FM ghhhf jkgfcfd fhgfrd fjhfddf gjjhff ghgB.pptx

aminadabneway 1 views 75 slides Oct 15, 2025
Slide 1
Slide 1 of 75
Slide 1
1
Slide 2
2
Slide 3
3
Slide 4
4
Slide 5
5
Slide 6
6
Slide 7
7
Slide 8
8
Slide 9
9
Slide 10
10
Slide 11
11
Slide 12
12
Slide 13
13
Slide 14
14
Slide 15
15
Slide 16
16
Slide 17
17
Slide 18
18
Slide 19
19
Slide 20
20
Slide 21
21
Slide 22
22
Slide 23
23
Slide 24
24
Slide 25
25
Slide 26
26
Slide 27
27
Slide 28
28
Slide 29
29
Slide 30
30
Slide 31
31
Slide 32
32
Slide 33
33
Slide 34
34
Slide 35
35
Slide 36
36
Slide 37
37
Slide 38
38
Slide 39
39
Slide 40
40
Slide 41
41
Slide 42
42
Slide 43
43
Slide 44
44
Slide 45
45
Slide 46
46
Slide 47
47
Slide 48
48
Slide 49
49
Slide 50
50
Slide 51
51
Slide 52
52
Slide 53
53
Slide 54
54
Slide 55
55
Slide 56
56
Slide 57
57
Slide 58
58
Slide 59
59
Slide 60
60
Slide 61
61
Slide 62
62
Slide 63
63
Slide 64
64
Slide 65
65
Slide 66
66
Slide 67
67
Slide 68
68
Slide 69
69
Slide 70
70
Slide 71
71
Slide 72
72
Slide 73
73
Slide 74
74
Slide 75
75

About This Presentation

The fhtt gjiig gde ghfgh gjjhf


Slide Content

Waajjira Barnoota GHL. Onko , 2010 Hammattoo F MB 1

Hammattoo F MB   Seensa Kaayyoo Rakkoo Ture Maalummaa FMB fi kaayyoo isaa Hammattoo SFMB Istaandardiiwwan SFMB Maxxantoota : 2

1. Seensa   Qulqullina barnootaa qabatamaatti dhugoomsuuf manneen barnootaa bu’uura waan ta’aniif adeemsa hojii isaanii fooyyessuun gocha filannoo biroo hin qabnee dha .  Haaluma kanaan ministerri barnootaa fi ogeeyyiin naannoolee waliin ta’uun sadarkaa manneen barnootaatti barbachisummaa fi qulqullina barnootaa mirkanneessuun akka danda’amu muuxannoowwan fooyya’oo manneen barnootaa biyyattii keessatti argamaan keessaa walitti qabuudhaan muuxannoo biyya alaa irraa argame waliin walsimsiisuudhaan manneen barnootaa hunda keessatti bal’inaan hojii irra oolchuun akka danda’amu hammattoon (frame work) FMB kun qophaa’ee jira . 3

Cont’d Barreeffama kana keessatti : Maalummaa SFMB fi kaayyoo isaa Mata dureewwan gurguddoota (domains) fi xixinnoo (Elements) SFMB istaandardoota , gucoota ofiin of madaaluuf gargaaran , meeshalee ragaa ittiin sassaabuuf gargaaranii fi gucoonni adda addaa kan gabaasnii fi hordoffiin ittiin raawwatamu dhiyaatanii jiru . Kanaafuu , MB sagantichi akka hojii irra oolu gochuuf yammuu socho’an haala qabatamaa MB isaanitiin walsimsiisuudhaan itti fayyadamuun barbaachisaadha . 4

2.Kaayyoo Sagantaa FMB haala Hammattoofi Qajeelfamaatiin hojii irra oolchuudhaan barattoonni hundi jijjiirama amalaatfi fooyya’insa qabxii akka fidan taasisuu dha .

II.Rakkoo Ture Karoorri FMB haala hammattoofi qajeelfamaatiin karoorsuun hojiitti hiikuu dhabuu Qabxiin barattootaa hamma barbaadamu fooyya’uu dhabuu Gahumsi keessoo manneen barnootaa reetii barbaadametti fooyya’uu dhabuu kkf .

2.Maalummaa SFMBfi Kaayyooo Isaa FMB walitti qabaan yoo ilaalamu: haala qabatamaa manneen barnootaa irra jiran waa’ee manneen barnootaa ilaalu irratti; ofiin of madaaluun dhiyeessuu adeemsa barnootaa fooyyessuun barattoonni qabxii olaanaa akka galmeessisan taasisuu irratti kan xiyyeeffatee dha 7

Cont’d Kaayyoon FMB inni guddaan: amala barattootaa fi haala kenniinsa barnootaa fooyyeessuun bu’aan barumsa isaanii akka sadarkaa olaanaatti guddatu gochuudha. Kana jechuun barattoonni: gama ilaalchaatiin, dandeettiifi beekumsaan gahumsa akka argatan gochuudha. 8

Cont’d Dhimmoonni gurguddoon barumsa barattootaa fi bu’aa barnootaa irratti dhiibbaa uuman qorannoo irratti hundaa’uun addaan bahan 4 jira. Isaanis; Baruu fi barsiisuu Hooggansa MB Haalaa fi naannoo barnootaaf mijaa’aa ta’e Hirmaannaa hawaasaa 9

Barachuu fi barsiisuu • Gocha barsiisuu • Barachuu fi madaallii • Sirna barnootaa Haalaa fi naannoo barnootaaf mijaawaa ta’e • Faasilitii mana barumsaa • Barataa gahumsa horachiisuu • Deeggarsa barataaf godhamu Firii barattootaa Hooggansaa fi bulchiinsa MB • Mul’ata tarsiimawaa • Amala hooggansaa • Bulchinsa mana barumsaa Hirmaannaa uummataa • Maatii wajjiin hojjachuu • Uummata hirmaachisuu • Hojii barnootaa beeksisuu Hariiroon doomenoota FMB fi elemantoota isaa 10

