fi dhunffaa karoorri baraa 10 Raawwiin 6 Dhibb 60%

B aankii misooma lafaa ilaalchisee Lafa hoospitaalaa ilaalchisee :- gaaffiin ummataa kan bara dheeraa ture keessaa tokko hoospitaala yoo tahu gaaffii kana bu’uura irraa furuuf lafa heektaara 6.34 kan ta’u qopha’e hojiin beenyaa hojjatame jira . Lafa mana jireenyaa ilaalchisee rakkoo bara dheeraa kan ture bara 2017 waaldaalee manneen jireenyaa 6 f , lafa heektaara 6 dabarfamee kennamee jira . Lafa hektaara 2.2 kan humnaan waaldaalee bara 2009 kennamee turee qabaachuun gadi dhiisuu didee hojii seera kabachiisuu hojjatameen waaldaalee mana jireenyaatiif kennameera . Dhaabbata mana maree muslimaaf lafa biiroo fi tajaajila addaa addaaf oolu kaaree 375.13 dabarfamee kennamee jira Hojii ittisa weerara lafaa :- Lafa seeraan ala qabame karee 620 akka deebifamu godhame jira .

Pirojekttiwwan Hojjetaman 1/ D aanddii duraanii suphuu Karoorri baraa km 10 Raawwiin km 2.5 Dhibbeen 25% 2/ Daanddii kobilistoonii afuu karoorri bara meetira 300 raawwiin meetira 420 dhibbe 140% 3/ Kanalii hojjechuu karoorri bara meetira 300 raawwii meetira 320 dhibbe 106.6 % Lafa karaa hospitaala deemuu meetira 500 oli tahu hojjatameera . Sarara ibsaa gooxii laga jiloo kiiloomeetiraa 1.5 tahu diriirfamee jira .

Daanddiin Kabilistoonii yeroo hojjetama jiru

Daanddi kobilistoonii yeroo hojjetamee xumurame

Eebba kobilistooniicha .

Kan itti fufe ---

Kan itti fufe ----

Hanqinoota mul’atan --- Fedhiin ummata magaalaa fi galiin sassaabamu wal madaaluu dhabuu Rakkoon qulqullina magaalaa jiraachuu Rakkooleen buleeyyiin kan akka buufata konkoolaataa , iddoon qalmaa jiraachuu dhabuu Pirojektoota ijaaramaniis ummanni abbaantummaan kunuunsuu dhabuu keessaa kaanalin walqabatee Saamicha lafa seeraan alaa Pilaaniin durfamuu dhabuu

2.4. Bu'uuraalee Misoomaa ( bishaan ) Bishaan Oomishuu fi raabsuu Bishaan omishamee karoorri bara Me/ kiyubii 394,200 Raawwiin Me/ kiyubii 391,601 dhibbeentaa 99.34% Bishaan Raabsamee karoorri bara Me/ kiyubii 339,012 Raawwiin Me/ kiyubii 343,674.1 Dhibb 101.37% Bishaan qisaasa’e karoorri bara 55,188 raawwiin 47,926.9 Dhibb 86.84%

Uwwiisa tajaajila bishaanii ilaalchisee Baay’ina waliigala uummata magaalaa karoorri kan bara 36,471 raawwii 36,471 dhibe 100% Baay’ina uummataa itti fayyadamtoota boonoo karoorri bara 3,750 raawwii 3,750 dhibbe 100% Walumaagalatti uwwisnni bishaa dhugaatii magaalaa dhibeentaa 51.1% irra gahee jira .

Sarara bishaanii haaraa diriirsuu Maamila manneen jireenyaaf sarara haaraa galchuu karoorri baraa metira 1,600 raawwiin metira 1,566 dhibb 97.84% Sarara duraanii fooyyeesuu karoorri baraa meetir 500 raawwiin meetira 502 dhibb 100.4 %

Galii fi baasii ilaalchisee . Galii bishaan Magaalaa ilaalchisee Walumaagalatti galii bishaan magaalaa irraa galchuuf karoorri baraa Qarshi 6,725,160 raawwiin 5,433,118 dhibbe 80.79 %

2.Raawwii Karoora wajjira maallaqa Bajata ramadamee fi hojii irra oole . Lakk Gosa Baajataa Safartu Baajata ramadamee Kan hojjira olee Dhibe % 1   Mindaaf Lakk   17,296,564   14,618,829   84.5% 2 Hojii Gaggeesituuf Lakk 10,733,225   12,756,584.12 118.8% 3 Kaappitaalaaf Lakk 33,854,638   20,423,678 60.3%   Ida’ama Lakk   62,698,164 50,320,709 79.9 %