Cont’d FMB bu’aa barattootaan ibsama.\ Kanaafuu , galmi bu’uuraa kan FMB dhimmoota ijoo manneen barnootaaf bu’uura ta’an afran haala cimina qabuun raawwachuu fi bu’aa barattootaa fooyyeessuudha . 11

III Hammattoo FMB (Frame work) H ammattoon FMB sirna meeshaalee fi adeemsawwan manneen barnootaa hangam bu’a - qabeessa akka ta’an hordofuu dandeessisan kan of keessatti qabateedha . Hammattichi sadarkaan manneen barnootaa irra jiran maal akka fakkaatu ragaalee qabatamaa ta’anitti fayyadamuun kan ittiin beekan , Gara fuula duraatti maal godhuu akka qaban ittiin beekuu danda’aniifi bu’aa qabatamaa akkamii fiduu akka barbaachisu beekanii qajeelfama hojii ittiin raawwatamuudha . 12

Qajeelfamma keessatti wantoota hammataman: Kallattii dhimmoota ijoo manneen barnootaatiin qabxiilee madallii manneen barnootaa ofii ittiin ofmadaalaan sadarkaa irra jiran murteessuuf isaan gargaaran Baratttoota, barsiisota, hojjattootaa fi maatii irraa ragaa sassaabuun qabxiilee qorannoo gaggeessuuf gargaaran Qajeelfamoota fi gucoota dhimmoota ijoo ilaalchisee ragaa sassaabuuf, qindeessuufi gabaasuuf gargaaraniidha ( Maxxantoota 1,2,3,fi 4 ilaalaa ) 13

Cont’d Madaalliin MB waggaa sadii sadiin qaama mana barumsaatiin ala qaama dhimmi isa ilaaluun madaallin ni gaggeeffama. Yaada bu’uuraa kennamuun manni barumsichaa bara baraan bu’uura madaallii dhuunfaa isaatiin sirreeffama kan taasiisuu fi sirreeffamni godhamaafii kan raawwatamuu dha . Hojiin kunis bifa geengootiin raawwatamuu danda’a. 14

15 Geengoo FMB Waggaa 2 Ofiin of- madaallii bara sanii gaggeessu u Karoorsuu Raawwachuu Hordofuu fi to’achuu Gabaasuu Waggaa 3 Ofiin of- madaallii bara sanii gaggeessuu Karoorsuu Raawwachuu Hordofuu fi to’achuu Gabaasuu ffaa Waggaa 1 Ofiin of- madaallii bara sanii gaggeessuu Karoorsuu Raawwachuu Hordofuu fi too’achuu Gabaasuu ffaa ffaa

Hojii bifa geengootiin naanna’u : waggaa tokkoffaa irratti kan raawwatamu 1 . Qophii Koreen FMB hammattoon FMB akkamitti hojii irra akka ooluu fi hoogganamuu danda’ u ni murteessa . Itti gaafatamtoonnii fi koreewwan FMB hordoffii fi qophii FMB sadarkaa adda addaa irra jiraniif deeggarsa kennuu 2.Kallattii dhimmoota manneen barnootaatiin (school domains) ragaa sassaabuu Manneen barnootaa dhimmoota ijoo afran irratti dursanii raawwii hojii isaanii ni madaalu. 16

Cont’d Ragaa sassaabame of eeggannoon ilaaluu fi qorachuudhaan waa’ee sadarkaa raawwii hojii mana barumsichaa irratti murtii waliigaltee irra gahama. M ana barumsichaa keessatti qaamoonni ijoon gahee olaanaa qaban sagantaa ofiin of madaaluu manni barumsichaa bara baraan gaggeessuu irratti hirmaachuu qabu. Akkaataa kanaan, raawwiin hammattoo FMB hojii baruu barsiisuu waliin walitti hidhama. 17

Cont’d Karoora mana barumsaa qopheessuu . Koreen madaallii FMB bu’aa ( r agaa ) argame bu’uura godhachuudhaan karoora waggootii sadeen itti aananiif tajaajilu qopheessa . Karoorichi galmawwan tarreeffama kaayyoolee akkasumas dhimmoota dursi kennamuuf kan hammatu ta’a . Karoora mana barumsaa hojii irra oolchuu Raawwiin karoora mana barumsichaa kan eegalu koreen FMB karoorichi raawwiif qophii ta’uu isaa yoo itti amanee dha . 18

Cont’d Hordoffii fi too’annaa gochuu Koreen kun koreewwan xixiqqoo of jalatti ijaare wajjiin hordoffii fi too’annaa gaggeessa . Raawwii hojii gabaasuu Koreen mana barumsichaa gabaasa waggaa hawaasa mana barumsaa fi qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa . 19

Cont’d Sisteemicha hubachuu (system survey) Haala raawwannaa hojii mana barumsichaa kan yeroo sanii ilaalchisee qaamoonni gahee olaanaa qaban hundi: (barattoonni , barsiisonnii fi maatiin barattootaa) ilaalchi isaan qaban kan ittiin hubatamuudha. Sisteemicha hubachuu keessatti kallattii manneen baranootaa dhimmoota ijoo mana barumsichaa afran irratti duub-deebii itti argatan yookiin itti sassaaban gocha ijoo bira hin dabramnee dha . 20

B . Waggaa lammaffaatti kan raawwataman: Manneen barnootaa fooyya’insa agarsiisan, galmawwan jalqaba irratti kaa’aman waliin walbiratti ilaaluun kallattii dhimmoota dursi kennamuufiin madallii ni gaggeessu. Mul’istoonni waggaa jalqabaa irratti hin raawwatamin yoo jiraatan ni filatamu. Dhimmoonni dursi kennamuufii qabu yoo jiraatan adda bahu . Haaluma kanaan karoorsuun, raawwachuun, hordofuu fi too’chuun hojii irra oolu. Koreen mana barumsichaa gabaasa ni dhiyeessa . 21

C . Raawwiiwwan waggaa sadaffaa Manneen barnootaa fooyya’insa argamsiisan ofiin of madaaluun too’atu . Raawwiin karoora tarsiimawaa mana barumsichaa itti fufa . Hordoffii fi too’nnoon ni godhama. Adeemsi hojii fi bu’aa mana barumsichaa qaama mana barumsichaatiin ala ta’een madaalamee duub-deebiin itti kennama. 22