Galii idilee fi tajaajilaa ilaalchisee Lakk Gosa galii Karoorri baraa kan sassaabame Dibbentaan 1 Galiii idilee 30,029,789 23,663,862.93 78.8% 2 Galii tajaajilaa 24,604,638 14,239,330.26 50.8% 3 Galii naannoo irra 7,250,000 7,068,056 97.49% 4 Galii bufata konkolaata irra 1,083,737 110,000   10%   Ida’ama 62,968,164 45,081,249.19 71.5%

9 . Waajjira Nageenyaa fi tika uummataa Maaltu ture yeroo karoorri bara 2017 karoorfamu ( nageenyaan walqabatee , sochiin Shanee fi nageenyi Ollaa keenyaa sodaa guddaatu ture ) Seera kabachiisuu ilalchisee . Hojii seera kabachiisuu hojjatameen nageenyi waaraan dhufuu danda’eera . Waliitti hiiqun hojjachuun wal amanamummaan dhufaa jira . GAMA SEERA KABACHIISUUN Sakata’insi manaa yeroo addaa addaa taasifamee jira . sakata’insa kanaan meesha waraana qabame . Kilaashii 4 Shuguxii 1 Rasaasa kilaashii 154 Kofodoo fi hidhannoo 6 Meesha kan waliin namoota 4 seera jala oolchuun danda’amee jira . Eegumsa magaalaa keesssa fi guyyaa gabayyaa tasifamen . Saanja 146 Kazaraa 116 Ulee 411 Gojoba 2 qabuun danda’amee jira .

Leenjii nageenyaa kennuu ilaalchisee . Leenjii bajataan kenname . Mata dureen leenjji :- sona nageenyaa araara . Baayiinii guyyaa leenjiin itti kennamee 3 Baayini hirmatootaa karoorri 212 raawwiin 212 dhibe 100 % Leenjii bajata malee kenname Mata dureen leenjii :- Ijaarsa sona nageenyaa . Baayiini hirmaatota karoorri 250 raawwiin 250 dhibbe 100%

Itti fufa --- Rakkoowwan bulchiinsa gaarii hiikaman Dachiin walqabatee = 45 Qabeenya Uumamaatiin wal qabatee = 18 Dhaalaan wal-qabatee = 21 Haala itti hiikaman jaarsummaan = 32 Gaggeessaa fi oggeesootaan = 21 Gaggeessaa gandaatiin 31 Walumaa galatti dhimooni 84 hikkamanii jiru . Konfiraansii keessoo qopheesuu ilaalchisee . Konfiraansiin keessoo yeroo lama adeemsifamee jira . Baayinii Hirmaatota konfiraansii kanaa karoorri 567 raawwiin 515 dhibeentaa 90.82%

Waajjiirri nagaa fi callisaa Ciminaan Magaalicha keessatti seeraa fi sirna kabachiisuu , nagaa fi tasgabbii hawaasaa eeguu , hojii walitti bu’iinsaa hiikuu fi nageenyi waaraa magaalaa keessatti mala aadaan jechuun abbootii gadaattii fi jaarsolii biyyaatti fayyadamuun bu’a qabeessa ta’eera . Walitti bu’iinsa bu’iinsa uumamaa turan ittisuun fi yoo ka’an saffisaan sirreessuun hojii guddaan hojjetameera Walitti dhufeenyi hawaasa aanaa ollaa fi magaalaa keenyaa hojii nageenyaa cimaa hojjatameen kan durarra faayya’aa dhufuu isaa

Milkaa’ina hojii kanaafis , magaalaa irraa hanga gandaatti deebii saffisaa kennuuf gurmiilee nageenyaa amansiisaa ijaaruun fi raawwii isaa xiinxaluun hojiin nageenya mirkaneessuu gaafata . Hanqinaan Gurmaa’inni nagaa fi tasgabbii har’as yaada , odeeffannoo sobaa irraa guutummaatti qulqullaa’aa miti . magaalaa keenyaatti poolisii , fi milishoota nageenyaa eegaa fi hogganoota sadarkaan jiran irratti hojiin qulqulleessu u fi dandeettii ijaaruu waan boruuf darbuu miti . magaalaa keenyatti madda ijoo nagaa booreessuu kan ta’e daldala meeshaa waraanaa seeraan alaa , daldala namaa seeraan alaa fi daldala kontirobaandii akkasumas meeshaa waraanaa dhuunfaa fi mootummaa hordofuu fi to’achuu akkasumas hojii hordoffii mana kuusaa meeshaa waraanaa mootummaa cimsuu fi fooyyessuu nu gaafata .