IV . Istaandardiiwwan FMB Manneen barnootaa biyya keenya keessa jiran waaltinni isaan guutuu qabanii fi mul’istuuwwan gochaalee dhimmoota ijoo afurittii ( doomeenoota ) fi dhimmoota xixiqqoo ( elamantoota ) kudha lamatti qoodamanii akkaataa armaan gaditti tarreeffamanii dhiyaatanii jiru . 23

Doomeenii 1: Baruu-barsiisuu Kenniisni baruu-barsiisuu qulqullina qabu , fedhii kayyoo adda bahe irratti hundaa’uun raawwatamu , hawaasa dandeettiifi barnootaan qaroomeefi muullata qabu kan uumuu akkasumas barsiisotniifi barattootni dandeettii isaanii gabbifachuuf tattaaffii fooyya’aa akka gochuu danda’an kan taasisuudha . Elemantii 1 . Hojii barsiisuu Istaandardii 1. Beekumsi, dandeettii fi sonaawwan barsiisotaa leenjii adda addaatiin kan fooyya’eefi gabbate ta’ee jira. Mul’istoota Raawwii Manni barumsichaa sonawwan waliin qophaa’anii baruu-barsiisuuf bu’uura cimaa uuman ofkeessaa qaba . 24

Doomeenii 1,Elamantii 1,Istaandaardii 1 Barsiisonni , barattoonni isaanii dandeettii fi saffisa barachuu gargar ta’e kan qaban ta’uu isaani hubachuudhaan mala baruu-barsiisuu isaaniis bu’uuraa kanaan sirreessanii qabxiin barattootaa akka fooyya’uu taasisaniiruu . Ibsi barsiisonni barattoota isaaniif godhan kan salphaatti hubatam/galuufidha . Barsiisonni barattoota isaaniitiif fakkeenya gaariidha. Barattoota isaaniif kabaja barbaachisu waan kennaniif barattoonni isaanii ofitti amanamummaa horatanii jiru. Barsiisonni barattoota fedhii addaa qaban mala adda addaatti fayyadamuun addaan baasanii beekanii deeggarsa waan godhaniif simannaan barnootaa isaaniis fooyya’ee jira . 25

Doomeenii 1,Elamantii 1,Istaandaardii 1 Barsiisonni fedhii addaa, saala , amantii fi sanyii irratti hundaa’uudhaan loogii osoo hin godhiin mirga barattoota hundaa wal-qixxummaan ni kabaju, deeggarsa barbaachisaas ni kennu. Barsiisonni fooyya’insa ogummaaa walitti fufaaf kan isaaniif ta’u kan akka dagaagina ogummaa walitti fufaa (CPD ), muuxannoo wal jijjiiruu,leenjiiwwan gaggabaaboo hojii irraa haala mijaawaa fi caasaaleetti fayyadamanii gahumsa ogummaa isaanii fooyyessanii jiru . Barsiisonni hojii isaanii irra deebi’anii qorachuun qulqulleessuuf jecha yaada kennameefitti fayyadamanii raawwii isaanii fooyyessaniiru . 26

Doomeenii 1,Elamantii 1,Istaandaardii 1 Barsiisonni mana barumsichaa haala karoora waggaa fi guyyaaf qopheeeffataniin barsiisuun isaanii mirkanaa’ee jira. Barsiisonni barattoota isaanii haala barumsaa ( learning contex ), qabiyyee barumsichaa, kallattii kaayyoo fi bu’aa barbaadamuun, malawwanii fi tarsiimoowwan barsiisuu adda addaa fi barbaachisoo ta’anitti fayyadamanii waan barsiisaniif barattoonni hojichatti quufanii jiru. Barsiisonni barumsa barsiisan ilaalchisee beekumsa gahaa qabu. Beekumsa qaban kana kutaa keessatti hojii irra waan oolchaniif hordoffiin barumsaa barattootaa fooyya’eera. 27

Doomeenii 1,Elamantii 1,Istaandaardii 2 Istaandardii 2. Barsiisonni beekumsaafi ogummaa qaban fayyadamuun haala dorgomaa ta’een sirriitti ofkennanii waan barsiisaniif barattoota isaanii irraa bu’aa guddaa eegu. Adeemsonni gocha barsiisummaa barsiisotaa gabbisuuf gargaaranii fi qu’annoo fi qorannoo yeroo waliin deeman bu’uureffatan ni jiru. Barsiisonni qabxii barattoota isaanii fooyyeessuuf karoorfatanii ka’uun galma kaa’ame milkeessaniiru. Kutannoon barsiisonni fooyya’insa ogummaa barsiisummaaf qaban hirmaannaa isaanii kaka’umsa qabuun mirkaanaa’ee jira . 28

Doomeenii 1,Elamantii 1,Istaandaardii 3 Istaandardii 3. Barsiisonni barattoota isaanii addunyaa kutaa barnootaatiin ala jiru wajjiin waan walitti fidaniifi barattoonni isaaniis akka qoratan waan taasisaniif hojiin baruu-barsiisuu qabatamaa ta’eera. Barsiisonni hubannoo barattoota isaanii cimsachuuf sagantaalee fi gumiiwwan mana barumsaa keessatti argamanii fi hawaasa bu’uureeffatan irratti akka hirmaatan taasisanii jiru Barsiisonni barnoota daree keessaa muuxannoo jireenya qabatamaa barattootaa waliin akka wal simu godhanii jiru. 29

Doomeenii 1 ,Elamantii 2,Istaandaardii 4 Elamantii 2. Barachuu fi M adaallii Barnootaa Istaandaardii 4. Manni barumsichaa barattoonni isaa bu’aa barnootaa olaanaa akka argatan xiyyeeffannaa waan kenneef fooyya’insa qabxii isaaniitiif bu’uura ta’ee jira. Agarsiistuuwwan Raawwii : Qabxiileen wal irraa ilaalan yookiin ka’umsaa (Benchmarks) addaan bahanii kaa’amanii jiru . Kanas hawaasni mana barumsichaa hundi akka beekuu godhamee hojii irra oolee jira. Ragaan firii barattootaa (qabxii) ka’umsaa kanaan dura ture waliin yoo walbiratti ilaalan yookiin madaalan kan fooyya’e ta’uu isaa ifatti mul’isee jira. 30

Doomeenii 1,Elamantii 2,Istaandaardii 4 Ragaan(data) mana barumsaa fi daree keessaa ofiin ofmadaaluun funaaname /sassaabame, akkasumas ciminoonniifi hanqinoonni gara fuula duraatti xiyyeeffannoo argachuu qaban irratti hojjachuuf yaada maddisiisuuf/burqisiisuuf jecha qaacceeffamanii jiru. Manni barumsichaa barattootaa isaa irraa qabxii ol’aanaa fi naamusa gaarii akka eeguu ragaaleen qorannoo irraa argaman mirkaneessaniiru. 31

Doomeenii 1,Elamantii 2,Istaandaardii 4 Istaandardii 5: Barattoonni haala mijaa’aa uumameefiitti fayyadamuun barnoota irratti kaka’umsaa fi dammaqinaan hirmaatanii jiru Agarsiistuuwwan Raawwii: Barsiisonni mala baruu-barsiisuu hirmaachisaatti waan fayyadamaniif hirmaannaan barattootaa guddatee jira. Manni barumsaa haalota barattoonni irratti dadhabina qaban addaan baasuudhaan tooftaa fooyyessee waan hojjeteef yookiin socho’eef qabxiin isaanii fooyya’ee jira. 32

Doomeenii 1,Elamantii 2,Istaandaardii 5 Istaandardii.6 Hojiin gabaasuu fi madaallii kenniinsa barnootaafi qabxii barattootaa fooyya’eef deeggarsa kan taasisaniidha. Agarsiistota Raawwii: Barsiisonni umrii fi sadarkaa barattootaa ilaalcha keessa galchuudhaan malawwan madaallii adda addaatti fayyadamanii kenniinsa barnootaa fooyyessanii jiru. Manni barumsichaa ragaalee madaallii irraa argamanitti fayyadamee karooraa fi sagantaa gara fuula duraa qopheessee jira. 33

Doomeenii 1,Elamantii 2,Istaandaardii 6 Barattootaaf duub-deebiin barbaachisaa ta’e kennamuu isaa malli ittiin mirkanaa’u jira. Barattoonni madaallii barnoota mataa isaanii irratti hirmaatanii jiru. Barnoota isaanii madaaluudhaan kan gara fuula duraa irratti karoorfataniiru (galma kaa’aniiru ) Barumsa kutaa keessatti kennamu fooyyessuuf ragaa fi bu’aan madaallii gargaaranii jiru. Gabaasni maatii barattootaaf dhiyaate waayee guddina bu’aa barnoota ijoolleen isaanii argatan irratti yaada ijaarsaa kan kenneedha . 34

Doomeenii 1,Elamantii 3,Istaandaardii 7 Elamantii 3: Sirna Barnootaa Istaandardii 7. Sirni barnootichaa hiikkaa kan qabu, hirmaachisaa, akkasumas guddinaa fi fedhii barattootaa ilaalcha keessa kan galche ta’uu isaatiif adeemsonni qorachuun fooyyessan ni jiru. Agarsiistota Raawwii : Meeshaaleen sirna barnootaa ( siilabasii , kitaaba wabii , kitaaba barataa fi qajeelcha barsiisaa ) sadarka guddinaa fi fedhii baratootaa waliin kan walsiman , barbaachisoo , loogummaa irraa bilisaafi hirmaachisoo ta’uu isaanii mirkaneessuuf barsiisonni hojii madaallii fi fooyyessuu gaggeessanii jiru . 35

Doomeenii 2 : Haalaa fi Naannoo Barnootaaf Mijaa’aa Ta’e Manni barumsaa namoota hundaa walqixxummaan ilaalee, hawaasaa simannaa gaarii godhu qabu,walitti dhufeenyaa fi walkabajuu jajjabeessa. Manni barumsaa tokkoon tokkoo barataatiif naannoo barnootaa mijataa uumuu qaba. Hawaasa mana barumsaa biratti barattoonni bilisummaan yoo itti dhagahame barumsicha fedhii guutuun hordofu . Manni barumsaa barattoonni waa’ee barnoota isaanii irratti hirmaatanii gahee isaanii akka bahan humna isaanii cimsuu fi yaada isaanii hojii irra akka oolchan taasisuu qaba. 36

Doomeenii 2,Elamantii 1,Istaandaardii 8 Elemanntii 1. Meeshaalee Mana Barumsaa ( School Facilities) Istaandardii 8: Manni barumsaa meeshaalee ( faasilitiiwwan ) sadarkaa isaanii eeggatan waan guuttateef barsiisonnii fi hojjattonni hojii isaanii sirritti akka hojjetan barattoonnis sirriitti akka baratan taasiseera Agarsiistuuwwan raawwii : Manni barumsichaa dallaa fi mooraa hawwataa waan qabuuf barattoonni seeran barnoota isaanii irratti akka argaman taasisee jira . Kutaaleen barnootaa kan barnootaaf nama kakaasanii fi mijaa’oo waan ta’aniif barattoonni akka fedhiin baratan taasisanii jiru. 37

Doomeenii 2,Elamantii 1,Istaandaardii 8 Manni barumsichaa meeshaalee barnootaa sadarka eeggatan akka wirtuu gabbisa barnootaa, mana yaalii, kitaaba waabii , kiitii saayinsii, mana kitaabaa, kutaa harabaafannaa barsiisotaa, dirree kubbaa wkf waan guuttateef adeemsi baruu-barsiisuu milkaa’uu danda’eera. Mana barumsichaa keessatti manneen fincaanii dhiiraa fi dubaraa sadarkaa isaanii eeggatan, tajaajilli bishaanii qophaa’uun hawaasa mana barumsichaaf tajaajila waan kennaniif hawaasichi itti gammadee jira. Jijjiirraa amalaas argisiisanii jiru. Manni barumsichaa meeshaalee odeeffannoo quunnamtii/ komunikeeshiinii teekinoloojiitiif oolan kan akka reediyoo, teeppii, meeshaalee mini-miidiyaa, pilaazimaa , kompitaraa guuttatee tajaajila kennaa jira. 38