kallatti --- Poolisiin magaalaa keenyaa hoggansa gaarii fi t eeknooloojiiin kan hogganamu dhabuu raawwii ittisa yakkaa bifa hirmaachisaa ta’een kan hojjetamu ta’uu dhabuu bu’a qabeessa fi bu’uura sirna hojii namummaa fi dimokraatawa a kan hordofu , tahuu dhabuu qorannoo yakkaa bu’a qabeessa fi saffisaa hojjechuun , bulchiinsa godichaatti hojii yakka irraa bilisaa fi nageenyi isaa mirkanaa’e uumuuf hojii nageenyaa kan deggaru taasisuu qabna Poolisiin hanga gandaatti gurmaa’ina tajaajila poolisii hawaasummaa hojiirra oolchuun barbaachisaadha .

10.Raawwii karoora Waajjira Siivil Sarvisii Barbaachisummaa humna namaa ijaaruu ( sadarkaa hundaan ) qabxii xiyyeeffannaa (BSC) ilaalchisee . Ogeessooni kan madalamuu qaban 60 karoorri qabxii xiyyeffannoo kan kennamuuf qabu 60 Ogeessi karoorri kennamee fii 60 dhib 100 %

Raawwii qacarrii humna namaa ilaalchisee Qacarrii ilaalchisee :- kan qacarame 9 Sadarkaa guddinaa kan argatan 2 Barnnoota kan fooyyefatan 2.

Sirna beekkamtti fi sadarkaa kennu ilalchisee Akka bulchiinsa magaalaatti waajjiroota hojii rifoormii jalqabbii gaarii qaban 1/ waajjira nageenyaaf tika uummata –1ffaa 2/ waajjira kantiiba -------------------------2ffaa 3/ waajjira maallaqaa ----------------------3ffaa. sagantaa beekkamtti qopheesuun haala gaariin beekkamttin kennimee jira .

3.3. Poolisiiwwanii fi Tarsiimoo ijaarsa humna namaa Aadaan qusannaa kan hin guddatin waan ta’eef , tattaaffii gaafata . Midhaan fi firiiwwan akkasumas baay’ina olaanaa beeladaa qabnuus jiraatus , diinagdee keenyaaf gumaacha murteessaa hin goone Faayidaa qusannaa ibsuu qofa osoo hin taane , hawaasaaf kaayyoo diinagdee fi hawaasummaa qusannaaf sababa gurguddaa ta’an uumuudha Keessattuu naannoo baadiyyaatti jiraachuun , jireenyaaf biddena tokko nyaatee buluu caalaa Dingdee keessatti Harka 52n kan qabuu qonnaa , qusannaa fi galii gibiraatiin gumaachni isaa gadi bu’aa waan ta’eef , damee qonnaa ala jiru irraa walitti qabamee baadiyyaa bal’aa humna guddisuun rakkisaadha .

Itti fufaa --- Bankootni magaalichaatti argaman , kaayyoo qusannaa maallaqaa milkeessuuf gumaacha guddaa qabaata . Qusannaa caalaa , madda misoomaa kan mirkaneessu invastimantii qulqullina qabu waan ta’ee f , dhaabbileen faayinaansii dameelee tarsiimoo filatamaniif liqii yeroo dheeraa akka mijeessan gochuun barbaachisaadha . A fundamental macroeconomic accounting identity is that saving equals investment. By definition, saving is income minus spending. Investment refers to physical investment, not financial investment. That saving equals investment follows from the national income equals national product identity.

Galii - -- waliigalaa bara 2017 tti Karoorri 41,027,167 Raawwii 23,470,375.43 Dhibba 55.72 % 1.2.Galiin tajajila magaalaa . Karoorri 24,604,638 Raawwii 24,239,330 Dhibba 98.5% 1.3.Galiin walii galaa Bulchiinsa magaala sanbatee Karoorri 65,631,805 Raawwii 47709705 Dhibbantaa 72.69%

hanqina Guddinni Amansiisaan akka jiraatu yoo barbaadame guddina galii dhimma ijoo ta’ee fudhatamuu qaba . Hojiiwwan liqii fi deeggarsaan hojjetaman itti fufiinsa isaanii fi dhaabbatummaa amansiisaa waan hin qabneef galii gibiraa diinagdee godinichaa arifachiisuu danda’u haala gaariin fi kutannoon walitti qabuun barbaachisaadha .