Doomeenii 2,Elamantii 2,Istaandaardii 9 Elemantii 2: Barattoota Gahoomsuu ( Students’ Empowerment) Istaandardii 9 . Manni barumsichaa caasaalee fi adeemsota hojii adda addaa waan diriirseef barattoota biratti muuxannoon naamusaan ofhoogganuu , itti gaafatamummaa fudhachuu fi of-fooyyessuu dagaagee jira. Agarsiistuuwwan Raawwii: Manni barumsichaa kenniinsa murtii irratti hirmaannaa barattootaa waan guddiseef aadaan naamusaan hoogganamuu fi itti gaafatamummaa fudhachuu dagaagee jira. Akka fakkeenyaatti mana marii barattootaa, paarlamaan daa’immanii fi walgahiin kutaa keessatti godhamu ni eeramu Manni barumsichaa barattoonni hooggansa irratti akka hirmaatan carraa koorniyaa lamaaniifuu kennee jira .(Fakkeenyaaf barattootni gumiiwwan mana barumsichaa akka hoogganan gochuu) 39

Doomeenii 2,Elamantii 2,Istaandaardii 9 Eeggumsi fayyaa fi sirna walhoramaata dhala namaa akkasumas dhimmoonni kana wajjiin walitti dhufeenya qaban sagantaa mana barumsaa keessatti hammatamanii jiru. Naamusni barattootaa haala gaarii irra akka jiru bakkaa fi haalota tokko tokko irraatti ifaan mul’ateera . Adeemsa barachuu keessatti barataan itti gaafatamummaan kan itti dhagahamu, kan ofitti amanu,dhagahama kan qabuu fi bilisummaan kan itti dhagayamu akka ta’e qorannoon agarsiisee jira. 40

Doomeenii 2,Elamantii 3,Istaandaardii 10 Elamantii 3: Deeggarsa barattootaaf taasifamu ( Students’ support) Istaandardii 10. Naannoon mana barumsaa barattota hundaaf mijaa’aa kan ta’e, kan hin sodaachisne , kan isaan deeggaruu fi fedhii isaanii kan guutu waan ta’eef barattoonni milkaa’anii jiru. Mul’istoota Raawwii: Sochiin mana barumsaa keessatti taasifamu kamiyyuu dursa kan kennuuf fedhii barattootaa guutuu fi qabxii isaanii fooyyessuu ta’uun mirkanaa’ee jira. 41

Doomeenii 2,Elamantii 3,Istaandaardii 10 Barattoonni hunduu carraa milkaa’uu qabu. Keessattuu manni barumsichaa barattoota shamarraniitiif yookiin dubaraatiif xiyyeeffannoo addaa kennee jira. Deeggarsi manni barumsichaa kallattii hundaanuu barattootaaf godhu yeroon barnootaa isaanii qisaasa’uun /baraaxa’uun akka hir’atu taasisee jira. 42

Doomeenii 2,Elamantii 3,Istaandaardii 10 Manni barumsichaa gahumsa barattoota shamaranii ilaalchisee ragaa sassaabee yookiin funaanname xiinxaluufi ibsuun qabxiin isaanii akka guddatuu fi akka ofittis amanan tooftaa taasisu diriirsee hojii irra oolchee jira. Manni barumsichaa mijaa’aa fi kan nama hin sodaachisne akka ta’e ragaan hawaasa mana barumsaa fi maatii barattootaa irraa sassaabame/funaanname ni muul’isa. Baajanni manni barumsichaa ramade fayyaa fi nagaya barattootaa eeguuf baasii taasifamu kan hammate ta’uun beekkameera. Hojii kanaafis ooluun mirkanaa’eera . 43

Doomeenii 2,Elamantii 3,Istaandaardii 10 Dambiiwwan/qajeelfamoota naamusaa mana barumsichaa : Kabajni namootaaf godhamuu fi of-eeggnnoo qabeenyaaf godhamuu qabu. Wantoonni akka jeequmsaa, tookkuu(ofirraa fageessuu)fi loogiin, sodaachisuun, humnatti fayyadamuun kkf fudhatama akka hin qabne Maloota walitti bu’insa (waldhabbii)nagahaan hiikuu Dirqama ibsoota seeraa fi dambii mana barumsichaa kabajuufi amala gaarii horachuun barbachisaa akka ta’e faa kan hammataniidha. 44

Doomeenii 2,Elamantii 3,Istaandaardii 11 Istaandardii 11 Barattoonni barnoota fedhii addaa barachuuf carraa wal-qixa ta’e qabu. Bu’aa gaarii akka argatanis haala dandeettii isaaniitiin deeggarsi godhameefii jira. Mul’istoota Raawwii: Sagantaan fooyya’insa ogummaa walitti fufaa (CPD) barnoota fedhii addaa hammatee jira. Manni barumsichaa sagantaa barnoota fedhii addaa hoogganuu akka danda’u barsiisonni leenji’anii fi meeshaaleen barabaachisoo ta’an ( faasilitii)guutuuf carraaqqii gochuudhaan saganticha hojii irra oolchee jira. 45

Doomeenii 2,Elamantii 3,Istaandaardii 11 Fedhiin addaa barattootni qaban galmaa’ee qabamee jira.Akkaataa dandeettii isaaniitiinis baratanii bu’a qabeessa akka ta’an sagantaaleen, malleen barsiisuu fi meeshaaleen akka fedhii isaaniitti mijaawaa akka ta’an godhamee jira. Barattoonni sagantaa barnootaa fedhii addaa irraa itti quufiinsa akka argatan qorannoowwan maatii irratti gaggeeffaman ni agarsiisu. Barattoonni fedhii addaa qaban rakkoo malee barnootaa isaanii hordofuu akka danda’an dareewwan barumsaa haala baasii qusatuunii fi haala salphaa ta’een kan gurmaa’aniidha. 46

Doomeenii 3,Elamantii 1,Istaandaardii 12 Doomeenii 3: Hooggansa mana barumsaa Hooggansi mana barumsaa mul’ata ifaa ta’e qopheessuudhaan, hawaasa mana barumsichaa waliin waldeeggaruudhaan , dambiiwwan baasuudhaan gara mul’atichaa hoogganuutti deemuu qaba. Mul’atchi barattoota giddu galeessa kan godhatee fi barsiisotaaf xiyyeeffannaa kennuudhaan fooyya’insa wal irraa hincinne kan barbaaduudha.Hooggansii fi bulchiinsi isaa hojii itti gaafatamummaa waliinii kan barbaaduu dha . Elamantii 1: Mul’ata Tarsiima’aa Istaandardii 12: Manni barumsichaa mul’ata waliinii qaba. Galmoonni fi kaayyooleen kaa’amanis gochaawwan mana barumsichaatiin xiyyeeffannoo dursa argatan kessaatti kan calaqqisaniifi firii eegamu argamsiisanii dha. 47

Doomeenii 3,Elamantii 1,Istaandaardii 12 Mul’istoota Raawwii: Karoorri tarsiima’aanii fi kan waggaa hirmaachisaa ta’anii bu’aa ofiin of madaaluu irratti hundaa’uudhaan kan qophaa’aniidha. Galmawwanii fi mul’atawwan mana barumsichaa waliin wal-cinaa kan deeman madaalliin ogummaa (professional appraisal) fi barannoon/barnoonni ogummaa ni jiru.( ከትምህርት ቤቱ ራዕይና ግቦች ጋር ጎን ለጎን የሚሄዱ ሙያዊ ግምገማ (professional appraisal) እና ሙያዊ ትምህርቶች አሉ ።) Gochaawwaan mana barumsichaa keessaatti raawwataman osoo adda hin citiin dhaabbataan ( consistently) kan gaggeeffaman ta’uun isaanii mirkanaa’ee jira . 48

Doomeenii 3,Elamantii 1,Istaandaardii 12 Sonawwan , qajeelfamoonni amala gaarii (ethics ), qajeelfamoonni ittiin hoogganamanii fi kaayyoowwan mana barumsichaa hawaasa mana barumsaa biratti kan beekamaniidha Tooftawwan karoora tarsiima’aa waliigalaa mana barumsichaa beeksisuu fi hojii irra oolchuu dandeessisan ifatti kaa’amanii jiru. Hooggantoonni mana barumsichaa galmootaa fi bu’aawwan olaanaa eeggmanii fi ifatti kaa’aman yeroo baay’ee ni ibsu , fooyya’insa argamanis hordofanii jiru. 49

Doomeenii 3,Elamantii 2,Istaandaardii 13 Elamantii 2 : Amala hooggantummaa Istaandardii 13: Fooyya’insi mana barumsaa itti fufiinsa qabuu fi ragaa qabatamaa irratti hundaa’e jiraachuun isaa mirkanaa’ee jira. Agarsiistota Raawwii: Manni barumsichaa hawaasa wajjiin mari’achuudhaan ragaan fooyya’insa mana barumsichaatif walitti qabame xiyyeeffannaa dursaa argatee bu’a qabeessummaa isaa beekuuf qaccessuun hojii irra oolee jira. Ragaaleen itti fufiinsaan galmaa’an (longitudinal data) bu’aawwan barattootaa kan fooyya’an ta’uu isaanii agarsiisanii jiru.Kun madaallii qaama alaatiin ( external validation) raawwatameen mirkanaa’ee jira. 50

Doomeenii 3,Elamantii 2,Istaandaardii 14 Istaandardii 14 Manni barumsichaa dhaabbata ogummaa leenjii waliin waliinii keessatti gaggeeffamu waan ta’eef ogummaan barsiisummaafi hooggansaa fooyya’ee jira. Agarsiistota Raawwii Karoorri tarsiima’aan mana barumsichaa dhimmoota fooyya’iinsa ogummaa barsiisummaaf dursa kennan ofkeessatti qabatee jira. Barsiisota mana barumsichaatiif sirni barsiisota muuxannoo fooyy’aa qabaniin leenjii kennuu/deeggarsi (coaching and monitoring) waan diriireef gahumsi ogummaa barsiisotaa fooyy’eera. Fedhiin hooggansi mana barumsichaa leenjiif qabu adda bahanii jiru; akkasumas, miseensonni hooggansaa sagantaalee leenjii irratti hirmaachuu danda’anii jiru. 51

Doomeenii 3,Elamantii 2,Istaandaardii 15 Istaandardii 15: Walitti dhufeenyi hawaasa mana barumsaa jidduu jiru wal amanuu fi hiriyyummaa (collegiality) irratti kan hundaa’e ta’uun hojiin akka nagaan hojjatamu taasiseera. Agarsiistota Raawwii: Hawaasa mana barumsichaa giddu walitti dhufeenyi wal ijaarsaa ,walqixximmaa fi iftoomina qaban akka jiran qorannoowwan hojjattoota, maatii barattotaa, barsiisotaa fi barattoota irratti gaggeeffaman mirkaneessanii jiru. Manni barumsichaa danbiiwwan gummaa/ adeemsawwan hojii kan rakkoo hiikuu qaba. 52

Doomeenii 3,Elamantii 2,Istaandaardii 16 Istaandardii 16 Dhimmamtoonni hundi bu’aa barnootaa barattootaatiif itti gaafatamtoota ta’uu isaanii hubatanii galmaan gahaniiru. Agarsiistota Raawwii: Waaltinnii fi sagantaaleen argaman itti fufiinsa kan qaban, amansiisaa kan ta’an, mirkanaa’uu kan danda’anii fi bu’aa qabatamaa ta’e kan argisiisan akka ta’e hooggantoonnii fi barsiisonni mana barumsichaa mirkaneessuu qabu. 53