3.4. haala ijaarsaa fi Gurmaa’ina Dhaabbilee Karoora kana keessatti dhaabbileen xiyyeeffannoo guddaa argatan dhaabbilee mootumm aa tajaajila kennanidha . Dhaabbileen ergama hundeeffama isaanii fi galma isaanii galmaan addaan hin baafatan , mul’ata fi galma isaan kaa’an irratti , akkasumas karoora misoomaa mootummaan yeroo yerootti qopheessu , sadarkaa qulqullina fi yeroo barbaadameen galmaan ga’uu hin dandeenye . Walumaa galatti dhaabbileen keenya tajaajila yeroon barbaadu kennuuf hojii baay’ee gaafata .

Itti fufaa --- Hogganoonni dhaabbilee sadarkaa garaagaraatti argaman hojii isaanii saffisa , qulqullin a , itti g aafatamummaa fi gahumsaa n akka raawwatan magaalaa keenyatti dhaabbilee cimaa gurmeessuun barbaachisaa dha Dhaabbilee sirnaan gurmeessuuf cimina fi hanqina duraan ture adda baasuun barbaachisaa dha . Akka muuxannoo fi bu’aa gamaaggama irratti mul’atutti , dhaabbileen keenya jijjiirama tajaajila siivilii sirnaan hojiirra oolchuu dhabuun isaanii ijaarsa dhaabbilee keessatti bu’aan barbaadame hin galmoofne .

Itti fufaa --- Dandeettii hojii humna namaa fi hanqina aadaa hojii gad bu’aa dhufeera . Dhaaba ijaaruun galtee meeshaa fi humna namaa gurmeessuun , teeknooloojii yeroon gaafatuun hoogganamuu gaafata . hundumaa ol , dhaabbileen humna namaa beekumsa , dandeettii , ilaalcha fi naamusa tajaajila bu’a qabeessa kennuu danda’u akka horatu gochuu fi kana yeroo hunda jabeessuu n hogganoota dhaabbilee irraa eegama .

Itti fufaa --- Lammiileen bilisaan socho’uun jiraachuu fi tajaajila mootummaa sirnaan argachuu kan danda’aan dhaabbileen seera kabajuun hojjetan gurmaa’ina fi cimina qabaatanidha . Filannoonni aangoo seeraan kennameef sirnaan hojiirra oolchuu kan danda’an yoo dhaabbileen gurmaa’ina fi dandeettii seeraan ala akka hin deemne dhoorku qabaataniidha . magaalaa keenyaa keessattis sa’aatii hojii kabajuu dhabuu,tajaajila saffisaa fi bu’a qabeessa kennuu dhabuu , tajaajilli dhaabbilee muraasa keessatti kennamu malaammaltummaa fi loogiif saaxilamuu , ummata komachiisuu , murtoo cimaa kennuu Dhabuu . tajaajila gosaa fi naannumman kennuu , faayidaa ummataa dura buusuu dhabuu , rakkoolee ijoo furamuu qabanidha .

Itti fufaa --- Kanaafuu , galmooleen karoora guddina ce’umsaa fi misooma yeroo dheeraa bara baajataa 2018 naannoo keenyaa irratti kaa’aman akka galmaan ga’aman , keessattuu seera kabachiisuunii fi nageenyi jiraatee mootummaan xiyyeeffannoo guutuu misooma saffisiisuu irratti akka godhu , akkasumas adeemsi hojii isaa iftoomina fi gaafatamummaa akka qabaatu taasisuuf dhaabbilee bu’a qabeessa ijaaruu fi hojiin hordoffii fi deeggarsaa xiyyeeffannoo guddaa argachuu qaba .

3.5. Sirna To’annaa fi Gamaggamaa Sirna Ragaa Sirni ragaa magaali chaa waggoottan darban yoo ilaalamu Dhaabbileen karooraa sirnaan qopheessuu , isa qophaa’ee hojiira oolchuu fi ragaadhaan waljijjiiruudhaan waliin hojjechuu dhabuu , Ragaaleen bulchiinsaa garmalee guddatuu , ragaaleen qaama dhuunfaa fi saayinsii bu’uureffachuudhaan funaanaman muraasa ta’uu , Ragaaleen ammayyaa akka big data fi GIS fayyadamuu dhabuu , raawwiin dinagdee fi hawaasummaa saayinsii bu’uureffachuudhaan qoratamee gamaggamaaf dhiyaachuu dhabuu , Akkasumas sirna ragaa giddugaleeffamee fi guddate akkasumas kana qoruu danda’u caasaa dhaabbataa cimaa dhabuun rakkoolee ijoo turan

3.5. Deeggarsaa fi Hordoffii Sababoonni ijoo raawwiin karoora waggoottan darban kan karoora guddinaa fi jijjiiramaa dabalatee galma isaa gadi bu’uuf Bu’a qabeessummaa gadi aanaa fi hanqina qabeessummaa (inefficiency) dha . Sababni inni guddaan bu’a qabeessummaa gadi aanaa fi hanqina qabeessummaa sirna deeggarsaa fi hordoffii cimaa dhabuu dha .

Itti fufaa --- Dhimmoonni sirni to’annaa fi gamaggamaa bu’a qabeessa akka hin taane godhanis , dhaabbileen mootummaa gamaggama barbaaduu dhabuu gamaggama jalaa baqachuu , gamaggamni yeroon gaggeeffamee rakkoo hiikuura kufaatii irratti kan xiyyeeffate ta’u isaa , rakkooleef deebii yeroon kennuu dhabuu deeggarsa gochuura to’ataa ta’uu , seeronni dirqisiisoon ba’an hojiirra oolchuu dhabuu hanqina seeraa fi hojimaataa qulqullinna proojektootaa dhimmoota istiraateejii irratti xiyyeeffachuura hojiiwwan tasa dhufan irratti bobba’uun dhaabbataa isaa dagachuu fi kkf

MBNA BUL/MAGAALAASANBATEE karoora misooma fufaa , ceessisaa fi guddina bara bajata 2018

Ka’umsa karoorichaa

Kallattiwwan xiyyeeffannoo bu’uura karoorichaa Rakkoolee bulchiinsa gaarii furuu Komii uummataa battalumatti furuu . Qajeelfamoota Bulchiinsa Gaarii Hojjirra olchuu . Sirna walitti dhufeenya uummataa fi humna dhaabbatichaa ijaaruu Qaamoota xiyyeeffannoo addaa barbaadaniif deeggarsa kennuu . Itti fayyadama infoormeeshiin teknooloojii guddisuu Walgahiinsa tajaajila bishaanii fi ibsaa magaalichaa mirkaneessuu .

3ffaa. H aala biyyoolessaa

4ffaa. Haala Bulchiinsa magaalaa fi raawwii karoora bara darbee

3. 3. D uudhaalee , safuu , sonalee fi aadaa ummata magaalichaa gabbisuun dhaloota safuu qabu horachuu

D himoota xiyyeefannoo karoorichaa

5 . Teeknooloojii fi kalaqa

kallattii xiyyeefannoo

kaayyoo gooroo karoorichaa Guddina Diinagdee Saffisaa fi Jijjiiramaatiin Hiyyummaa Sadarkaa Hiika Qabeessa Ta'een Hir'isuu , Fayyadamummaa Misooma Walqixxee fi Itti Fufiinsaa Sadarkaa Sadarkaadhaan Mirkaneessuu

kaayyoowwan karooraa tarreeffaman

Galmoota gurguddoo

Carraa hojii babal’isuu

1. Dameewwaan misoomaa

1 . Barnoota

Barnoota ilaalchisee Mana barumsaa KJ,hanga hayiskuuliitti karoora galmee baratoota bara 2018 Bulchiinsa magaalaa sanbatee jala kan jiran . 1. m/b burqaa guddina sad 1ffaa karoora galmee = 582 2. m/b qorroo sad 1ffaa karoora galmee =249 3. m/b sanbatee sad 1ffaa karoora =4454 4. m/b irreetti sad 1ffaa karoora =260 5. m/b qilee sad 1ffaa karoora =357 6. Mana marumsaa sanbatee sadarkaa 2ffaa karoora =2892 1. m/b oolmaa daa’immani kan mootummaa =725 2. Kan dhuunffaa 2 m/b najaashii fi abdii boruu . =214 Walumaa galattii bulchiinsi magaala sanbatee M/B 9 of jalatti qabatee argama . Barataa =9733 bara kana keessatti guutuu galmeessine ni barsiifna jennee qabannee jirra .