Doomeenii 3,Elamantii 2,Istaandaardii 16 Bulchiinsi mana barumsichaa,tarsiimoo barnoota fedhii addaa qindeessee hojii irra olchuun, too’achuun madaaluun itti gaafatamummaa ogummaa isaa bahee jira. Madaalliin manni barumsichaa ofiin ofmadaalu, adeemsi karooraa fi piroosiijarootaa sirrii ta’uun isaa qaama barumsichaa alaatiin(external validation). mirkanaa’ee jira. Barsiisonni fooyya’insa qabxii barattootaa irratti bu’aa eegamu wajiin kan walcinaatti (expected outcome) ilaalaman tooftaawwan dhaabbataa ta’an qabu . 54

Doomeenii 3,Elamantii 2,Istaandaardii 17 Istaandardii 17 Manni barumsaafi hawaasni mana barumsaa adeemsa murtii kennuu fi bulchuu irratti waliin waan hojjataniif tokkummaan hojji gaggeessuun baratamee jira. Gamataan maatii fi barsiisotaa (GMB), koreen fooyya’insa mana barumsaa fi bakka bu’oonni mana marii barattootaa adeemsa kenniinsa murtii mana barumsichaa keessattii hirmaannaa waan godhaniif waliin hojjachuun uumamee jira . Adeemsi kenniinsa murtii ifatti kan addeeffaman, ragaadhaan kan deeggaramanii itti fufiinsaan kan hojii irra oolaniidha. Bu’aawwan adeemsichaas galmaa’anii jiru. 55

Doomeenii 3,Elamantii 3,Istaandaardii 18 Elamantii 3: Hooggansa/bulchiinsa mana barumsaa Istaandardii 18: Bulchiinsi qabeenyaa mana barumsichaa sagantaalee fi guddina barnootaa waan deeggaruuf raawwiin isaa bu’a qabeessa ta’eera. Agarsiistota Raawwii Manni barumsichaa wirtuu gurmaa’ina barnootaa( CRC ) fi dhaabbilee naannawatti argaman irraa leecalloo fi ogeeyyii argatee waan itti fayyadameef adeemsi baruu-barsisuu fooyya’ee jira. Humni namaa, meeshaalee (leecalloo ) wantoota dursi kennamuufii qabuu fi haalli barattoonni bu’aa olaanaa itti galmeessisuu danda’aniin qindaa’anii hojii irra oolanii jiru. 56

Doomeenii 3,Elamantii 3,Istaandaardii 19 Istaandardii 19 Manni barumsichaa seera keessoo mana barumsaa cimaa, qajeelfamootaa fi adeemsa hojii gaarii diriirsee hoji irra waan oolcheef raawwiin cimaan lafa qabatee jira. Agarsiistota Raawwii: Qajeelfamni mana barumsaa inni keessaa qajeelfamoota barnoota fedhii adda, amalaa fi naamusa gama saalaa fi sanyiitiin jiru ilaalchisee carraa walqixa ta’e kan of keeesaatii qabataniidha. . 57

Doomeenii 3,Elamantii 3,Istaandaardii 19 Qajeelfamni mana barumsaa sanadatti (documented) galmaa’anii qabamanii jiru. Akkasumas haala qabatamaa yeroo waliin akka wal simanitti fooyya’anii jiru. Qajeelfamoonni mana barumsichaa imaammata barnootaa fi leenjii biyyattii waliin waan wal-simeef hojii haala gaariin hojjachuun lafa qabateera . Manni barumsichaa dhimmamtoota wajjin walitti dhufeenya bu’a qabeessa uumee raawwiitti quufuun argameera 58

Doomeenii 3,Elamantii 3,Istaandaardii 20 Istaandardii 20: mana barumsaa fi dhimmamtoota jidduu walitti dhufeenyi gaariin jiraachuun hojii barnootaaf aniis abbaadha yaada jedhu cimseera. Agarsiistota Raawwii: Manni barumsichaa dhimmamtoota wajjiin waliigaltee (communication) idilaa’ee fi bu’a qabeessa ta’ee waan uumeef warreen itti fayyadamoo ta’an tajaajila isaanitti quufanii jiru . 59

Doomeenii 3,Elamantii 3,Istaandaardii 20 Doomeenii 4 : Hirmaannaa hawaasaa Walitti dhufeenya qulqullina qabu maatii barattootaa fi hawasa waliin uumuun, barattoota isaanii hawaasa waliin walitti dhiyeessuu dandeessisa.Walitti dhufeenyi dhugaa fi itti fufiinsa qabu,manneen baranoota irraa eeguuf deebii kennuufis ni gargaara. Ragaa adda addaa hawaasaaf kennuuf gargaara . 60

Doomeenii 4,Elamantii 1,Istaandaardii 21 Elamantii 1: Maatii fi guddistoota wajjin hojjechuu (partnership with parents and carers) Istaandardii 21 Maatii fi guddistoonni , dhimma barnoota ijoollee isaanii irratti dammaqinnaan hirmaachuun ijoolleen isaanii barnoota irratti akka ciman taaiseera . Agarsiistota Raawwii : Caasaawwanii fi dhaabbileen hirmaannaa maatii barattootaa deeggaaruuf diriirsifaman ni jiru . Wal-gahii manni barumsichaa waamu irratti akka hirmaatanis jajjabeeffamanii jiru. 61

Doomeenii 4,Elamantii 1,Istaandaardii 21 Maatiin ijoolee hojii manaa kan ijoollee isaaniif kenname ilaaluudhaan yaada itti kennanii jiru. Ragaa wal jijjiirruu fi sagantalee manni barumsichaa gaggeessu irratti hirmaannaan maatii barattootaa olaanaa ta’uu isaa qorannoowwan ni agarsiisu. 62

Doomeenii 4,Elamantii 1,Istaandaardii 22 Istaandardii 22 Walitti dhufeenyi gaariin maatii /guddistuu fi mana barumsaa jiddutti mul’ate barattoota simannaa barnootaa irratti deeggaruun kan cimseedha . Sagantaan idiileen kan qabxiin barattootaa itti gabaafamu ni jira. Maatiin/guddistoonni caasaawwaan akka gamataa maatii fi barsiisotaa akkasumas boordii barnoota gandaa keessatti dammaqinaan hirmaachaa jiru . 63

Doomeenii 4,Elamantii 1,Istaandaardii 22 Galmeen odeeffannoo barsiisotaa barsiisonni , maatii fi guddistoonni yeroon itti wal qunnaman(frequency) olaanaa ta’uun amallii fi qabxiin barattootaa akka fooyya’u tasiseera.Odeeffannoon barsiisotaa kanuma qaacceessee adda baasee argisiisa. Maatii fi guddistoonni ijoolleef barumsa irratti deeggarsi godhaman galmee mana barumsaa keessatti galmaa’anii jiru . 64

Doomeenii 4,Elamantii 2,Istaandaardii 23 Elamantii 2 : Hirmaannaa Hawaasaa Istaandaardii 23: Manni barumsichaa hawaasaa fi jarmiyaalee alaa (external organizations) waliin hariiroo cimsatee jira . Agarsiistota Raawwii : Hirmaannaan hawaasaa qaama qajeelfama keessoo mana barumsaa ta’ee jira . 65

Doomeenii 4,Elamantii 2,Istaandaardii 23 Manni barumsichaa hariiroo cimaa maatii fi hawaasa waliin uumuun barnoota hawaasaa misoomsuu fi hojiitti hiikuu , akkasumas hojiiwwan biroo kanneen akka barreesuu fi dubbisuu,barmaatiilee duubatti hafoo ta’an hambisuufi dhimmoota guddina fiduu danda’an irratti hojjechaa jira . Dhaabbileen biroo hedduun adeemsa baruu-barsiisuu irratti mana barumsichaaf muuxannoo qaban gochaan qooduufiin deeggaranii jiru . 66

Doomeenii 4,Elamantii 3,Istaandaardii 24 Elamantii 3: Barnootaa Beeksisuu Istaandaardii 24: bu’aafi faayidaa qabeessummaa hojiilee mana barumsichaa hawaasa mana barumsaan alaatiif akka beeksifamu waan taasifameef hubannoon isaanii cimee jira , deeggarsi taasifamuufis dabalee jira . 67

Doomeenii 4,Elamantii 3 ,Istaandaardii 24 Agarsiistuwwan Raawwii : Manni barumsaa hojiilee hojjachaa jiru hawaasaa keessaa fi alaatiif midiyaalee akka xalayalee , barreeffamoota gaggabaaboon , wlgahiin kkf ) humna guutuun beeksisee hubannoon hawaasichaa cimsee jira . Hojiiwwan mana barumsatiin raawwatamanii milkaa’aniif beekumsaa fi kabajaan kennameera . 68

Sadarkeessuu /Rating Scale Lak. Ibsa sadarkaa Qabxii 1 Sadarkaa barbaadamu irra kan gahe 4 2 Hojjatamaa kan jiru 3 3 Jalqabamaa kan jiru 2 4 Qophii irra kan jiru 1 5 Qabatamaa kan hin taane/waan mul’atu kan hin qabne x

V.Maxxantuuwwan Ragaalee Ittiin Funaanan   Maxxantuu 1: Guca sagantaan fooyya’insa manneen barnootaa ittiin of madaalu Maxxantuu 2: Meeshalee ragaan ittiin sassaabamu (Maatii,Basiisota,Barattoota) Maxxantuu 3: Unkaalee h ordoffii f i m adaallii h ojiirraa o olmaa Karoora Fooyya’insa Manneena Barnootaa Maxxantuu 4: Foormaatii galmeewwan hordoffii adda addaa a kka m adda r agaaleetti f ayyadanii 70

Qajeelfama ijoo qophii karoora FMB Galmi guddaan fooyya’iinsa mana barumsaaa haala barachuu fi bu’aa barachuu barattoota hundaa ol guddisuudha. Dura bu’aan mana barumsaa adda duree fooyya’iinsa mana barumsaaati . Deeggarsaa fi hooggansa dura bu’aa malee adeemsi karoorsuun jijjiirama fiduu dandeessisu humna raawwachiisu dhaba. Barattootaa fi maatiin akkamiin mana barumsaaa fooyyeessuun akka danda’amu hubannoo gahaa akka qabaatan taasisuun adeemsicha keessatti hirmaannaan isaanii jalqaba irraa akka jiraatu mirkaneessuu.

… Missensonni mana barumsaaa hundi barsiisonni, hojjattoonni adeemsa qophii karooraa irratti hirmaachuun hubannoo gahaa qabaachuu qabu. Adeemsa fooyya’iinsaa keessatti damaqinaan hirmaachuu irratti hirmaannaan dhimmamtootaa dabalaa deemuun manni barumsaa gargaarsa barbaadu akka argatu carraa banaaf. Bu’aan irra gahamee fi ragaan qabatama irratti hundaa’e yeroo yeroon kan isaan gahu yoo ta’e, bakka bu’oonni dhimmamtootaa fi hawaasa mana barumsaa hojiiwwan baay’ee raawwachuu danda’u.

… Galmootaa fi furmaatawwan fooyya’iinsa mana brnootaa ilaalchisee murteewwan gahan sirriitti itti yaadamanii maddoota odeeffannoo sakatta’anii ta’uu qabu. Fooyya’iinsa mana barumsaa karoorsuun adeemsa addaan hin cinne ennaa ta’u, hordoffii walitti fufaa dhuunfaa fi madaalliin alaa raawwatamaa yeroo yeroon sirreeffamni sagantaa fi adeemsaa godhamuu qaba.

… Fooyya’iinsi firii barattootaa gochawwan daree keessatti raawwataman wajjiin wal qabata.Barsiisonni gochawwan daree keessatti raawwatan ibsuu fi muuxannoo isaanii walii hiruuf eeyyamamoota ta’uu fi fedhii barattootaa guutuuf kan tattaaffatan ta’uu qabu Quqlullinni dokumeentii karooraa kan murteeffamu gahumsa yaadaa ogeeyyii hirmaatanii, tattaaffii fi sadarkaa hirmaannaa waan ta’eef dhimmoota bu’uuraa xiyyeeffannaan argachuu qabaniidha.

GALATOOMAA!!!