Galma 1 ffaa . madalummaa fi qulqullina sirna barnootaa fooyyeessuu sirna barnootaa Jabanaa waliin adeemuu fi istaandardii barnoota guutatee gochuuf fooyyeesuuf hamayyeessuu Ga’uumsa kitaaboota fi meeshaalee barnootaa dijitaalaa fooyyeessuu meeshaalee barnootaa fi teeknologii hirmaachisaa ta’ee qindoominaan fayyadamuu Dandeettii gaddi fageenyaan yaaduu , kalaqaa fi rakkoo hiikuu danda’uu jajjabeessuu Aadaa fi duudhaalee ummmata magaalichaa sirna barnootaan keessaa galchuun dhaloota bochuu

Galma 2 ffaa . Itti Gaafatamummaa Gaggeessummaa Barnoota Cimsuu Sirna gaggeessummaa barnoota iftoommaa fi bu’aa qabeessa ta’ee diriisuun raawwachiisuu Tarsimoo fi sagantaalee barnootaa yeroo yeroon hordofuun madaaluu Maatiin baratootaa , barsiisotnii , maatiin barnootaa fi gahee qabeeyyootni hundi adeemsa baruu barsiisuu keessaatti gahee murteessuu akka qabaataan taasisuu safartoo sirna barootaa bu’aa qabeesummaa isaa mirkaneessuun itti gaafatammummaa uumuuf faayaduu qopheessuun hojiira oolchuu Barnoota Saayinsii , teeknolojii , ogummaa ijaarsaa fi herregaa /STEM/ akka magaalatti babalisuu fi jajjabeessuu

2 . Daldalaa fi misooma gabaa

Galmaa 1 ffaa . teeknoljiin bu’uura daldalaa babalisuun seera qabeessummaa hojii daldalaa mirkaneesuu .

Galma 2ffaa፡ Uwwisa daldalaa seera qabeessa 61.6% irraa gara gara 70% guddisuu

7 . Geejibaaf loojistikii

Galma 1 ffaa Tajaajjila geejibaa fi loojistikii arifataa , bu’aa qabeessaa fi ga’uumsaa qabuu dhiyeessuu

100%

Misooma magaalaa

Galma 1 ffaa . Dandeettii off- danda’uu baasii bu’uuraalee misoomaa magaalaa guddisuu .

Galma 2 ffaa . lafa bu’uuraalee misoomaa guutee tajajjila misooma adda addaf oolu misoomsuun dabarsuu 5 .8 hek 5.8 hek

G alma 3 Hirmaannaa ummataan qulqullinaa fi bareedina magaalaa dhugoomsuu

Karoora Pirojektii ilaalchisee 1.Daandii koobilistoonii afuu karoorri bara 2018 ---------- m 500 2.Karaa haaraa keessa keessaa baasuu karoorri bara 2018 -------------- km 2 3.Suphaa karaa keessa keessaa hojjechuu . karoorri bara 2018 ----------------- km 3 4.Ijaarsa kaanaalii / bo’oo lolaa haaraa ijaru . . karoorri bara 2018 --------------- m500

Kan itti fufe --- 5.Ijaarsa kaanaalii / bo’oo lolaa duraanii qulqulleessuu Karoorri bara --- m500 6.Ijaarsa kalvartii haaraawaa ijaruu . karoorri bara 2018 --------------- 3 7.Bitaa tiraansformarii ibsaa bituu . Karoorri baraa -----1 8. riqicha magaalaa keessaa ijaaruu . karoorri bara ----1 9. pawuzaa haaraa bituu . karoorri bara 2018 ---------------- 5

Hojii Ijaarsaa ilaalchisee . 1.Walii galtee pilaani mirkana’e kennuu karoora bara 2018=-------------100 2. eeyama ijaarsa nama dhuunfaa mana fi dallaa kennuu karoora bara 2018 =-------------100 3. eeyama Ijaarsa gamoo magaalaa waldaa fi dhunfaa kennuu karoora bara 2018 =------------ 7 4.weerara lafaa ykn Lafa seeraan ala qabame deebisuu . karoora bara 2018=---------------- hek 1.5 5.lafa investimantti qaama sadaffaa irraa bilisa gochuun qopheessuu . karoorri bara----------------- kare 800

Misooma humna namaa

Galmoota gurguuddoo hojjetaman kaappitaala humna namaa araada qoricha sammuu namaa hadoochutiin hin xuroofnee fi hin mancaane , yakkaa fi seeran alumaan hin xaxamnee ijaaruu Humna namaa misoomaaf xiqiin akka kaka’u jajjabeessuu fi deeggaruun dandeettii oomishtummaa magaalichaa guddisuu Dubartoota baadiyyaa barsiisuu fi leenjii yeroo gabaabaatiin dandeettii isaanii ijaaruun gahee hirmannaa misooma irratti guddisuu

Galmoota gurguuddoo hojjetaman Ogeessota dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti leenji’anii gara bulchiinsa magaalaa dhufanii fi jijjiirama caasaa diinagdee keessatti mul’atu waliin walsimsiisuun gumaacha dargaggoonni dinagdeef qaban guddisuu Kolleejjii teeknikaa fi ogummaa ogeessota teeknikaa leenjii gaggabaaboo , qonna , tajaajila , dameelee oomishaa xixiqqaa fi kkfniin sadarkaa giddu galeessaan oomishuun lammiilee fayyadamoo taasisuu

teeknolojii

Galmoota gurguuddoo hojjetaman Humna hojjetaa damee teeknooloojii keessatti dorgomaa fi gahumsa qabu ijaaruu Dandeettii humna namaa teeknooloojiiwwan haaraa misoomsuu , madaqsuu fi hojiirra oolchuu danada’uu uumuuf bu’uuraalee misoomaa teeknooloojii misoomsuun itti fayyadamuu . Sadarkaa hundaatii Wiirtuuwwan teeknooloojii gurmeessuu fi cimsuu Keenninsa tajaajilaa fi h ojimaata mootummaa teeknooloojiin ammayyeessuun

Galii

gara 1,166,394,679tti guddisuu

Galma 2. Galii Bulchiinsa magaalaa qarshii 31,604,638 Galii tajaajila magaalaa guddisuuf michoota fi qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu waliin hojjechuu . Galiin tajaajila daldalaa fi ogummaa irraa argamu guutummaatti akka sassaabamu ni taasisa . Galii haala sirrii ta’een qindeessuun sassaabuu .

mallaqa

Galma 1: - Baajata waliigala kutaalee hojiif ` ramadamu sirnaan ramadamee akka mirkanaa’u gochuun gahumsa itti fayyadama baajataa guddisuu Adeemsa ramaddii fi raggaasifamuu baajata bulchiinsa bara 2018 hordofuun itti fayyadama isaa hordofuun dhuma bara baajataa irratti herrega cufuu Baajata bara 2018 gara IBEX tti dhiyeessuu fi walitti qabuun herregni akka cufamu taasisuu . Baajata kaappitaalaa bara 2018 yeroon hojiirra oolchuu fi ji’a ji’aan yaada barreeffamaa kennuudhaan qooda fudhattoota waliin ta’uun %100 hojiirra oolchuuf Baajanni walii gala bulchiinsa magaalichaaf bara baajataa 2018ttif ramadame 95,818,299

Galma 2- Kaffaltii fi bulchiinsa maallaqaa teeknooloojiin dandeessisu hojiirra oolchuun qulqullina herregaa fi si’ataa fooyyessuu Uwwisa sirna odeeffannoo /IBEX/ gara 100%tti guddisuu Araara baankii ji’a ji’aan fi lakkaa’iinsa maallaqaa guyyaa guyyaan akka raawwatamu ni deeggara ;

Gahee dhaabbilee mootummaa fi hoggansa

Galmoota gurguddoo raawwatamaan magaalaa keenya keessatti haala siyaasaa tasgabbaa’aa uumuu fi magaalaa marsaa hiyyummaa fi walitti bu’iinsa keessaa baasuu ; Hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru rakkoolee bu’uuraa magaalichaa adda baasee furmaata kennuudhaan ummata hiyyummaa jalaa bahee gara nagaa guutuutti akka deebi’u gochuu ; Hirmaannaa fi gurmaa’ina isaa cimsuun magaalaa marsaa hiyyummaa fi walitti bu’iinsa keessaa baasuu keessatti gahee hawaasni qabu guddisuu ;

Galmoota gurguddoo raawwatamaan Dhaabbileen magaalaa irraa kaasee hanga gandaatti tajaajila humna isaanii guutuu akka kennan bu’uura dhaabbilee fi sirna itti gaafatamummaa cimaa haaromsuu fi diriirsuu ; Sadarkaa hundatti kutannoo hoggansa siyaasaa mirkaneessuu ; Muuxannoo gurmeessuu akka biyyaattis ta’e akka naannootti guddate magaalaa keenya keessatti barachuu fi hojii irra oolchuun babal’isuu ;

Kutaa 5ffaa: Tooftaalee Raawwachiisuu 1. Misooma Naannawaa Naannoo misoomaa adda bahan keessatti dandeettiiwwan adda addaa fayyadamuun magaalichaa rakkoo keessaa baasuun dhimma yeroo waan ta'eef , kana hubannoo keessa galchuun mala hojiirra oolchuu qopheessuun dirqama . Magaalli Ogummaa (Smart Village) naannoo baadiyyaatti hawaasa jiraatu qulqullina jireenyaa isaanii fooyyeessuuf , carraa diinagdee isaanii guddisuuf fi tasgabbii naannoo mirkaneessuuf ,

2. Sagantaa fi Piroojektii Addaa Piroojektiiwwan Inisheetivii Biyyaa fi Naannoo deegaru . Deeggarsa Namummaa fi Deebii Hatattamaa kennu : Sagantaa Deebisanii Ijaaruu fi Bu'uura Misoomaa babadhisuu : Piroojektiiwwan Deebisanii Ijaaruu Mana Barumsaa fi Meeshaalee Guutuu , Piroojektiiwwan Deebisanii Ijaaruu Dhaabbilee Fayyaa fi Meeshaalee Guutuu , Ijaaruu Dhaabbilee Daldalaa fi Bakkeewwan Gurgurtaa babadhisuu .

3. Poolisiiwwanii fi Tarsiimoo Karoora guddina ce'umsaa waggaa shan fi galma misoomaa yeroo dheeraa sadarkaa olaanaadhaan galmaan ga'uuf kan gargaaran tooftaalee fi tarsiimoo qulqullinaan qopheessuu misooma magaalichaa saffisiisuun murteessaa waan ta'eef , guddina diinagdee saffisaa karoorfame galmaan ga'uuf galii sirnaan sassaabuu

4. Sirna Gurmaa’ina fi Gahee Dhaabbilee bulchiinsa magaalaa Sirna Fooyya’iinsaa fi Qindoomina Dhaabbilee xiyyeeffannoon addaa ni kennamaaf . Hojii Irra Oolmaa Sirna Dhaabbilee Mootummaa Fooyyessuu :. Fooyya’ina Tajaajila Hawaasaa (Civil Service Reform ):. Qindoominni Bulchiinsa Magaalaa fi Gandaa ni uumama . Qindoomina Dhaabbilee Raawwataa :

5. Hordoffii fi Qorannoo Sirna Ragaa Hordoffii fi Gamaaggama Raawwii Waggaa fi Kurmaanaa Hojjechuu Hordoffii fi Gamaaggama Raawwii Daawwannaa Dirree fi To’annaan Deggarame Hojjechuu : Hordoffii Gabaasa fi Gamaaggama Raawwii baraa Waliin Gamaaggamsiisuu

Dhimoota xiyefannoo adda barbadan . Qulqulina magalaa eeguu . Galii magaalaa Qaamota humna laafoo kan akka qaama midhamtoota,mangudoota , namoota dhibee HIV Eedisi waliin jiratan fi daa’imman hadhaf abba hin qabne adda baasuun deeggaruu . Dhimma bishaan dhugaatii magaalaa . Addaan cicituu ibsa magaalaa .

Gudunfaa ykn goolaba Karoora misoomaaf bulchiinsa gaarii bara 2018 galma geesiisuuf human namaa guutuun socho’uu qabna . Karoori kun galmoota barbaachiisoo fi murteessoo ta’an 26 kan of keessaati qabatedha . Kanaafuu karoora kan milkeesuuf ga’ee qabeessooni hundumtuu dirqama ofii bahachuu qaba . galma gahiinsa karoorichaaf hojettoonii fi hawaasni bulchiinsa magaalaa sanbatee tokuumaan , kutannoon , amanamuummaan , jabaatee hojechuun murteesaa dha .

Karoora karoorsine kan Nagaan Akka Raawwanuu Rabbiin Nuhagargaaru . Barri Bara Nagaa Bara Mika’inaa Nuuf Hata’u . Galatomaa Horaa bula